< Keessa Deebii 3 >

1 Ergasiis deebinee karaa Baashaan qabannee ol baane; Oogi mootichi Baashaan immoo loltoota isaa guutuu wajjin Edreyiitti nuun wal loluuf gad baʼe.
“And we turn and go up the way to Bashan, and Og king of Bashan comes out to meet us, he and all his people, to the battle [at] Edrei.
2 Waaqayyos, “Waan ani isa, guutummaa loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Akkuma Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi” naan jedhe.
And YHWH says to me, Do not fear him, for I have given him, and all his people, and his land into your hand, and you have done to him as you have done to Sihon king of the Amorite who is dwelling in Heshbon.
3 Waaqayyo Waaqni keenya Oogi mootii Baashaanii fi guutummaa loltoota isaa dabarsee harka keenyatti kenne. Nus utuu homaa hin hambisin isaan balleessine.
And our God YHWH indeed gives Og king of Bashan and all his people into our hands, and we strike him until there has been no remnant left to him;
4 Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabanne. Magaalaawwan jaatama mootummaa Oogi mooticha Baashaan kanneen kutaa biyya Argobbi jala turan keessaa kan nu hin qabatin tokko iyyuu hin jiru.
and we capture all his cities at that time; there has not been a city which we have not taken from them—sixty cities, all the region of Argob, the kingdom of Og in Bashan.
5 Magaalaawwan kunneen hundi dallaa dhagaa dhedheeroo, karraa fi danqaraa qabu turan; akkasumas magaalaawwan dallaa hin qabne baayʼeetu ture.
All these [are] cities fortified with high walls, double gates, and bar, apart from very many cities of the open place;
6 Nus akkuma Sihoon mootii Heshboon goone sana dhiirota, dubartootaa fi ijoollee tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine.
and we devote them, as we have done to Sihon king of Heshbon, devoting [the] men, the women, and the infants of every city;
7 Horii fi boojuu magaalaawwan isaanii keessaa saamne hunda garuu ofii keenyaaf fudhannee galle.
and all the livestock, and the spoil of the cities, we have spoiled for ourselves.
8 Yeroo sanatti mootota Amoorotaa lamaan kana irraa karaa baʼa Yordaanos biyya Sulula Arnooniitii jalqabee hamma Tulluu Hermoonitti jiruu fudhanne.
And at that time we take the land out of the hand of the two kings of the Amorite, which is beyond the Jordan, from the Brook of Arnon to Mount Hermon
9 Siidoononnis Hermoon kana Siiriyoon jedhanii waamu; Amooronni immoo Seniiri jedhanii waamu.
(Sidonians call Hermon Sirion, and the Amorites call it Senir),
10 Nus magaalaawwan dirree irratti argaman hunda, Giliʼaad hunda, Baashaanii hamma Salkaa fi Edreyiitti jiru hunda, magaalaawwan mootummaa Oogi kanneen Baashaan keessatti argaman hunda qabanne.
all the cities of the plain, and all Gilead, and all Bashan, as far as Salchah and Edrei, cities of the kingdom of Og in Bashan.
11 Gosa Refaayimootaa keessaa Oogi mootii Baashaan qofatu hafe. Kunoo sireen isaa sibiila irraa hojjetamee dalga dheerinni isaa dhundhuma sagal balʼinni isaa immoo dhundhuma afur ture. Sireen kunis amma iyyuu Rabbaa Amoonotaa keessatti argama.
For only Og king of Bashan had been left of the remnant of the Rephaim; behold, his bedstead [is] a bedstead of iron. Is it not in Rabbath of the sons of Ammon? Its length [is] nine cubits and its breadth [is] four cubits, by the cubit of a man.
12 Ani biyya yeroo sanatti qabanne keessaa biyya karaa Kaaba Aroʼeeriitiin qarqara Sulula Arnoon jirutti dabalee walakkaa biyya gaaraa Giliʼaad magaalaawwan isaa wajjin gosa Ruubeenii fi Gaadiif kenne.
And this land, [which] we had possessed at that time, from Aroer, which [is] by the Brook of Arnon, and the half of Mount Gilead and its cities, I have given to the Reubenite and to the Gadite;
13 Biyya Giliʼaad kan hafee fi guutummaa Baashaan jechuunis mootummaa Oogi walakkaa gosa Minaaseetiifan kenne. Guutummaan kutaa Argobbi kan Baashaan keessaa sun biyya Refaayimootaa jedhamee beekama ture.
and the rest of Gilead and all Bashan, the kingdom of Og, I have given to the half tribe of Manasseh; all the region of Argob, with all Bashan—it is called the land of [the] Rephaim.
14 Yaaʼiir ilmi Minaasee immoo guutummaa kutaa Argobbi kan hamma daarii Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaatti jiru fudhate; biyyi sunis maqaa isaatiin moggaafame; kanaafuu Baashaan hamma harʼaatti Haaboot Yaaʼiir jedhama.
Jair son of Manasseh has taken all the region of Argob, as far as the border of Geshuri and Maachathi ([namely] Bashan), and calls them by his own name, Havoth-Jair, to this day.
15 Giliʼaad immoo Maakiiriifan kenne.
And I have given Gilead to Machir.
16 Walakkaa sulula isaa garuu daangaa gochuudhaan Giliʼaadii jalqabee hamma Sulula Arnoonitti, achii immoo bulchiinsa daangaa Amoonotaa kan hamma laga Yaaboqitti jiru gosa Ruubeenii fi Gaadiifan kenne.
And to the Reubenite and to the Gadite I have given from Gilead even to the Brook of Arnon, the middle of the valley and the border, even to the Brook of Jabbok, the border of the sons of Ammon,
17 Daangaan isaa karaa lixaatiin Yordaanos isa Arabbaa keessatti argamu sanaa dha; kunis Kinereetii jalqabee hamma Galaana Arabbaa kan Galaana soogiddaa jedhamuutti diriiree tabba Phisgaatii gaditti argama.
and the plain, and the Jordan, and the border, from Chinnereth even to the Sea of the Plain (the Salt Sea), under the Springs of Pisgah, at the [sun]-rising.
18 Anis yeroo sanatti akkana jedheen isin ajaje: “Waaqayyo Waaqni keessan akka dhaaltaniif lafa kana isiniif kenneera. Taʼus namoonni jajjaboon keessan hundi waraanaaf hidhatanii obboloota keessan Israaʼeloota dura gamatti ceʼuu qabdu.
And at that time I command you, saying, Your God YHWH has given this land to you to possess it; you pass over armed before your brothers the sons of Israel, all the sons of might.
19 Garuu niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan magaalaawwan ani isiniif kenne keessa haa turan; ani akka isin horii baayʼee qabdan beekaatii.
Only your wives, and your infants, and your livestock—I have known that you have much livestock—dwell in your cities which I have given to you,
20 Kunis hamma Waaqayyo akkuma isin boqochiise sana obboloota keessan boqochiisee isaaniinis lafa Waaqayyo Waaqni keessan Yordaanosiin gamatti isaaniif kennu sana dhaalanitti. Sana booddee tokkoon tokkoon keessan gara biyya ani dhaala isiniif kenneetti ni deebitu.”
until YHWH gives rest to your brothers like yourselves, and they also have possessed the land which your God YHWH is giving to them beyond the Jordan; then you have each turned back to his possession which I have given to you.
21 Anis yeroo sanatti akkana jedhee Iyyaasuu ajaje: “Ati waan Waaqayyo Waaqni kee mootota kanneen lamaan godhe hunda ija keetiin argiteerta. Waaqayyo, mootummoota isin itti yaatan hundas akkasuma ni godha.
And I have commanded Joshua at that time, saying, Your eyes are seeing all that which your God YHWH has done to these two kings—so YHWH does to all the kingdoms to where you are passing over;
22 Isin isaan hin sodaatinaa; Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa isiniif lolaatii.”
do not fear them, for your God YHWH—He is fighting for you.
23 Yeroo sanatti ani akkana jedhee Waaqayyoon nan kadhadhe;
And to YHWH I beg for grace at that time, saying,
24 “Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ati guddina keetii fi harka kee jabaa sana garbicha keetti argisiisuu jalqabdeerta. Silaa kan hojii jabaa akkasii kan ati hojjettu hojjechuu dandaʼu Waaqa kamtu samii irra yookaan lafa irra jira?
Lord YHWH, You have begun to show Your servant Your greatness and Your strong hand; for who [is] a god in the heavens or in earth who does according to Your works and according to Your might?
25 Akka ani ceʼee biyyattii gaarii Yordaanos gama jirtu jechuunis biyya gaaraa gaarii sanaa fi Libaanoon argu naa eeyyami.”
Please let me pass over and see the good land which [is] beyond the Jordan, this good hill-country, and Lebanon.
26 Waaqayyo garuu waan sababii keessaniif natti dheekkameef, na dhagaʼuu dide. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kun ni gaʼa; lammata waaʼee waan kanaa natti hin dubbatin.
And YHWH shows Himself angry with me for your sake, and has not listened to me, and YHWH says to me, Enough of you; do not add to speak to Me about this thing anymore;
27 Fiixee Phisgaatti ol baʼiitii gara lixaa fi kaabaa, gara kibbaa fi baʼaa ilaali. Ati waan Yordaanos hin ceeneef biyyattii ijuma keetiin ilaali.
go up [to] the top of Pisgah, and lift up your eyes westward, and northward, and southward, and eastward, and see with your eyes, for you do not pass over this Jordan;
28 Garuu akka inni saba kana qajeelchee ceesisee akka isaan biyya ati ilaaltu kana dhaalan godhuuf Iyyaasuu ajaji; isa jajjabeessi; cimsis.”
and charge Joshua, and strengthen him, and harden him, for he passes over before this people, and he causes them to inherit the land which you see.
29 Nu sulula Beet Pheʼoor bira jiru keessa turre.
And we dwell in a valley opposite Beth-Peor.”

< Keessa Deebii 3 >