< Keessa Deebii 28 >

1 Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
Ka uluoro Jehova Nyasaye ma Nyasachu kendo urito adimba chikene duto ma amiyou kawuono, to Jehova Nyasaye ma Nyasachu biro tingʼou malo moloyo ogendini duto modak e piny.
2 Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas:
Gwethgi duto nobed magu kamoro amora ma untie ka uluoro Jehova Nyasaye ma Nyasachu, kendo magi e gin:
3 Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta.
Ibiro gwedhou ka un e dala kata ka un oko.
4 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.
Nogwedhu gi nyithindo mangʼeny gi cham mogundho kod jamni mathoth ma gin kweth mag nyiroye kod mag nyirombe.
5 Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu.
Nogwedh atongeu gi dakuondeu duto.
6 Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta.
Nogwedhu ka udonjo e dala kendo ka uwuok.
7 Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.
Jehova Nyasaye noket wasiku ma monjou e lwetu mi unulogi. Ginimonju ka gin oganda achiel, to ginike ka gia iru ka gin migepe abiriyo.
8 Waaqayyo gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Waaqayyo Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa.
Jehova Nyasaye biro gwedho decheu kaachiel gi gimoro amora ma uchiworu timo, Jehova Nyasaye ma Nyasachu biro gwedhou e piny ma omiyou.
9 Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba.
Jehova Nyasaye biro gurou kaka joge maler, mana kaka ne owacho ka okwongʼore, ka urito chike mag Jehova Nyasaye ma Nyasachu kendo uwuotho e yorene.
10 Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu.
Eka ji duto modak e piny none ni un joma oluong gi nying Jehova Nyasaye kendo gibiro luorou.
11 Waaqayyo biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna.
Jehova Nyasaye biro miyou gweth mogundho; ma gin nyithindo mangʼeny, jamni mathoth kod cham mogundho e piny mane Jehova Nyasaye osingore kokwongʼore ni kwereu ni nomiu.
12 Waaqayyo yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu.
Jehova Nyasaye biro yawo polo, ma en kar keno mag mwandune, ka ochiwo koth e piny e ndalo mowinjore, kendo ka ogwedho tije duto mag lwetu. Ubiro chiwo hola ne pinje mangʼeny to un ok unuhol gimoro kuomgi.
13 Waaqayyo mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu.
Jehova Nyasaye nomi ubed jotelo to ok joma itelonegi. Ka urito chike ma Jehova Nyasaye ma Nyasachu miyou kawuononi kendo uluwogi adimba, to kinde duto unubed jotelo to ok joma itelonegi.
14 Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin.
Kik uwe chike ma amiyou kawuononi, ka udhi e bat korachwich kata koracham kendo ka uluwo nyiseche manono kendo utiyonegi.
15 Garuu yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:
To ka ok uchiwo luor ne Jehova Nyasaye ma Nyasachu kendo ok urito chikene duto adimba kod buchene ma amiyou kawuononi, to kwongʼ-gi duto biro makou.
16 Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta.
Ibiro kwongʼou ka un e dala kata ka un oko.
17 Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama.
Nokwongʼ atongeu gi dakuondeu.
18 Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu.
Nyithindu munywolo nokwongʼ, kaachiel gi chambu, gi nyiroye mag dhou kod nyithi jambu.
19 Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta.
Ibiro kwongʼou ka udonjo kendo kuwuok.
20 Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef Waaqayyo hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga.
Jehova Nyasaye biro oronu kwongʼ, ngʼengʼ kod achaya e gimoro amora ma utimo, nyaka urum chuth makaru lal nono nikech richo ma usetimo ma ujwangʼe.
21 Waaqayyo hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa.
Jehova Nyasaye biro goyou gi tuoche mi otieku e piny ma udhi kawo.
22 Waaqayyo hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa.
Jehova Nyasaye nogou gi tuo mar kahera, midhusi gi tuo akuodi kod gwonyo kendo obiro kelonu oro mi cham rochre ewi dongo; kendo gigo duto biro thagou nyaka urum chuth.
23 Samiin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa.
Polo norieny ka mula ewiu, piny to nobed matek ka chuma.
24 Waaqayyo bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti samiidhaa sitti gad harcaʼa.
Jehova Nyasaye enolok koth machwe e pinyu obed mana lo kod buru malich, gini olre koa e polo nyaka unurum.
25 Waaqayyo akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata.
Jehova Nyasaye nomi lou e nyim wasiku. Unumonjgi ka un e achiel, to unuring-gi kuke e migepe abiriyo, kendo unubed gima wichkuot ne ogendini duto manie piny.
26 Reeffi kee simbirroota samii hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu.
Ringreu modongʼ ema nobed chiemb winy manie kor polo gi ondiegi manie thim, kendo onge ngʼato angʼata manogolgi kuomu.
27 Waaqayyos dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa.
Jehova Nyasaye nogou gi tuo mag buche mag Misri, akuodi, gwonyo kod kalanga ma ok thiedhi.
28 Waaqayyo maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa.
Jehova Nyasaye nogou gi tuo mar neko kendo noloku muofni kendo joma orundore.
29 Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru.
E dier odiechiengʼ tir ubiro rundoru ka muofni e mudho. Onge gima unutim manodhi maber, ndalo duto nothiru kendo noyak giu maonge ngʼama noresu.
30 Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu.
Inichan kendo nyako mihero, to ngʼat moro nono ema nokawe mabed kode. Iniger ot to ok inidagie, kendo inipidh mzabibu to ok inicham gik monyak kuomgi.
31 Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru.
Rwadhi noyangʼ kineno, to ok ni cham ringe. Kanyna mari nokaw kuomi githuon, to ok noduognigo. Rombe magi nomi wasiki, to onge ngʼama noresgi.
32 Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu.
Yawuoti kod nyigi noter e pinje mamoko, kendo inimanygi gi wengeni odiechiengʼ duto kionge gi teko mar resogi.
33 Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu.
Oganda ma ok ingʼeyo nocham gik mitiyo matek gi luchi e puotheni kendo onge gima initim makmana tingʼ mapek kod achune e ndalou duto.
34 Wanni ati argitu hundi si maraacha.
Gik ma wangʼi neno noloki neko.
35 Waaqayyo faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa.
Jehova Nyasaye nomi buche maremo ma ok thiedhi mak chongeni gi tiendeni kendo ginilandre koa e pat tiendi nyaka e wiyi.
36 Waaqayyo siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta.
Jehova Nyasaye biro riembou, to ruoth ma unuyier notelnu noteru e lwet piny ma kata kwereu ne ok ongʼeyo. Kuno unulamie nyiseche mamoko, ma gin nyiseche mopa gi yien kod kite.
37 Saboota Waaqayyo itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata.
Inibed gima mono miyanyo kendo ijaro e kind ogendini duto kuma Jehova Nyasaye noterue.
38 Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta.
Unuchwo kothe mangʼeny to unuka manok, nikech bonyo nokethgi.
39 Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu.
Unupidh mzabibu e puotheu ma ukagi to ok unumadh olemo mochwer kuomgi kata choko olembgigo nikech kute nochamgi.
40 Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu.
Ubiro bedo kod yien zeituni e pinyu to ok unukonyru gi moe nikech zeituni nolwar piny.
41 Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan.
Unubed gi yawuowi kod nyiri to ok unuritgi nimar notergi e twech e pinje mamoko.
42 Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa.
Kweth mag bonyo noketh yiendu kod chambu duto e pinyu.
43 Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta.
Jopinje mamoko modak e pinyu nonyaa mamedre moloyou, to un to unubed manok.
44 Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata.
Ginibed gi gik ma giholou, to un ok nubed gi gima unyalo hologi. Ginibed jotelo, to un nubed joma itelonegi.
45 Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Waaqayyo Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas.
Kwongʼ-gi duto nobi kuomu. Kwongʼ-gi nolaw bangʼu mijuku manyaka urum uduto, nikech ne ok uwinjo Jehova Nyasaye ma Nyasachu, kata rito chikene kod buchene duto mane omiyou.
46 Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu.
Ginibed ranyisi kod midhiero kuomu kod nyikwau nyaka chiengʼ.
47 Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin tajaajiliniif,
Nikech ne ok utiyo ne Jehova Nyasaye ma Nyasachu gi ilo kod mor e ndalo mane un gi mwandu,
48 beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Waaqayyo sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa.
omiyo e kech, e riyo, e duk, kod dhier unutine wasiku ma Jehova Nyasaye oseoronu. Enoket jok mar mula mapek e ngʼutu nyaka chop otieku.
49 Waaqayyo biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa;
Jehova Nyasaye enokel piny moro moa mabor, ma en piny mantie e giko piny, machal gi ongo mafuyo, gin oganda ma dhogi ok unuwinji,
50 innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha.
oganda maneno makwiny maonge gi luor ne joma oti kata joma pod tindo.
51 Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan.
Ginineg jambu ma pod tindo kendo giniketh chambu e puothe mi nyaka ginitieku chuth. Ok ginicham, divai manyien kata mo, kata mana nyiroye mag dhou kod nyirombe mag jambu nyaka chop gitieku chuth.
52 Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu.
Ginitim agengʼa ne miechu madongo duto nyaka kuonde mochiel motingʼore gi malo ma uketo genou kuomgi lwar. Ginikethi mier madongo e piny duto ma Jehova Nyasaye ma Nyasachu miyou.
53 Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen Waaqayyo Waaqni kee siif kennee ni nyaatta.
Nikech chandruok maniyudi ka wasiki okeloni ka in e twech, nucham nyaka nyithindu munywolo, ma gin ringre yawuotu kod nyiu ma Jehova Nyasaye ma Nyasachu osemiyou.
54 Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu;
Kata mana ngʼat maber kendo ngʼwon ahinya e dieru ok nobed gi miwafu ne owadgi owuon kata mana ne chiege mohero kata nyithinde modongʼ,
55 inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii.
kendo ok enomi ngʼato angʼata ringre nyathineno ma en owuon ochamo nikech mano kende e gima nodongʼ bangʼ ka wasigu osemonjo miechu.
56 Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti;
Dhako makare kendo man-gi lony mamalo e dieru, ngʼat modimbore kendo man-gi ngʼwono malach ma bende ok osewuotho e lowo gi tiende nono, nobed ka iye kwar kod chwore owuon kata mana gi yawuote kod nyige ma en owuon ema onywolo.
57 isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti.
Notamre pogonegi kata mana bieche owuon bangʼ nywol, nimar oparo mondo ochamgi lingʼ-lingʼ e ndalo ma wasiku nogonu agengʼa ka masira olworo miechu madongo.
58 Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa Waaqayyo Waaqa keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte,
Ka ok urito weche duto manie chikni ma ondiki e kitabuni kendo ka ok uchiwo luor ne nyinge man-gi teko ma en Jehova Nyasaye ma Nyasachu,
59 Waaqayyo siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga.
Jehova Nyasaye biro kelo masiche malich kuomu kaachiel gi nyikwau, tuoche maywayo dend ji kuom kinde mangʼeny.
60 Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu.
Obiro keto kuomu tuoche duto mag Misri ma uluoro kendo ginibed kuomu.
61 Akkasumas hamma ati dhabamtutti Waaqayyo dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida.
Jehova Nyasaye nokel kuomu kit tuoche duto ma ok ondiki e kitabuni mar chik nyaka chop tieku chuth.
62 Isin sababii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan samii baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa.
Un ma ungʼeny ka sulwe manie polo unudongʼ matin nikech ne ok urito chike Jehova Nyasaye ma Nyasachu.
63 Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Waaqayyo gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu.
Mana kaka ne omoro Jehova Nyasaye mondo omiu gweth kendo ubed mangʼeny, e kaka obiro bedo gi mor ka oranou kendo otiekou. Notieku e piny ma udonjoe mondo ukaw.
64 Ergasiis Waaqayyo daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta.
Eka Jehova Nyasaye nokewu e pinje duto, koa e tungʼ piny konchiel nyaka machielo. Kanyo unulamie nyiseche mamoko, ma gin nyiseche mopa mag yiende kod kite ma un uwegi kod ka kwereu ne ok ongʼeyo.
65 Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis Waaqayyo sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna.
E kind pinjego ok unuyudie hoch kata yweyo ka ombongʼ tiendeu ool. Kuno Jehova Nyasaye nomiu paro maliw, wangʼ maneno ka ool gi dwaro to gi chuny machandore.
66 Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta.
Unudag ka ukia gima biro timorenu; ka un gilworo odiechiengʼ kod otieno, ka ukia gima biro timore ne ngimau.
67 Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, “Utuu bariʼuu baatee!” galgala immoo, “Utuu dhiʼuu baatee!” jetta.
Ka piny oru gokinyi unuwach niya, “Mad ne bedni en odhiambo” kendo godhiambo unuwach niya, “Mad ne piny bed ni en okinyi” nikech masira ma unune nopongʼ chunyu kod gik ma wengeu none.
68 Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis Waaqayyo dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu.
Jehova Nyasaye nooru dok Misri gi yiedhi, e wuoth mane awacho ni ok onego udhiye. Kuno unuchiwru ne wasiku kaka chwo kod mon ma jotich to onge ngʼama noyie ngʼiewou.

< Keessa Deebii 28 >