< Keessa Deebii 26 >
1 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti,
「你進去得了耶和華-你上帝所賜你為業之地居住,
2 midhaan lafa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi;
就要從耶和華-你上帝賜你的地上將所收的各種初熟的土產取些來,盛在筐子裏,往耶和華-你上帝所選擇要立為他名的居所去,
3 luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, “Ani biyya Waaqayyo akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nan labsa” jedhi.
見當時作祭司的,對他說:『我今日向耶和華-你上帝明認,我已來到耶和華向我們列祖起誓應許賜給我們的地。』
4 Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii dura ni kaaʼa.
祭司就從你手裏取過筐子來,放在耶和華-你上帝的壇前。
5 Atis Waaqayyo Waaqa kee duratti akkana jettee ni labsita; “Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe.
你要在耶和華-你上帝面前說:『我祖原是一個將亡的亞蘭人,下到埃及寄居。他人口稀少,在那裏卻成了又大又強、人數很多的國民。
6 Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan.
埃及人惡待我們,苦害我們,將苦工加在我們身上。
7 Nu ergasii gara Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaatti iyyanne; Waaqayyos sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge.
於是我們哀求耶和華-我們列祖的上帝,耶和華聽見我們的聲音,看見我們所受的困苦、勞碌、欺壓,
8 Kanaafuu Waaqayyo harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase.
他就用大能的手和伸出來的膀臂,並大可畏的事與神蹟奇事,領我們出了埃及,
9 Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne;
將我們領進這地方,把這流奶與蜜之地賜給我們。
10 ammas yaa Waaqayyo kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera.” Guuboo sanas fuula Waaqayyo Waaqa keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi.
耶和華啊,現在我把你所賜給我地上初熟的土產奉了來。』隨後你要把筐子放在耶和華-你上帝面前,向耶和華-你的上帝下拜。
11 Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii Waaqayyo Waaqni kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa.
你和利未人,並在你們中間寄居的,要因耶和華-你上帝所賜你和你家的一切福分歡樂。
12 Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni.
「每逢三年,就是十分取一之年,你取完了一切土產的十分之一,要分給利未人和寄居的,與孤兒寡婦,使他們在你城中可以吃得飽足。
13 Ergasii Waaqayyo Waaqa keetiin akkana jedhi; “Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne.
你又要在耶和華-你上帝面前說:『我已將聖物從我家裏拿出來,給了利未人和寄居的,與孤兒寡婦,是照你所吩咐我的一切命令。你的命令我都沒有違背,也沒有忘記。
14 Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani Waaqayyo Waaqa kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera.
我守喪的時候,沒有吃這聖物;不潔淨的時候,也沒有拿出來,又沒有為死人送去。我聽從了耶和華-我上帝的話,都照你所吩咐的行了。
15 Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.”
求你從天上、你的聖所垂看,賜福給你的百姓以色列與你所賜給我們的地,就是你向我們列祖起誓賜我們流奶與蜜之地。』」
16 Waaqayyo Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu.
「耶和華-你的上帝今日吩咐你行這些律例典章,所以你要盡心盡性謹守遵行。
17 Ati akka Waaqayyo Waaqa kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta.
你今日認耶和華為你的上帝,應許遵行他的道,謹守他的律例、誡命、典章,聽從他的話。
18 Waaqayyos akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera.
耶和華今日照他所應許你的,也認你為他的子民,使你謹守他的一切誡命,
19 Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera.
又使你得稱讚、美名、尊榮,超乎他所造的萬民之上,並照他所應許的使你歸耶和華-你上帝為聖潔的民。」