< Keessa Deebii 25 >

1 Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu.
Iwapo kutakuwa na malumbano kati ya wanaume na wakaenda mahakamani, na waamuzi wakawahukumu, basi watamwachilia mtakatifu na kumhukumu muovu.
2 Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu;
Iwapo mwanamume mwenye hatia anastahili kupigwa, basi muamuzi atamfanya alale chini na kupigwa mbele zake kwa idadi iliyoamriwa kulingana na kosa lake.
3 taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa.
Muamuzi anaweza kumpatia mapigo arobaini, lakini hapaswi kuvuka idadi hiyo; kwa maana akivuka idadi hiyo na kumpiga kwa mapigo mengi zaidi, basi Muisraeli mwenzako atakuwa kaaibishwa mbele ya macho yenu.
4 Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin.
Haupaswi kumfunga punda wako pua na mdomo anapokuwa akilima shamba lako.
5 Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu.
Iwapo kaka wanaishi pamoja na mmoja wao akafariki bila kuwa na mwana, basi mke wa marehemu hatakiwi kuolewa na mtu nje ya familia. Badala yake, kaka yake mumewe anapaswa kulala naye na kumchukua kuwa mke wake na kutekeleza wajibu wa kaka wa mume kwake.
6 Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu.
Hii ni kwamba mtoto wa kwanza atakayezaliwa arithi chini ya jina la kaka yake mwanamume aliyefariki, ili jina lake lisiangamie ndani ya Israeli.
7 Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun.
Lakini kama mwanamume hataki kumchukua mke wa kaka yake awe wake, basi mke wa kaka yake anapaswa kwenda malangoni mpaka kwa wazee na kusema, “Kaka wa mume wangu amekataa kuwajibika kwa niaba ya jina la kaka yake humu Israeli; hataki kufanya wajibu wa kaka wa mume kwangu”.
8 Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe,
Kisha wazee wa mji wake wanapaswa kumuita na kuzungumza naye. Lakini tuseme atasisitiza na kusema, “Sitaki kumchukua”.
9 niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu.
Basi mke wa kaka yake anatakiwa kuja kwake mbele ya wazee, kumvua ndara zake miguuni mwake, na kumtemea usoni. Anapaswa kumjibu na kusema, “Hivi ndivyo kinachofanyika kwa mwanamume asiyetaka kujenga nyumba ya kaka yake”.
10 Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama.
Jina lake Israeli litaitwa, “Nyumba ya mtu aliyevuliwa ndara zake”.
11 Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde,
Iwapo wanamume wamepigana wao kwa wao, na mke wa mmoja wao kaja kumkomboa mumewe dhidi ya yule aliyempiga, naye akanyosha mkono wake na kumshika sehemu za siri,
12 ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif.
basi unapaswa kuukata mkono yake; jicho lako halipaswi kuwa na huruma.
13 Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin.
Haupaswi kuwa na mizani ya uzito tofauti katika mfuko wako, mkubwa na mdogo.
14 Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin.
Hautakiwi kuwa na vipimo tofauti ndani ya nyumba yako, vikubwa na vidogo.
15 Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu.
Unatakiwa kuwa na uzito kamili na wa haki; unatakiwa kuwa na vipimo kamili na vya haki, ili siku zako ziwe ndefu katika nchi ambayo Yahwe Mungu wako anakupatia.
16 Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii.
Kwa maana wote wanaofanya vitu hivi, wote wanaovunja haki, ni chukizo kwa Yahwe Mungu wako.
17 Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu.
Kumbuka ni jambo gani Amaleki alichofanya kwako barabarani ulipokuwa ukitoka Misri,
18 Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne.
jinsi alivyokutana na wewe barabarani na kuwashambulia kati yenu kwa nyuma, wale waliokuwa wamelegea nyuma, mlipokuwa dhaifu na kuchoka, hakumheshimu Mungu.
19 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!
Kwa hiyo, Yahwe Mungu wako atakapowapa pumziko kutoka kwa maadui zako kila sehemu, katika nchi ambayo Yahwe Mungu wako anawapatia kumiliki kama urithi, hautakiwi kusahau kuwa unapaswa kufuta kumbukumbu ya Waamaleki chini ya mbingu.

< Keessa Deebii 25 >