< Keessa Deebii 26 >

1 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti,
Sa’ad da kuka shiga ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku gādo, kuka mallake ta, kuka kuma zauna a cikinta,
2 midhaan lafa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi;
sai ku ɗauki’ya’yan fari na dukan amfanin gonar ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku, ku zuba a kwando. Sa’an nan ku je wurin da Ubangiji Allahnku ya zaɓa yă zama mazauni don Sunansa,
3 luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, “Ani biyya Waaqayyo akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nan labsa” jedhi.
ku faɗa wa firist da yake aiki a lokacin, “Na sakankance yau ga Ubangiji Allahnka, cewa na zo ƙasar da Ubangiji ya rantse zai ba wa kakanninmu.”
4 Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii dura ni kaaʼa.
Firist ɗin zai karɓi kwandon daga hannuwanku yă sa shi a ƙasa a gaban bagaden Ubangiji Allahnku.
5 Atis Waaqayyo Waaqa kee duratti akkana jettee ni labsita; “Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe.
Sa’an nan za ku furta a gaban Ubangiji Allahnku cewa, “Mahaifina mutumin Aram ne mai yawo, ya gangara zuwa Masar da mutane kaɗan, ya zauna a can, ya kuma zama babban al’umma, mai iko da kuma mai yawa.
6 Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan.
Amma Masarawa suka wulaƙanta mu suka sa muka sha wahala, suna sa mu aikin dole.
7 Nu ergasii gara Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaatti iyyanne; Waaqayyos sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge.
Sai muka yi kuka ga Ubangiji Allahn kakanninmu, Ubangiji kuwa ya ji kukanmu, ya kuma azabar da muke sha, da wahalar da muke sha, da danniyar da suke yin mana.
8 Kanaafuu Waaqayyo harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase.
Sai Ubangiji ya fitar da mu daga Masar da hannu mai ƙarfi da kuma iko, da razana mai girma da kuma alamu banmamaki da al’ajabai.
9 Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne;
Ya kawo mu wannan wuri, ya kuma ba mu wannan ƙasa, ƙasa mai zub da madara da kuma zuma;
10 ammas yaa Waaqayyo kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera.” Guuboo sanas fuula Waaqayyo Waaqa keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi.
yanzu kuwa na kawo’ya’yan fari na gonar da kai, ya Ubangiji ka ba ni.” Sai ku sa kwandon a gaban Ubangiji Allahnku, sa’an nan ku rusuna a gabansa.
11 Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii Waaqayyo Waaqni kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa.
Ku da Lawiyawa da baƙin da suke a cikinku, za ku yi murna cikin dukan abubuwa masu kyau da Ubangiji Allahnku ya ba ku tare da gidanku.
12 Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni.
Sa’ad da kuka gama fitar da kashi ɗaya bisa goma na dukan amfanin gona a shekara ta uku, shekarar zakka, za ku ba da su ga Balawe, baƙo, maraya da kuma gwauruwa, don su ci a cikin garuruwanku su ƙoshi.
13 Ergasii Waaqayyo Waaqa keetiin akkana jedhi; “Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne.
Sa’an nan ku faɗa wa Ubangiji Allahnku, “Na cire tsattsarkan rabo daga gidana na kuma ba wa Balawe, baƙo, maraya da gwauruwa, bisa ga dukan abin da ka umarta. Ban ja gefe daga umarnanka ko in manta da wani a cikinsu ba.
14 Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani Waaqayyo Waaqa kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera.
Ban ci wani daga cikin tsattsarkan rabo yayinda nake makoki, ko in cire wani rabo mai tsarki yayinda nake marar tsarki, ko in miƙa wani sashensa ga matattu ba. Na yi biyayya ga Ubangiji Allahna, na aikata kome da ka umarce ni.
15 Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.”
Ka duba ƙasa daga sama, mazauninka mai tsarki, ka albarkace mutanenka Isra’ila da kuma ƙasar da ka ba mu kamar yadda ka yi wa kakanninmu alkawari da rantsuwa, ƙasa mai zub da madara da zuma.”
16 Waaqayyo Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu.
Yau Ubangiji Allahnku ya umarce ku ku bi waɗannan ƙa’idodi da kuma dokoki, cikin natsuwa ku kiyaye su da dukan zuciyarku da kuma dukan ranku.
17 Ati akka Waaqayyo Waaqa kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta.
Kun furta a wannan rana cewa Ubangiji shi ne Allahnku, cewa za ku kuma yi tafiya a hanyoyinsa, cewa za ku kiyaye ƙa’idodinsa, umarnansa da kuma dokokinsa, kuka kuma ce za ku yi masa biyayya.
18 Waaqayyos akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera.
Ubangiji kuwa ya furta a wannan rana cewa ku mutanensa ne, mallakarsa kamar yadda ya yi alkawari, da kuma cewa za ku kiyaye dukan umarnansa.
19 Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera.
Ya furta cewa zai sa ku zama masu yabo, masu suna, masu daraja, fiye da dukan al’umman da ya yi. Za ku zama jama’a tsattsarka ta Ubangiji Allahnku, kamar yadda ya yi alkawari.

< Keessa Deebii 26 >