< Keessa Deebii 27 >

1 Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.
ויצו משה וזקני ישראל את העם לאמר שמר את כל המצוה אשר אנכי מצוה אתכם היום
2 Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.
והיה ביום אשר תעברו את הירדן אל הארץ אשר יהוה אלהיך נתן לך--והקמת לך אבנים גדלות ושדת אתם בשיד
3 Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.
וכתבת עליהן את כל דברי התורה הזאת--בעברך למען אשר תבא אל הארץ אשר יהוה אלהיך נתן לך ארץ זבת חלב ודבש כאשר דבר יהוה אלהי אבתיך לך
4 Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.
והיה בעברכם את הירדן תקימו את האבנים האלה אשר אנכי מצוה אתכם היום בהר עיבל ושדת אותם בשיד
5 Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.
ובנית שם מזבח ליהוה אלהיך מזבח אבנים לא תניף עליהם ברזל
6 Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.
אבנים שלמות תבנה את מזבח יהוה אלהיך והעלית עליו עולת ליהוה אלהיך
7 Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
וזבחת שלמים ואכלת שם ושמחת לפני יהוה אלהיך
8 Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”
וכתבת על האבנים את כל דברי התורה הזאת--באר היטב
9 Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.
וידבר משה והכהנים הלוים אל כל ישראל לאמר הסכת ושמע ישראל היום הזה נהיית לעם ליהוה אלהיך
10 Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”
ושמעת בקול יהוה אלהיך ועשית את מצותו ואת חקיו אשר אנכי מצוך היום
11 Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:
ויצו משה את העם ביום ההוא לאמר
12 Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.
אלה יעמדו לברך את העם על הר גרזים בעברכם את הירדן שמעון ולוי ויהודה ויששכר ויוסף ובנימן
13 Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.
ואלה יעמדו על הקללה בהר עיבל ראובן גד ואשר וזבולן דן ונפתלי
14 Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:
וענו הלוים ואמרו אל כל איש ישראל--קול רם
15 “Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור האיש אשר יעשה פסל ומסכה תועבת יהוה מעשה ידי חרש--ושם בסתר וענו כל העם ואמרו אמן
16 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור מקלה אביו ואמו ואמר כל העם אמן
17 “Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור מסיג גבול רעהו ואמר כל העם אמן
18 “Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור משגה עור בדרך ואמר כל העם אמן
19 “Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור מטה משפט גר יתום--ואלמנה ואמר כל העם אמן
20 “Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור שכב עם אשת אביו--כי גלה כנף אביו ואמר כל העם אמן
21 “Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור שכב עם כל בהמה ואמר כל העם אמן
22 “Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור שכב עם אחתו--בת אביו או בת אמו ואמר כל העם אמן
23 “Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור שכב עם חתנתו ואמר כל העם אמן
24 “Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור מכה רעהו בסתר ואמר כל העם אמן
25 “Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור לקח שחד להכות נפש דם נקי ואמר כל העם אמן
26 “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
ארור אשר לא יקים את דברי התורה הזאת--לעשות אותם ואמר כל העם אמן

< Keessa Deebii 27 >