< Keessa Deebii 24 >

1 Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu.
Idan mutum ya auri mata, daga baya ba tă gamshe shi ba domin ya gano wani abu marar kyau game da ita, ya ba ta takardar saki, ya kuma kore ta daga gidansa,
2 Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate,
in bayan ta bar gidansa ta zama matar wani dabam,
3 yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe,
sai mijinta na biyu ya ƙi ta, ya ba ta takardan saki, ya kore ta daga gidansa, ko kuwa ya mutu,
4 dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin.
to, kada mijinta na farko, wanda ya sake ta yă sāke aurenta, tun da yake ta ƙazantu. Wannan zai zama abin ƙyama a gaban Ubangiji. Kada ku kawo zunubi a ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku gādo.
5 Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
In mutum bai daɗe da aure ba, kada a sa yă je yaƙi, ko yă yi wani aiki. Gama zai huta shekara guda a gida, yă faranta wa matar da ya aura rai.
6 Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii.
Kada ku karɓi jinginar dutsen niƙa tare da ɗan dutsen niƙan, domin yin haka zai zama karɓar jinginar rai ne.
7 Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi.
Idan aka kama wani yana satar ɗan’uwansa mutumin Isra’ila domin yă sa ya zama bawansa, ko yă sayar da shi, sai a kashe ɓarawon nan. Haka za ku kawar da mugunta daga cikinku.
8 Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda.
Game da cututtukan kuturta, sai ku lura, ku yi yadda firistocin da suke Lawiyawa suka umarce ku. Dole ku lura ku bi abin da na umarce su.
9 Waan Waaqayyo Waaqni kee erga isin biyya Gibxiitii baatanii booddee karaa irratti Miiriyaamitti fide sana yaadadhu.
Ku tuna da abin da Ubangiji Allahnku ya yi wa Miriyam a hanya, bayan kun fito Masar.
10 Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin.
Sa’ad da kuka ba da rance na kowane iri ga maƙwabcinku, kada ku shiga gidansa don karɓar wani abu a matsayin jingina.
11 Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu.
Ku tsaya a waje ku bar mutumin da yake karɓan rancen yă kawo muku abin da zai bayar a matsayin jingina.
12 Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin.
In matalauci ne, kada ku kwana da abin da zai bayar a matsayin jingina a wurinku.
13 Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti akka hojii qajeelummaatti siif hedama.
Ku mayar da rigarsa a fāɗuwar rana saboda yă sami abin rufuwa. Yin haka zai sa yă gode muku, za a kuma ɗauka wannan a matsayin aikin adalci da kuka yi a gaban Ubangiji Allahnku.
14 Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin.
Kada ku zalunci ɗan ƙodago matalauci da mabukaci, ko da shi ɗan’uwanku ne mutumin Isra’ila, ko baƙon da yake zama a cikin garuruwanku.
15 Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni Waaqayyoon sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa.
Ku biya kuɗin aikinsa kowace rana kafin fāɗuwar rana, domin shi matalauci ne, yana kuma sa rai a kan wannan hakkin ne, don kada ya yi wa Ubangiji kuka a kanku, har yă zama laifi a gare ku.
16 Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
Ba za a kashe iyaye a maimakon’ya’yansu ba, ba kuwa za a kashe’ya’ya a maimakon iyayensu ba; kowa ya yi zunubi, shi za a kashe.
17 Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin.
Ba za ku danne hakkin baƙon da yake zama a cikinku ko na marayu ba, ba za ku ɗauki rigar matar da mijinta ya mutu a matsayin jingina ba.
18 Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee achii si fure yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana hojjettuuf si ajajuufis kanuma.
Ku tuna dā ku bayi ne a Masar, Ubangiji Allahnku kuwa ya fisshe daga can. Shi ya sa na umarce ku ku yi wannan.
19 Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
Sa’ad da kuke girbi a gonarku, sai kuka manta da dami, kada ku koma don ku ɗauka. Ku bar shi don baƙo, maraya da kuma gwauruwa, saboda Ubangiji Allahnku yă albarkace ku a cikin dukan aikin hannuwanku.
20 Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
Sa’ad da kuka kakkaɓe’ya’yan zaitun daga itatuwanku, kada ku yi kalan abin da ya rage. Ku bar shi don baƙo, maraya da kuma gwauruwa.
21 Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
Sa’ad da kuka yi girbin inabi a gonar inabinku, kada ku yi kalan abin da ya rage. Ku bar shi don baƙo, maraya da kuma gwauruwa.
22 Ati akka Gibxitti garbicha turte yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana gootu si ajajuufis kanuma.
Ku tuna dā ku bayi ne Masar. Shi ya sa na umarce ku ku yi wannan.

< Keessa Deebii 24 >