< Keessa Deebii 30 >

1 Yommuu eebbii fi abaarsi ani fuula kee dura kaaʼe kun hundi si argatee ati saboota Waaqayyo Waaqni kee keessatti si bittinneessu hunda gidduu jiraatutti yoo ati waan sana yaadattu,
“When all these things come upon you—the blessings and curses I have set before you—and you call them to mind in all the nations to which the LORD your God has banished you,
2 yommuu atii fi ijoolleen kee gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebitanii akkuma waan ani harʼa isin ajaju hundaatti garaa keessanii fi lubbuu keessan guutuudhaan isaaf ajajamtan,
and when you and your children return to the LORD your God and obey His voice with all your heart and all your soul according to everything I am giving you today,
3 Waaqayyo Waaqni kee boojuu kee siif deebisee garaa siif laafuudhaan saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse hunda keessaa deebisee walitti si qaba.
then He will restore you from captivity and have compassion on you and gather you from all the nations to which the LORD your God has scattered you.
4 Yoo ati samii jalatti lafa akka malee fagootti geeffamtee jiraatte illee Waaqayyo Waaqni kee walitti si qaba; deebisees si fida.
Even if you have been banished to the farthest horizon, He will gather you and return you from there.
5 Inni biyya abbootii keetiitti si galcha; atis ni dhaalta. Inni abbootii kee caalaa si sooromsa; akka malee si baayʼisas.
And the LORD your God will bring you into the land your fathers possessed, and you will take possession of it. He will cause you to prosper and multiply more than your fathers.
6 Akka ati garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan isa jaallattee jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee garaa keetii fi garaa sanyiiwwan keetii dhagna ni qaba.
The LORD your God will circumcise your hearts and the hearts of your descendants, and you will love Him with all your heart and with all your soul, so that you may live.
7 Waaqayyo Waaqni kee abaarsa kana hunda warra si jibbanii si rakkisan irra ni kaaʼa.
Then the LORD your God will put all these curses upon your enemies who hate you and persecute you.
8 Atis deebitee Waaqayyoof ni ajajamta; ajaja isaa kanneen ani harʼa si ajaju hundas ni eegda.
And you will again obey the voice of the LORD and follow all His commandments I am giving you today.
9 Ergasiis Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. Waaqayyo akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa;
So the LORD your God will make you abound in all the work of your hands and in the fruit of your womb, the offspring of your livestock, and the produce of your land. Indeed, the LORD will again delight in your goodness, as He delighted in that of your fathers,
10 kunis yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebite taʼa.
if you obey the LORD your God by keeping His commandments and statutes that are written in this Book of the Law, and if you turn to Him with all your heart and with all your soul.
11 Wanni ani harʼa si ajaju kun rakkisaa yookaan kan sirraa fagaate miti.
For this commandment I give you today is not too difficult for you or beyond your reach.
12 Akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni ol samii gubbaa hin jiru.
It is not in heaven, that you should need to ask, ‘Who will ascend into heaven to get it for us and proclaim it, that we may obey it?’
13 Yookaan akka ati, “Akka nu dhageenyee isa eegnuuf eenyutu galaana ceʼee fidee nutti hima?” jettee hin gaafanneef inni galaana gama hin jiru.
And it is not beyond the sea, that you should need to ask, ‘Who will cross the sea to get it for us and proclaim it, that we may obey it?’
14 Dubbiin sun garuu baayʼee sitti dhiʼoo jira; akka ati isa eegduufis inni afaan keetii fi garaa kee keessa jira.
But the word is very near you; it is in your mouth and in your heart, so that you may obey it.
15 Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera.
See, I have set before you today life and goodness, as well as death and disaster.
16 Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.
For I am commanding you today to love the LORD your God, to walk in His ways, and to keep His commandments, statutes, and ordinances, so that you may live and increase, and the LORD your God may bless you in the land that you are entering to possess.
17 Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte,
But if your heart turns away and you do not listen, but are drawn away to bow down to other gods and worship them,
18 ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan.
I declare to you today that you will surely perish; you shall not prolong your days in the land that you are crossing the Jordan to possess.
19 Ani akkan jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa fuula kee dura kaaʼee jiru harʼa samii fi lafa ragaan godhee sitti waama. Egaa atii fi ijoolleen kee akka jiraattaniif jireenya filadhu;
I call heaven and earth as witnesses against you today that I have set before you life and death, blessing and cursing. Therefore choose life, so that you and your descendants may live,
20 kunis akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallatuuf, akka dubbii isaa dhageessee isatti maxxantee jiraattuuf. Waaqayyo sababii jireenya kee taʼeef, biyya abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakateef sana keessatti bara dheeraa siif kenna.
and that you may love the LORD your God, obey Him, and hold fast to Him. For He is your life, and He will prolong your life in the land that the LORD swore to give to your fathers, to Abraham, Isaac, and Jacob.”

< Keessa Deebii 30 >