< Keessa Deebii 28 >

1 Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
Kama ukimtii Bwana Mungu wako kwa bidii na kufuata amri zake zote ninazokupa leo kwa bidii, Bwana Mungu wako atakuweka juu ya mataifa yote katika dunia.
2 Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas:
Baraka hizi zote zitakuja juu yako na kukupata, kama ukimtii Bwana Mungu wako:
3 Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta.
Utabarikiwa mjini na utabarikiwa mashambani.
4 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.
Utabarikiwa uzao wa tumbo lako, na mazao ya nchi yako na wanyama wako wachanga wa kufugwa, yaani ndama wa makundi yako ya ngʼombe, na wana-kondoo wa makundi yako.
5 Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu.
Kapu lako na vyombo vyako vya kukandia vitabarikiwa.
6 Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta.
Utabarikiwa uingiapo na utabarikiwa utokapo.
7 Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.
Bwana atasababisha adui wainukao dhidi yako kushindwa mbele yako. Watakujia kwa njia moja lakini watakimbia mbele yako kwa njia saba.
8 Waaqayyo gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Waaqayyo Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa.
Bwana ataagiza baraka juu ya ghala zako na juu ya kila kitu utakachogusa kwa mkono wako. Bwana Mungu wako atakubariki katika nchi anayokupa.
9 Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba.
Bwana atakufanya kuwa taifa lake takatifu, kama alivyokuahidi kwa kiapo, kama ukishika maagizo ya Bwana Mungu wako na kwenda katika njia zake.
10 Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu.
Kisha mataifa yote ya dunia wataona kuwa unaitwa kwa jina la Bwana, nao watakuogopa.
11 Waaqayyo biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna.
Bwana atakupa kustawi kwa wingi, katika tunda la uzao wa tumbo lako, katika wanyama wachanga wa mifugo yako na katika mazao ya ardhi yako, katika nchi aliyowaapia baba zako kuwapa.
12 Waaqayyo yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu.
Bwana atafungua mbingu, ghala zake za baraka, kukupa mvua kwa majira yake na kubariki kazi zako zote za mikono yako. Utakopesha mataifa mengi lakini hutakopa kwa yeyote.
13 Waaqayyo mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu.
Bwana atakufanya kichwa, wala si mkia. Kama utazingatia maagizo ya Bwana Mungu wako ninayokupa siku hii ya leo na kuyafuata kwa bidii, daima utakuwa juu, kamwe hutakuwa chini.
14 Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin.
Usihalifu amri zangu zozote ninazokupa leo, kwa kwenda kuume au kushoto, kwa kufuata miungu mingine na kuitumikia.
15 Garuu yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:
Hata hivyo, kama hutamtii Bwana Mungu wako na kuzishika kwa bidii amri zake zote na maagizo ninayokupa leo, laana hizi zote zitakuja juu yako na kukupata:
16 Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta.
Utalaaniwa mjini na utalaaniwa mashambani.
17 Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama.
Kapu lako na chombo chako cha kukandia kitalaaniwa.
18 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu.
Uzao wa tumbo lako utalaaniwa, mazao ya ardhi yako, ndama wa makundi yako ya ngʼombe na wana-kondoo wa makundi yako.
19 Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta.
Utalaaniwa uingiapo na utokapo.
20 Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef Waaqayyo hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga.
Bwana ataleta laana juu yako, fadhaa na kukaripiwa katika kila kitu unachokigusa kwa mkono wako, mpaka uwe umeharibiwa na kuangamizwa ghafula kwa ajili ya maovu uliyoyafanya kwa kumwacha yeye.
21 Waaqayyo hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa.
Bwana atakupiga kwa magonjwa mpaka akuangamize kutoka nchi unayoingia kuimiliki.
22 Waaqayyo hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa.
Bwana atakupiga kwa magonjwa ya kudhoofisha, kwa homa na kuwashwa, hari na kwa ukame, kutu na kuwa na uchungu ambavyo vitakupiga mpaka uangamie.
23 Samiin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa.
Anga juu yako itakuwa shaba, na ardhi chini yako itakuwa chuma.
24 Waaqayyo bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti samiidhaa sitti gad harcaʼa.
Bwana atafanya mvua ya nchi yako kuwa mavumbi na mchanga; vitakujia kutoka angani mpaka uangamie.
25 Waaqayyo akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata.
Bwana atakufanya ushindwe mbele ya adui zako. Utawajia kwa njia moja lakini utawakimbia mbele yao kwa njia saba, nawe utakuwa kitu cha kuchukiza kwa falme zote za dunia.
26 Reeffi kee simbirroota samii hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu.
Mizoga yenu itakuwa chakula cha ndege wa angani na wanyama wa nchi, wala hapatakuwepo mtu yeyote wa kuwafukuza.
27 Waaqayyos dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa.
Bwana atakupiga kwa majipu ya Misri na kwa vidonda vitokavyo usaha na kuwashwa, ambako huwezi kuponywa.
28 Waaqayyo maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa.
Bwana atakupiga kwa wazimu, upofu na kuchanganyikiwa kwa akili.
29 Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru.
Wakati wa adhuhuri utapapasapapasa huku na huko kama mtu kipofu katika giza. Hutafanikiwa katika lolote ufanyalo; siku baada ya siku utaonewa na kunyangʼanywa, wala hakuna yeyote atakayekuokoa.
30 Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu.
Utaposa mke, lakini mtu mwingine atakutana naye kimwili. Utajenga nyumba, lakini hutaishi ndani yake. Utapanda shamba la mizabibu, lakini hutakula matunda yake.
31 Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru.
Ngʼombe wako atachinjwa mbele ya macho yako lakini hutakula nyama yake. Punda wako atachukuliwa kwa nguvu kutoka kwako wala hatarudishwa. Kondoo wako watapewa adui zako, wala hakuna mtu yeyote wa kuwaokoa.
32 Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu.
Wanao na binti zako watatolewa kwa mataifa mengine, nawe utayachosha macho yako ukiwatazamia siku baada ya siku, hutakuwa na nguvu kuinua mkono.
33 Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu.
Taifa usilolijua watakula mazao ya nchi yako na taabu ya kazi yako, hutakuwa na chochote, bali kuonewa kikatili siku zako zote.
34 Wanni ati argitu hundi si maraacha.
Vitu utakavyoviona kwa macho yako vitakufanya wazimu.
35 Waaqayyo faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa.
Bwana atayapiga magoti yako na miguu yako kwa majipu yenye maumivu makali yasiyoponyeka, yakienea kutoka nyayo za miguu yako hadi utosini.
36 Waaqayyo siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta.
Bwana atakupeleka wewe na mfalme uliyemweka juu yako uende kwenye taifa ambalo hukulijua wewe wala baba zako. Huko utaabudu miungu mingine, miungu ya miti na mawe.
37 Saboota Waaqayyo itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata.
Utakuwa kitu cha kuchukiza, tena kitu cha kudharauliwa na kudhihakiwa kwa mataifa yote huko Bwana atakakokupeleka.
38 Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta.
Utapanda mbegu nyingi katika shamba lakini utavuna haba, kwa sababu nzige watazila.
39 Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu.
Utapanda mashamba ya mizabibu na kuyapalilia, lakini hutakunywa divai yake wala hutakusanya zabibu, kwa sababu wadudu watazila.
40 Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu.
Utakuwa na mizeituni katika nchi yako yote, lakini hutatumia hayo mafuta yake, kwa sababu zeituni zitapukutika.
41 Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan.
Utakuwa na wana na binti lakini hawatakuwa nawe, kwa sababu watachukuliwa mateka.
42 Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa.
Makundi ya nzige yatavamia miti yako yote na mazao ya nchi yako.
43 Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta.
Mgeni anayeishi miongoni mwako atainuka juu zaidi na zaidi kuliko wewe, lakini wewe utashuka chini zaidi na zaidi.
44 Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata.
Yeye atakukopesha, lakini wewe hutamkopesha. Yeye atakuwa kichwa, lakini wewe utakuwa mkia.
45 Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Waaqayyo Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas.
Laana hizi zote zitakuja juu yako. Zitakufuatia na kukupata mpaka uangamizwe, kwa sababu hukumtii Bwana Mungu wako, na kuzishika amri zake na maagizo yake aliyokupa.
46 Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu.
Zitakuwa ishara na ajabu kwako na kwa wazao wako milele.
47 Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin tajaajiliniif,
Kwa sababu hukumtumikia Bwana Mungu wako kwa furaha na kwa moyo wakati wa kufanikiwa kwako,
48 beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Waaqayyo sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa.
kwa hiyo katika njaa na kiu, katika uchi na umaskini wa kutisha, utawatumikia adui ambao Bwana atawatuma dhidi yako. Yeye ataweka nira ya chuma shingoni mwako hadi amekwisha kukuangamiza.
49 Waaqayyo biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa;
Bwana ataleta taifa dhidi yako kutoka mbali, kutoka miisho ya dunia, kama tai ashukiavyo mawindo chini, taifa ambalo hutaijua lugha yake,
50 innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha.
taifa lenye uso mkali lisilojali wazee wala kuwahurumia vijana.
51 Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan.
Watakula wadogo wa mifugo yako na mazao ya nchi yako mpaka umeangamia. Hawatakuachia nafaka, divai mpya au mafuta, wala ndama wowote wa kundi lako au wana-kondoo wa kundi lako mpaka umekuwa magofu.
52 Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu.
Nao wataizingira miji yote katika nchi yako mpaka kuta ndefu za ngome ambazo unazitegemea zimeanguka. Watazingira miji yote katika nchi ambayo Bwana Mungu wako anakupa.
53 Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen Waaqayyo Waaqni kee siif kennee ni nyaatta.
Utakula uzao wa tumbo lako, nyama ya wana wako na binti zako ambao Bwana Mungu wako amekupa, kwa sababu ya mateso yale adui zako watakayokuletea wakati wa kukuzingira.
54 Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu;
Hata yule mtu muungwana sana na makini miongoni mwako hatakuwa na huruma kwa ndugu yake mwenyewe au kwa mke ampendaye au watoto wake waliosalia,
55 inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii.
naye hatampa hata mmoja wao nyama ya watoto wake ambao anawala. Kwa kuwa hakuna kitu kingine kilichosalia kwake katika mazingirwa makali ambayo adui yako watakuletea kwa miji yako yote.
56 Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti;
Mwanamke ambaye ni muungwana sana na makini miongoni mwako, yaani ambaye ni makini sana na muungwana kiasi kwamba asingethubutu kugusa ardhi kwa wayo wa mguu wake, yeye atakuwa mchoyo kwa mume ampendaye na mwanawe mwenyewe au binti yake,
57 isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti.
kondoo wa nyuma kutoka kwenye tumbo lake na watoto anaowazaa. Kwa kuwa anakusudia kuwala kwa siri wakati wa kuzingirwa na katika taabu zile ambazo adui yako atazileta juu yako na miji yako.
58 Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa Waaqayyo Waaqa keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte,
Kama hutafuata kwa bidii maneno yote ya sheria hii, ambayo yameandikwa katika kitabu hiki na kama hutalicha hili jina la fahari na la kutisha, yaani la Bwana Mungu wako,
59 Waaqayyo siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga.
Bwana ataleta mapigo ya kutisha juu yako na kwa wazao wako, maafa makali na ya kudumu, magonjwa mazito na ya kudumu.
60 Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu.
Atakuletea juu yako magonjwa yote ya Misri yale uliyoyaogopa, nayo yataambatana nawe.
61 Akkasumas hamma ati dhabamtutti Waaqayyo dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida.
Pia Bwana atakuletea kila aina ya ugonjwa na maafa ambayo hayakuandikwa humu katika kitabu hiki cha sheria, mpaka utakapokuwa umeangamizwa.
62 Isin sababii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan samii baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa.
Ninyi ambao mlikuwa wengi kama nyota za angani mtaachwa wachache tu, kwa sababu hamkumtii Bwana Mungu wenu.
63 Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Waaqayyo gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu.
Kama ilivyompendeza Bwana kuwafanya ninyi mstawi na kuongezeka kwa idadi, ndivyo itakavyompendeza kuwaharibu na kuwaangamiza ninyi. Mtangʼolewa kutoka nchi mnayoiingia kuimiliki.
64 Ergasiis Waaqayyo daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta.
Kisha Bwana atawatawanya miongoni mwa mataifa yote, kutoka mwisho mmoja wa dunia hadi mwingine. Huko mtaabudu miungu mingine, miungu ya miti na ya mawe, ambayo ninyi wala baba zenu hamkuijua.
65 Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis Waaqayyo sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna.
Miongoni mwa mataifa hayo hamtapata raha wala mahali pa kupumzisha wayo wa mguu wenu. Huko Bwana atawapa mahangaiko ya mawazo, macho yaliyochoka kwa kungojea na moyo uliokata tamaa.
66 Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta.
Utaishi katika mahangaiko siku zote, ukiwa umejaa hofu usiku na mchana, wala hutakuwa kamwe na uhakika wa maisha yako.
67 Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, “Utuu bariʼuu baatee!” galgala immoo, “Utuu dhiʼuu baatee!” jetta.
Wakati wa asubuhi utasema hivi, “Laiti ingekuwa jioni!” Jioni utasema, “Laiti ingekuwa asubuhi,” kwa sababu ya hofu ile itakayojaza moyo wako na vitu vile macho yako yatakavyoviona.
68 Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis Waaqayyo dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu.
Bwana atawarudisha tena Misri kwa meli, safari niliyosema kamwe hamngeenda tena. Huko mtajiuza ninyi wenyewe kwa adui zenu kama watumwa wa kiume na wa kike, lakini hakuna yeyote atakayewanunua.

< Keessa Deebii 28 >