< Keessa Deebii 24 >

1 Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu.
si acceperit homo uxorem et habuerit eam et non invenerit gratiam ante oculos eius propter aliquam foeditatem scribet libellum repudii et dabit in manu illius et dimittet eam de domo sua
2 Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate,
cumque egressa alterum maritum duxerit
3 yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe,
et ille quoque oderit eam dederitque ei libellum repudii et dimiserit de domo sua vel certe mortuus fuerit
4 dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin.
non poterit prior maritus recipere eam in uxorem quia polluta est et abominabilis facta est coram Domino ne peccare facias terram tuam quam Dominus Deus tuus tibi tradiderit possidendam
5 Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
cum acceperit homo nuper uxorem non procedet ad bellum nec ei quippiam necessitatis iniungetur publicae sed vacabit absque culpa domui suae ut uno anno laetetur cum uxore sua
6 Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii.
non accipies loco pignoris inferiorem et superiorem molam quia animam suam adposuit tibi
7 Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi.
si deprehensus fuerit homo sollicitans fratrem suum de filiis Israhel et vendito eo accipiens pretium interficietur et auferes malum de medio tui
8 Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda.
observa diligenter ne incurras in plagam leprae sed facies quaecumque docuerint te sacerdotes levitici generis iuxta id quod praecepi eis et imple sollicite
9 Waan Waaqayyo Waaqni kee erga isin biyya Gibxiitii baatanii booddee karaa irratti Miiriyaamitti fide sana yaadadhu.
mementote quae fecerit Dominus Deus vester Mariae in via cum egrederemini de Aegypto
10 Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin.
cum repetes a proximo tuo rem aliquam quam debet tibi non ingredieris domum eius ut pignus auferas
11 Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu.
sed stabis foris et ille tibi proferet quod habuerit
12 Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin.
sin autem pauper est non pernoctabit apud te pignus
13 Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti akka hojii qajeelummaatti siif hedama.
sed statim reddes ei ante solis occasum ut dormiens in vestimento suo benedicat tibi et habeas iustitiam coram Domino Deo tuo
14 Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin.
non negabis mercedem indigentis et pauperis fratris tui sive advenae qui tecum moratur in terra et intra portas tuas est
15 Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni Waaqayyoon sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa.
sed eadem die reddes ei pretium laboris sui ante solis occasum quia pauper est et ex eo sustentat animam suam ne clamet contra te ad Dominum et reputetur tibi in peccatum
16 Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
non occidentur patres pro filiis nec filii pro patribus sed unusquisque pro suo peccato morietur
17 Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin.
non pervertes iudicium advenae et pupilli nec auferes pignoris loco viduae vestimentum
18 Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee achii si fure yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana hojjettuuf si ajajuufis kanuma.
memento quod servieris in Aegypto et eruerit te Dominus Deus tuus inde idcirco praecipio tibi ut facias hanc rem
19 Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
quando messueris segetem in agro tuo et oblitus manipulum reliqueris non reverteris ut tollas eum sed advenam et pupillum et viduam auferre patieris ut benedicat tibi Dominus Deus tuus in omni opere manuum tuarum
20 Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
si fruges colliges olivarum quicquid remanserit in arboribus non reverteris ut colligas sed relinques advenae pupillo ac viduae
21 Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
si vindemiaveris vineam tuam non colliges remanentes racemos sed cedent in usus advenae pupilli ac viduae
22 Ati akka Gibxitti garbicha turte yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana gootu si ajajuufis kanuma.
memento quod et tu servieris in Aegypto et idcirco praecipiam tibi ut facias hanc rem

< Keessa Deebii 24 >