< Keessa Deebii 33 >

1 Eebbi Museen namni Waaqaa sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;
Voici la bénédiction dont Moïse, homme de Dieu, bénit les enfants d'Israël, avant de mourir.
2 innis akkana jedhe: “Waaqayyo tulluu Siinaa irraa dhufe; isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe; Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise. Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe; karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.
Il dit: Yahweh est venu de Sinaï, il s'est levé pour eux de Séïr, il a resplendi de la montagne de Pharan, il est sorti du milieu des saintes myriades; de sa droite jaillissaient pour eux des jets de lumière,
3 Dhugumaan situ saba jaallata; qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru. Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu; qajeelfamas sirraa argatu;
Il aime aussi les peuples; tous ses saints sont dans ta main, eux sont assis à tes pieds, et chacun recueille ta parole.
4 Museen seera nuu kenneera; kunis dhaala waldaa Yaaqoob.
Moïse nous a prescrit une loi, héritage de l'assemblée de Jacob.
5 Yeroo hooggantoonni sabaa gosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanitti inni Yishuruun irratti mootii ture.
Il devint roi en Jésurun, lorsque s'assemblèrent les chefs du peuple, avec les tribus d'Israël.
6 “Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin; yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”
Que Ruben vive et qu'il ne meure point, et que ses hommes ne soient pas réduits à un petit nombre!
7 Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, iyya Yihuudaa dhagaʼi; gara saba isaattis isa fidi. Inni harka ofii isaatiin of haa eegu. Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”
Ceci est pour Juda; il dit: Ecoute, ô Yahweh, la voix de Juda, et ramène-le vers son peuple. De son bras il combattra pour Israël, et tu lui viendras en aide contre ses ennemis.
8 Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe: “Tumiimii fi Uriimiin kee tajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu. Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte; bishaan Mariibaa irratti isa lolte.
Il dit pour Lévi: Ton Urim et ton Thummim sont confiés à ton homme saint, que tu as éprouvé à Massa, avec qui tu as contesté aux eaux de Mériba,
9 Waaʼee abbaa fi haadha isaas, ‘Ani isa hin argine’ jedhe. Inni obboloota isaa addaan hin baafanne; ijoollee isaas hin beekne; isaan dubbii keetiif ajajamanii kakuu kee eeganiiruutii.
qui a dit de son père et de sa mère: « Je ne les ai pas vus, » qui n'a pas reconnu ses frères, et ne sait rien de ses enfants. Car ils ont observé ta parole, et ils ont gardé ton alliance;
10 Inni ajaja kee Yaaqoobin, seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa. Fuula kee duratti ixaana, iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.
ils enseignent tes ordonnances à Jacob, et ta loi à Israël; ils présentent l'encens à tes narines, et l'holocauste sur ton autel.
11 Yaa Waaqayyo, ogummaa isaa hunda eebbisiif; waan harki isaa hojjetuttis gammadi. Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi; akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”
Bénis sa force, ô Yahweh; agrée l'œuvre de ses mains; brise les reins de ses adversaires, et de ceux qui le haïssent; qu'ils ne se relèvent plus!
12 Waaʼee Beniyaam akkana jedhe: “Namni Waaqayyo isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu; inni guyyaa guutuu isa eegaatii; namni Waaqayyo isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”
Il dit pour Benjamin: Bien-aimé de Yahweh, il habitera en sécurité auprès de lui. Yahweh le protège continuellement, entre ses épaules il repose.
13 Waaʼee Yoosef akkana jedhe: “Waaqayyo biyya isaa haa eebbisu; fixeensa filatamaa samiidhaa buusuudhaan bishaan boolla gad fagoo keessaatiin,
Il dit pour Joseph: Béni de Yahweh est son pays; à lui le précieux don du ciel, la rosée, les eaux de l'abîme étendu en bas,
14 midhaan filatamaa aduun biqilchituun, waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,
les produits excellents que fait mûrir le soleil, les fruits excellents des mois,
15 kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin, badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,
les meilleurs produits des montagnes antiques, les dons excellents des collines éternelles,
16 kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin, surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu. Isaan kunneen hundi mataa Yoosef kan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.
les dons excellents de la terre et de son abondance. Que la faveur de celui qui habita dans le buisson vienne sur la tête de Joseph, sur le haut de la tête du prince de ses frères!
17 Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata; gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti. Isaaniinis hamma daarii lafaatti saboota ni waraana. Isaanis kuma kurnan Efreem, akkasumas kumaatama Minaasee ti.”
A son taureau premier-né, à lui est la gloire; ses cornes sont les cornes du buffle; il en frappera tous les peuples ensemble, jusqu'aux extrémités de la terre. Telles sont les myriades d'Ephraïm, tels sont les milliers de Manassé.
18 Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe: “Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin, Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.
Il dit pour Zabulon: Réjouis-toi, Zabulon, dans tes courses, et toi, Issachar, dans tes tentes!
19 Isaan saboota gara tulluutti ni waamu; achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu; isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin, qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”
Ils appellent les peuples à venir sur la montagne; là, ils offriront des sacrifices de justice, car ils suceront l'abondance de la mer, et les richesses cachées dans le sable.
20 Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe: “Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha! Gaad irree fi mataa caccabsaa akka leencaatti achi jiraata.
Il dit pour Gad: Béni soit celui qui met Gad au large! Il est couché comme une lionne; il déchire le bras, même la tête.
21 Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate; qoodni hooggantootaa isaaf turfame. Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti, inni fedhii qajeelumma Waaqayyootii fi murtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”
Il s'est choisi les prémices du pays: car là était cachée une part de chef, et il a marché en tête du peuple, il a accompli la justice de Yahweh, et ses jugements avec Israël.
22 Waaʼee Daanis inni akkana jedhe: “Daan akka ilmoolee leencaa kan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”
Il dit pour Dan: Dan est un jeune lion, qui s'élance de Basan.
23 Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe: “Niftaalem surraa gonfateera; eebba Waaqayyootiinis guutameera; inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”
Il dit pour Nephthali: Nephthali, rassasié de faveurs, et comblé des bénédictions de Yahweh, prend possession de la mer et du midi.
24 Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe: “Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha; inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu; miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.
Il dit pour Aser: Béni soit Aser entre les fils de Jacob! Qu'il soit le favori de ses frères, et qu'il trempe son pied dans l'huile!
25 Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa; jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.
Que tes verrous soient de fer et d'airain, et que ton repos dure autant que tes jours!
26 “Waaqni akka Waaqa Yishuruun, kan si gargaaruuf jedhee samiiwwan irra, surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.
Nul, ô Jésurun, n'est semblable à Dieu, qui marche sur les cieux pour venir à ton secours, et, dans sa majesté, sur les nues.
27 Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
C'est un refuge que le Dieu des temps antiques, il te soutient de ses bras éternels; il chasse devant toi l'ennemi, et il dit: « Détruis! »
28 Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata; lafa fixeensi samii itti coccophutti, biyya midhaanii fi wayinii haaraatti namni burqaa Yaaqoob tuqu hin jiru.
Israël habite en sécurité; la source de Jacob coule à part, dans un pays de blé et de vin, et son ciel distille la rosée.
29 Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha! Sabni Waaqayyo isa fayyise, kan akka keetii eenyu? Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti; goraadee ulfina keetiitis. Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu; ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”
Heureux es-tu, Israël! Qui est, comme toi, un peuple sauvé par Yahweh, le bouclier de ton secours, et l'épée de ta gloire? Tes ennemis feindront devant toi, et toi, tu marcheras sur leurs hauteurs.

< Keessa Deebii 33 >