< Keessa Deebii 33 >

1 Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;
Hii ni baraka ambayo Musa mtu wa Mungu aliwabariki watu wa Israeli kabla ya kifo chake.
2 innis akkana jedhe: “Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe; isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
Alisema: Yahwe alikuja kutoka Sinai na akainuka kutoka Seiri juu yao. Aling'ara kutoka mlima wa Paramu, na akaja na elfu kumi ya watakatifu. Katika mkono wake wa kuume radi zilimulika.
3 Dhugumaan situ saba jaallata; qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; qajeelfamas sirraa argatu;
Kweli, anawapenda watu; watakatifu wake wote wapo mikononi mwako, na walimsujudu mguuni mwake; walipokea maneno yako.
4 Museen seera nuu kenneera; kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
Musa alituamuru sheria, urithi kwa kusanyiko la Yakobo.
5 Yeroo hooggantoonni sabaa gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti inni Yishuruun irratti mootii ture.
Kisha pakawa na mfalme Yeshurumu, pale ambapo wakuu wa watu walipokusanyika, makabila yote ya Israeli pamoja.
6 “Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
Acha Rubeni aishi na asife, lakini wanaume wake wawe wachache.
7 Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi; gara saba isaattis isa fidi. Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
Hii ni baraka ya Yuda. Musa akasema: Sikiliza sauti ya Yuda, Yahwe, na umlete kwa watu wake tena. Mpiganie; kuwa msaada dhidi ya maadui wake.
8 Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: “Tumiimii fi Uriimiin kee tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
Kuhusu Lawi, Musa akasema: Thumimu yako na Urimu yako ni ya mtakatifu wako, yule uliyemjaribu kule Masa, ambaye ulishindana naye katika maji ya Meriba.
9 Waaʼee abbaa fi haadha isaas, ‘Ani isa hin argine’ jedhe. Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; ijoollee isaas hin beekne; isaan dubbii keetiif ajajamanii kakuu kee eeganiiruutii.
Mtu aliyesema juu ya baba na mama yake, “Sijawaona.” Wala hakuwatambua kaka zake, wala hakuzingatia juu ya watoto wake wenyewe. Kwa maana alilinda neno lako na kushika agano lako.
10 Inni ajaja kee Yaaqoobin, seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. Fuula kee duratti ixaana, iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
Anafundisha Yakobo maagizo yako na Israeli sheria yako. Ataweka ubani mbele yako na sadaka kamili ya kuteketezwa juu ya dhabahu lako.
11 Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif; waan harki isaa hojjetuttis gammadi. Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
Bariki mali zake, Yahwe, na kubali kazi ya mikono yake. Vunja viuno vya wale wanaoinuka dhidi yake, na wale watu wanaomchukia, ili wasiinuke tena.
12 Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
Kuhusu Benyamini, Musa akasema: Yule anayependwa na Yahwe anaishi kwa usalama kando yake; Yahwe anamkinga siku nzima, naye huishi katikati ya mikono ya Yahwe.
13 Waaʼee Yoosef akkana jedhe: “Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu; fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
Kuhusu Yusufu, Musa akasema: Nchi yake na ibarikiwe na Yahwe na vitu vya thamani vya mbinguni, na umande, na kina kilalacho chini.
14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun, waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
Nchi yake na ibarikiwe na vitu vya thamani mavuno ya jua, na vitu vya thamani mazao ya miezi,
15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
kwa vitu vizuri vya milima ya zamani, na kwa vitu vya thamani vya milima ya milele.
16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. Isaan kunneen hundi mataa Yoosef kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
Nchi yake ibarikiwe na vitu vya thamani vya ardhi na wingi wake, na kwa mapenzi mema ya yule aliyekuwa kichakani. Baraka na ifike juu ya kichwa cha Yusufu, na juu ya kichwa cha yule aliyekuwa mwana wa mfalme kwa kaka zake.
17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. Isaaniinis hamma daarii lafaatti saboota ni waraana. Isaanis kuma kurnan Efreem, akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
Mzawa wa kwanza wa ng’ombe, katika utukufu wake, na pembe zake ni pembe za ng’ombe mwitu. Kwa hawa atawasukuma watu, wote, hadi mwisho wa ulimwengu. Hawa ni maelfu makumi ya Efraimu; hawa ni maelfu wa Manase.
18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
Kuhusu Zabuloni, Musa alisema: Furahi, Zabuloni, katika kutoka kwako, na wewe, Isakari, katika mahema yako.
19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
Watawaita watu hadi milimani. Huko watatoa sadaka za utakatifu. Maana watanyonya wingi wa bahari, na mchanga wa ufukweni.
20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! Gaad irree fi mataa caccabsaa akka leencaatti achi jiraata.
Kuhusu Gadi, Musa alisema: Abarikiwe yule amkuzaye Gadi. Ataishi pale kama simba jike, naye atanyakua mkono au kichwa.
21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; qoodni hooggantootaa isaaf turfame. Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
Alitoa sehemu nzuri kwake mwenyewe, maana kulikuwa na fungu la ardhi la kiongozi lililohifadhiwa. Alikuja na vichwa vya watu. Alitekeleza haki ya Yahwe na maagizo yake pamoja na Israeli.
22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: “Daan akka ilmoolee leencaa kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
Kuhusu Dani, Musa alisema: Dani ni mwana wa simba arukaye kutoka Bashani.
23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: “Niftaalem surraa gonfateera; eebba Waaqayyootiinis guutameera; inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
Kuhusu Naftali, Musa alisema: Naftali, aliyeridhika na fadhila, na kujaa kwa baraka za Yahwe, miliki nchi iliyopo magharibi na kusini.
24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
Kuhusu Asheri, Musa alisema: Abarakiwe Asheri Zaidi ya watoto wengine wa kiume; naye akubalike kwa kaka zake, na achovye mguu wake ndani ya mafuta ya zeituni.
25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
Vyuma vya mji wako na viwe chuma na shaba; kama vile siku zako zitakavyokuwa, ndivyo usalama wako utakavyokuwa.
26 “Waaqni akka Waaqa Yishuruun, kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
Hakuna aliye kama Mungu, Yeshurumu – aliyekamili, anayeendesha katika mbingu kukusaidia, na katika utukufu wake juu ya mawingu.
27 Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Mungu wa milele ni kimbilio, na chini yake kuna mikono ya milele. Husukuma adui mbele yako, naye alisema, “Angamiza!”
28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; lafa fixeensi samii itti coccophutti, biyya midhaanii fi wayinii haaraatti namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
Israeli waliishi katika usalama. Wana wa Yakobo walikuwa salama katika nchi ya nafaka na divai mpya; hakika, mbingu na idondoshe umande juu yake.
29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! Sabni Waaqayyo isa fayyise, kan akka keetii eenyu? Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; goraadee ulfina keetiitis. Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”
Baraka zako ni nyingi, Israeli! Nani kama wewe, watu waliokombolewa na Yahwe, ngao ya msaada wako, na upanga wa utukufu wako? Maadui zako watakuja kwako kwa kutetemeka; utakanyanga sehemu zao zilizoinuka.

< Keessa Deebii 33 >