< Keessa Deebii 27 >
1 Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.
Musa tare da dattawan Isra’ila suka umarci mutane suka ce, “Ku kiyaye dukan umarnai da na ba ku a yau.
2 Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.
Sa’ad da kuka haye Urdun zuwa cikin ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku, ku kakkafa waɗansu manyan duwatsu, ku yi musu shafe da farar ƙasa.
3 Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.
Ku rubuta dukan waɗannan kalmomin doka a kansu, sa’ad da kuka haye kuka shiga ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku, ƙasa mai zub da madara da zuma, kamar dai yadda Ubangiji Allah na kakanninku, ya yi muku alkawari.
4 Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.
Sa’ad da kuma kuka haye Urdun, ku kakkafa waɗannan duwatsu a bisa Dutsen Ebal, kamar yadda na umarce a yau, ku yi musu shafe da farar ƙasa.
5 Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.
Ku gina bagade wa Ubangiji Allahnku, bagaden dutse. Kada ku yi amfani da wani kayan aiki na ƙarfe a kansu.
6 Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.
Ku gina bagaden Ubangiji Allahnku da duwatsun fili, ku kuma miƙa hadaya ta ƙonawa a kansa ga Ubangiji Allahnku.
7 Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
Ku miƙa hadayun salama a can, kuna ci, kuna farin ciki a gaban Ubangiji Allahnku.
8 Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”
Za ku kuma rubuta a fayyace dukan kalmomin wannan doka a kan waɗannan duwatsun da kuka kakkafa.”
9 Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.
Sai Musa da firistoci waɗanda suke Lawiyawa suka ce wa dukan Isra’ila, “Ku yi shiru, ya Isra’ila, ku saurara! Yanzu kun zama mutanen Ubangiji Allahnku.
10 Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”
Ku yi biyayya ga Ubangiji Allahnku, ku bi umarnansa da ƙa’idodin da nake ba ku a yau.”
11 Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:
A wannan rana Musa ya umarce mutane,
12 Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.
Sa’ad da kuka haye Urdun, sai waɗannan kabilai su tsaya a bisa Dutsen Gerizim su sa wa jama’a albarka, wato, kabilar Simeyon, Lawi, Yahuda, Issakar, Yusuf da Benyamin.
13 Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.
Waɗannan kabilai kuma za su tsaya a bisa Dutsen Ebal su furta la’ana, wato, kabilar Ruben, Gad, Asher, Zebulun, Dan da Naftali.
14 Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:
Lawiyawa za su karanta wa dukan mutanen Isra’ila da babbar murya su ce,
15 “Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya sassaƙa siffa, ko ya yi zubin gunki, abar ƙyama ce ga Ubangiji, aikin hannu mai sana’a da aka kafa a ɓoye.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
16 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya ƙasƙantar da mahaifinsa ko mahaifiyarsa.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
17 “Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya gusar da dutsen da aka kafa don nuna shaidar iyaka.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
18 “Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya karkatar da makaho daga hanya.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
19 “Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya yi rashin adalci ga baƙo, maraya ko gwauruwa.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
20 “Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya kwana da matar mahaifinsa, gama ya ƙasƙantar da gadon mahaifinsa ke nan.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
21 “Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya yi jima’i da dabba.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
22 “Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya kwana da’yar’uwarsa,’yar mahaifinsa ko’yar mahaifiyarsa.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
23 “Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya kwana da mahaifiyar matarsa.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
24 “Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya kashe maƙwabcinsa a ɓoye.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
25 “Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da ya karɓi cin hanci don yă kashe marar laifi.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”
26 “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.
“La’ananne ne mutumin da bai yi na’am da kalmomin wannan doka ta wurin aikata su ba.” Sai dukan mutane su ce, “Amin!”