< Keessa Deebii 25 >

1 Yoo namoonni lama wal dhabanii gara mana murtii dhufan, abbootiin seeraa isa qulqulluu gad dhiisanii isa yakka qabutti muruu qabu.
כי יהיה ריב בין אנשים ונגשו אל המשפט ושפטום והצדיקו את הצדיק והרשיעו את הרשע
2 Yoo namicha balleessaa qabu sanaaf garafamuun male abbaan murtii akka inni ciisu godhee fuula namichaa duratti lakkoobsa yakka isaatiif maluun isa haa garafsiisu;
והיה אם בן הכות הרשע--והפילו השפט והכהו לפניו כדי רשעתו במספר
3 taʼus inni afurtama caalaa isa hin garafsiisin. Inni kana caalaa yoo garafame obboleessi kee fuula kee duratti ni qaanaʼa.
ארבעים יכנו לא יסיף פן יסיף להכתו על אלה מכה רבה ונקלה אחיך לעיניך
4 Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin.
לא תחסם שור בדישו
5 Yoo obboloonni wajjin jiraatanii isaan keessaa tokko utuu ilma hin dhalchin duʼe, niitiin isaa maatiidhaa alatti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishee ishee fuudhee niitii haa godhatu; waan waarsaan tokko guutuufii qabus isheedhaaf haa guutu.
כי ישבו אחים יחדו ומת אחד מהם ובן אין לו--לא תהיה אשת המת החוצה לאיש זר יבמה יבא עליה ולקחה לו לאשה ויבמה
6 Akka maqaan isaa Israaʼel gidduudhaa hin badneef ilmi isheen deessu hangafni maqaa obboleessa duʼe sanaatiin haa waamamu.
והיה הבכור אשר תלד--יקום על שם אחיו המת ולא ימחה שמו מישראל
7 Taʼus yoo namichi sun niitii obboleessa isaa fuudhuu hin barbaanne isheen gara balbala magaalaatti maanguddoota bira dhaqxee, “Waarsaan koo maqaa obboleessa isaa Israaʼel keessatti waamsisuu dideera. Inni waan waarsaan tokko guutuu qabu naaf hin guutu” haa jettuun.
ואם לא יחפץ האיש לקחת את יבמתו ועלתה יבמתו השערה אל הזקנים ואמרה מאן יבמי להקים לאחיו שם בישראל--לא אבה יבמי
8 Ergasii maanguddoonni magaalaa isaatii waamanii isa haa haasofsiisan. Yoo inni yaada isaa geeddarachuu didee, “Ani ishee fuudhuu hin fedhu” jedhe,
וקראו לו זקני עירו ודברו אליו ועמד ואמר לא חפצתי לקחתה
9 niitiin obboleessa isaa sun fuula maanguddootaa duratti gara isaa dhaqxee kophee miilla isaa tokko irraa baafti; fuula isaattis tuftee, “Nama obboleessa isaatiif mana hin dhaabne irratti waan akkanaatu raawwatama” haa jettu.
ונגשה יבמתו אליו לעיני הזקנים וחלצה נעלו מעל רגלו וירקה בפניו וענתה ואמרה ככה יעשה לאיש אשר לא יבנה את בית אחיו
10 Sanyiin nama sanaas Israaʼel keessatti, “Maatii kopheen irraa baafame” jedhamee waamama.
ונקרא שמו בישראל בית חלוץ הנעל
11 Yoo utuu namoonni lama wal lolanii, niitiin isa tokkoo dhuftee dhirsa ishee harka namicha isa tumaa jiru sanaatii baasuuf harka ishee hiixattee saala namichaa qabde,
כי ינצו אנשים יחדו איש ואחיו וקרבה אשת האחד להציל את אישה מיד מכהו ושלחה ידה והחזיקה במבשיו
12 ati harka ishee irraa muri. Garaa hin laafiniif.
וקצתה את כפה לא תחוס עינך
13 Korojoo kee keessaa madaaliiwwan wal caalan lama jechuun tokko ulfaataa tokko immoo kan hin ulfaanne hin qabaatin.
לא יהיה לך בכיסך אבן ואבן גדולה וקטנה
14 Mana kee keessaa safartuuwwan garaa garaa lama jechuunis tokko guddaa tokko immoo xinnaa hin qabaatin.
לא יהיה לך בביתך איפה ואיפה גדולה וקטנה
15 Ati akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf madaalii fi safartuu qajeelaa fi amanamaa taʼe qabaadhu.
אבן שלמה וצדק יהיה לך איפה שלמה וצדק יהיה לך--למען יאריכו ימיך על האדמה אשר יהוה אלהיך נתן לך
16 Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu, nama jalʼina hojjetu kam iyyuus ni balfaatii.
כי תועבת יהוה אלהיך כל עשה אלה כל עשה עול
17 Waan Amaaleqoonni yeroo ati Gibxii baatu karaa irratti si godhan sana yaadadhu.
זכור את אשר עשה לך עמלק בדרך בצאתכם ממצרים
18 Isaan yeroo ati dadhabdee bututtee turtetti karaa irratti si argatanii warra duubaan tirachaa turan hunda ajjeesan; Waaqas hin sodaanne.
אשר קרך בדרך ויזנב בך כל הנחשלים אחריך--ואתה עיף ויגע ולא ירא אלהים
19 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti diinota naannoo keetii irraa boqonnaa siif kennutti, yaadannoo Amaaleq samii jalaa balleessi. Waan kana hin dagatin!
והיה בהניח יהוה אלהיך לך מכל איביך מסביב בארץ אשר יהוה אלהיך נתן לך נחלה לרשתה--תמחה את זכר עמלק מתחת השמים לא תשכח

< Keessa Deebii 25 >