< Keessa Deebii 32 >

1 Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha; yaa lafa, atis dubbii afaan kootii dhagaʼi.
Ku saurara, ya ku sammai, zan yi magana; bari duniya ta ji maganar bakina.
2 Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu; dubbiin koos akka fixeensaa gad haa coccophu; marga irratti akka tiifuu, biqiltuu corqaa irrattis akka bokkaa guddaa haa roobu.
Bari koyarwata tă zubo kamar ruwan sama kalmomina kuma su sauko kamar raɓa, kamar yayyafi a kan sabuwar ciyawa, kamar ruwan sama mai yawa a kan tsirai marasa ƙarfi.
3 Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa. Guddina Waaqa keenyaa jajadhaa!
Zan yi shelar sunan Ubangiji. Ku yabi girman Allahnmu!
4 Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundinuus qajeelaa dha. Inni Waaqa amanamaa hin dogoggorre, tolaa fi qajeelaa dha.
Shi Dutse ne, ayyukansa cikakku ne, dukan hanyoyinsa kuwa masu adalci ne. Allah mai aminci, wanda ba ya yin rashi gaskiya, shi mai adalci ne, nagari ne kuma.
5 Isaan hammina isatti hojjetaniiru; siʼachi isaan sababii qaanii isaaniitiif ijoollee isaa miti; isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha.
Sun aikata mugunta a gabansa; saboda abin kunyarsu, su ba’ya’yansa ba ne, amma wata muguwar tsara ce, karkatacciya.
6 Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne, ati akkasitti Waaqayyoof deebii kennitaa? Inni Abbaa kee, Uumaa kee, kan si hojjetee fi si tolche mitii?
Haka za ku biya Ubangiji, Ya ku wawaye da kuma mutane marasa hikima? Shi ba Ubanku ba ne, Mahaliccinku, wanda ya yi ku, ya kuma siffanta ku?
7 Baroota durii yaadadhu; dhaloota darbe illee qalbeeffadhu. Inni siif ibsaatii abbaa kee gaafadhu; maanguddoota kees gaafadhu; isaan sitti himuutii.
Ku tuna da kwanakin dā, ku tuna da tsararrakin da suka wuce tun tuni, Ku tambayi iyayenku, za su faɗa muku, dattawanku, za su kuma bayyana muku.
8 Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti, yommuu sanyii namaas gargar qoqoodetti, akkuma baayʼina ilmaan Israaʼelitti namootaaf daarii dhaabe.
Sa’ad da Mafi Ɗaukaka ya ba da al’ummai gādonsu, sa’ad da ya raba dukan’yan adam, ya kafa iyakoki wa mutane bisa ga yawan’ya’yan Isra’ila maza.
9 Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti; Yaaqoob immoo dhaala dhuunfaa isaa ti.
Gama rabon Ubangiji shi ne mutanensa, Yaƙub shi ne rabon gādonsa.
10 Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi gammoojjii nama gubu keessatti isa argate. Inni gaachana taʼeefii isa eege; akka qaroo ija isaattis isa eege;
A cikin hamada ya same shi, a jeji marar amfani, inda namomi suke kuka. Ya tsare shi, ya kuma lura da shi; ya bi da shi kamar ƙwayar idonsa,
11 akkuma risaan mana ishee diigdee ilmaan ishee irra qoochoo qabdu, akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu, akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana,
kamar gaggafar da take yawo a kan sheƙarta tana rufe’ya’yanta, ta buɗe fikafikanta don tă kwashe su tă ɗauke su a kafaɗunta.
12 Waaqayyo qofatu isa geggeesse; waaqni ormaa tokko iyyuu isa wajjin hin turre.
Ubangiji kaɗai ya jagorance shi; babu wani baƙon gunkin da yake tare da shi.
13 Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise; midhaan lafa qotiisaa isa soore. Kattaa keessaa damma isa nyaachise; dhagaa gurraacha keessaa immoo zayitii kenneef;
Ya sa shi ya hau ƙwanƙolin dutse ya ciyar da shi da amfanin gona. Ya shayar da shi da zuma daga dutse, da kuma mai daga dutsen ƙanƙara,
14 dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee, xobbaallaawwanii fi reʼoota cooman, korbeeyyii hoolaa filatamoo Baashaan, ija qamadii gaariis isa soore. Ati cuunfaa dhiiga wayinii qulqulluus ni dhugde.
da kindirmo da madara daga shanu da tumaki da ƙibabbun tumaki da awaki, da zaɓaɓɓun ragunan Bashan da kuma ƙwayoyin alkama mafi kyau. Ka sha ruwan inabi ja wur mai kumfa.
15 Yishuruun ni gabbate; ni dhiite; nyaatee quufe; ni ulfaate; ni cululuqe. Waaqa isa uume ni dhiise; Kattaa Fayyisaa isaa taʼes ni tuffate.
Yeshurun ya yi ƙiba, ya yi kauri; cike da abinci, ya zama da nauyi, ya kuma zama sumul. Ya yashe Allahn da ya yi shi, ya ƙi Dutse Cetonsa.
16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan; waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.
Suka sa shi kishi saboda baƙin allolinsu, suka husata shi da gumakan banƙyamarsu.
17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif, waaqota hin beekiniif, waaqota reefuu dhufaniif, waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.
Suka yi hadaya ga aljanu, waɗanda ba Allah ba, ga allolin da ba su sani ba, ga allolin da aka shigo da su daga baya, allolin da kakanninku ba su ji tsoronsu ba.
18 Ati Kattaa si dhalche gante; Waaqa si uume irraanfatte.
Kuka rabu da Dutsen da ya zama mahaifi gare ku; kuka manta da Allahn da ya haife ku.
19 Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate; inni ilmaanii fi intallan ofii isaatti aareeraatii.
Ubangiji ya ga wannan ya kuma ƙi su, domin’ya’yansa maza da mata sun husata shi.
20 Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha; dhuma isaaniis nan arga” jedhe; isaan dhaloota jalʼaa, ijoollee hin amanamneedhaatii.
Ya ce, “Zan ɓoye fuskata daga gare su, in ga ƙarshensu; gama su muguwar tsara ce,’ya’ya ne marasa aminci.
21 Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan; waaqota tolfamoo isaanii kanneen faayidaa hin qabneenis na aarsan. Anis warra saba hin taʼiniin akka isaan hinaafan nan godha; saba hubannaa hin qabneenis isaan nan aarsa.
Sun sa ni kishi ta wurin abin da ba allah ba, suka kuma husata ni da gumakansu na wofi. Zan sa su yi kishi ta wurin waɗanda ba mutane ba; zan sa su yi fushi ta wurin al’ummar da ba ta da sani.
22 Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii; innis hamma siiʼoolitti gad dhidhimee ni bobaʼa. Lafaa fi waan isheen baaftu ni nyaata; hundee tulluuwwaniitti illee ibidda qabsiisa. (Sheol h7585)
Gama fushina ya kama wuta, tana ci har ƙurewar zurfin lahira. Za tă cinye duniya da girbinta, tă kuma sa wuta a tussan duwatsu. (Sheol h7585)
23 “Ani waan hamaa isaan irra nan tuula; xiyya koos isaanitti nan fixadha.
“Zan tula masifu a kansu in kuma gama kibiyoyina a kansu.
24 Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi dhaʼicha isaanitti nan erga; ilkaan bineensaa qaramaa isaa, hadhaa buutii lafa irra lootuus isaanitti nan erga.
Zan aika da yunwa mai tsanani a kansu, zazzaɓi mai zafi da muguwar annoba; zan aika da haƙoran namun jeji a kansu, da dafin mesa masu ja da ciki.
25 Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha; mana isaaniitti sodaatu moʼa. Dargaggoonnii fi dargaggeettiiwwan, daaʼimmanii fi maanguddoonni ni dhumu.
Waɗanda suke a waje, takobi zai kashe su, a cikin gidajensu kuma tsoro zai mamaye su.’Yan maza da’yan mata za su hallaka, haka ma jarirai da maza masu furfura.
26 Anis isaan nan bittinneessa; yaadannoo isaaniis sanyii namaa keessaa nan balleessa.
Na ce zan watsar da su in sa a manta da su a tunanin’yan adam.
27 Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii, ‘Harka keenyatu moʼate malee, Waaqayyo waan kana hunda hin goone’ hin jenne, ani dhaadannoo diinaa sodaadheera.”
Amma ina tsoron tsokanar abokin gāba, don kada abokan gāba su kāsa ganewa har su ce, ‘Hannunmu ne ya yi nasara; ba Ubangiji ne ya aikata dukan wannan ba.’”
28 Isaan saba qalbii hin qabne, kan hubannaa tokko illee hin qabnee dha.
Al’ummai ne marasa azanci, babu ganewa a cikinsu.
29 Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii silaa dhuma isaanii ni beeku turan!
A ce su masu hikima ne har su gane wannan su gane abin da ƙarshensu zai zama!
30 Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee, yoo Waaqayyo dabarsee isaan kenne malee, akkamitti namni tokko nama kuma tokko yookaan namni lama nama kuma kudhan gugsa?
Yaya mutum guda zai kore dubu, mutum biyu su sa dubu goma su gudu, sai ko Dutsensu ya sayar da su, sai ko Ubangiji ya bashe su.
31 Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti; kana immoo diinonni keenya iyyuu hin ganan.
Gama dutsensu ba kamar Dutsenmu ba ne, abokan gābanmu sun san da haka.
32 Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi lafa qotiisaa Gomoraa irraa dhufa. Iji wayinii isaanii summiidhaan, hurbuun isaaniis waan hadhaaʼuun guutameera.
Kuringarsu ta fito daga kuringar Sodom ne, daga gonakin Gomorra kuma.’Ya’yan inabinsu dafi ne, nonnansu masu ɗaci ne.
33 Wayiniin isaanii hadhaa bofaa, summii bofa hadhaan isaa nama ajjeesuu ti.
Ruwan inabinsu dafin macizai ne, mugun dafin gamshaƙa ne.
34 “Kun waan na biratti eegame, kan galmee koo keessattis chaappaadhaan cufame mitii?
“Ban jibge wannan a ma’ajiya na kuma yimƙe shi a taskokina ba?
35 Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa. Yeroo isaatti miilli isaanii ni mucucaata; guyyaan badiisa isaanii dhiʼaateera; badiisni isaaniis isaanitti ariifateera.”
Sakayya nawa ne, zan kuwa ɗau fansa. A cikin lokaci, ƙafarsu za tă yi santsi; ranar masifarsu ta yi kusa hallakarsu kuma tana gaggautawa a kansu.”
36 Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban, akka garbichis taʼu namni birmaduun tokko iyyuu hin hafne argutti, saba isaatiif ni murteessa; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
Ubangiji zai shari’anta mutanensa yă kuma ji tausayin bayinsa sa’ad da ya ga ƙarfinsu ya ƙare babu kowa kuma da ya rage, bawa ko’yantacce.
37 Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan, waaqonni tolfamoon isaanii amma eessa jiru?
Zai ce, “To, ina allolinsu, dutsen da suka yi mafaka a ciki,
38 Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan, kanneen dhibaayyuu daadhii wayinii isaanii dhuganis eessa jiru? Mee kaʼanii isaan haa gargaaran! Mee daʼannoo haa kennaniif!
allolin da suka ci kitsen hadayunsu suka kuma sha ruwan inabin hadayunsu? Ku sa su tashi su taimake ku mana! Bari su ba ku mafaka!
39 “Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa! Ana malee Waaqni biraa hin jiru. Ani nan ajjeesa; nan jiraachisas; nan madeessa; nan fayyisas; namni harka kootii baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
“Ku duba yanzu cewa ni ne Shi! Ba wani allah in ban da ni. Nakan kashe in kuma rayar, nakan sa rauni in kuma warkar, ba wanda yake da iko yă cece wani daga hannuna.
40 Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii harka koo samiitti ol qabee nan kakadha;
Na ɗaga hannu sama na kuma furta. Muddin ina raye har abada,
41 ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee harki koo murtiidhaaf isa qabatutti, ani diinota koo haaloo nan baʼa; warra na jibbaniif illee waan isaaniif malu nan kenna.
sa’ad da na wasa takobi mai walƙiya hannuna kuwa ya cafke shi don yin hukunci, zan ɗau fansa a kan abokan gābana in sāka wa waɗanda suke ƙina.
42 Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti, ani akka xiyyi koo dhiigaan machaaʼu nan godha; dhiigni sunis dhiiga warra qalamaniitii fi boojiʼamanii kan mataa hooggantoota diinaa ti.”
Zan sa kibiyoyina su bugu da jini, yayinda takobina yana cin nama, jinin kisassu da na kamammu, kawunan shugabannin abokan gāba.”
43 Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf, yaa sabootaa, namoota isaa wajjin gammadaa. Inni diinota isaa haaloo baʼa; biyyaa fi saba isaatiif araara ni buusa.
Ku yi farin ciki, ya ku al’ummai, tare da mutanensa, gama zai rama ɗau fansar jinin bayinsa; zai ɗau fansa a kan abokan gābansa yă kuma yi kafara domin ƙasarsa da mutanensa.
44 Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise.
Sai Musa ya zo da Yoshuwa ɗan Nun suka faɗa dukan waɗannan kalmomi wannan waƙa a kunnen mutane.
45 Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti,
Sa’ad da Musa ya gama karanta waɗannan kalmomi ga dukan Isra’ila,
46 akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.
ya ce musu, “Ku riƙe dukan kalmomin da na furta muku a yau, don ku umarce’ya’yanku su lura, su yi biyayya da dukan kalmomin wannan doka.
47 Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
Ba kalmomi kurum ba ne dominku, amma har ranku ma. Ta wurinsu za ku yi tsawon rai a ƙasar da kuke haye Urdun ku ci gādonta.”
48 Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime;
A wannan rana Ubangiji ya ce wa Musa,
49 “Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali.
“Ka hau Duwatsun Abarim zuwa Dutsen Nebo a Mowab, tsallake daga Yeriko, ka hangi Kan’ana, ƙasar da nake ba wa Isra’ilawa gādo.
50 Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta.
A can kan dutsen da ka hau za ka mutu a kuma tara ka ga mutanenka, kamar yadda ɗan’uwanka Haruna ya mutu a Dutsen Hor aka kuma tara shi ga mutanensa.
51 Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif.
Wannan kuwa domin ku biyu kun fid da aminci gare ni a gaban Isra’ilawa a ruwan Meriba ta Kadesh, a Hamadar Zin kuma saboda ba ku riƙe tsarkina a cikin Isra’ilawa ba.
52 Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”
Saboda haka, za ka ga ƙasar daga nesa kawai; ba za ka shiga ƙasar da nake ba wa mutanen Isra’ila ba.”

< Keessa Deebii 32 >