< Keessa Deebii 22 >

1 Utuu sangaan yookaan hoolaan obboleessa keetii badaa jiruu yoo argite, deebisiitii isatti fidi malee calʼiftee bira hin darbin.
“Ungabona inkabi loba imvu yomfowenu iduha, ungayiyekeli kodwa ibuyisele kuye.
2 Yoo obboleessi sun sirraa fagoo jiraate yookaan yoo isa beekuu baatte sangaa yookaan hoolaa sana fuudhii galiitii hamma inni barbaacha dhufutti of bira tursi. Ergasii deebisii isaaf kenni.
Nxa umzalwane wakho engahlali eduze lawe loba ungakwazi ukuthi isifuyo lesi ngesikabani, sithathe uhambe laso emzini wakho usigcine aze afike esidinga. Usungasibuyisela kuye.
3 Yoo harreen yookaan wayyaan yookaan wanni fedhe iyyuu obboleessa kee jalaa badee argite akkasuma godhi malee dhiiftee bira hin darbin.
Wenzenjalo ungafumana ubabhemi loba ibhatshi lomzalwane wakho loba kuyini okumlahlekeleyo. Ungakuyekeli.
4 Yoo harreen yookaan sangaan obboleessa keetii karaa irratti kufee argite akka inni ol kaasee miilla isaatiin dhaabu gargaari malee bira hin darbin.
Ungabona ubabhemi loba inkabi yomfowenu iwele endleleni, ungayiyekeli. Msize umfowenu ngokuyivusa.
5 Dubartiin uffata dhiiraa uffachuu hin qabdu yookaan dhiirri uffata dubartii uffachuu hin qabu; Waaqayyo Waaqni kee nama waan akkasii hojjetu kam iyyuu ni jibbaatii.
Owesifazane angagqoki izigqoko zesilisa, lowesilisa angagqoki izigqoko zowesifazane, ngoba uThixo uNkulunkulu wenu uyanengeka ngalowo owenza lokho.
6 Ati yoo mana simbiraa kan muka irra yookaan lafa jiru utuu haati cuucii ishee yookaan anqaaquu ishee hammattee jirtuu karaa cinatti argite haadha sana cuucii ishee wajjin hin fudhatin;
Nxa ungafumana isidleke senyoni eceleni kwendlela, sisesihlahleni loba phansi, unina efukamele amatsiyane kumbe amaqanda akhe, ungathathi unina labantwabakhe.
7 ati cuucii ishee fudhachuu ni dandeessa; garuu akka siif tolee bara dheeraa jiraattuuf akka haadha gad dhiifte mirkaneeffadhu.
Ungathatha abantwana, uyekele unina ahambe ukuze kube kuhle kuwe njalo ube lempilo ende.
8 Yommuu mana haaraa ijaartutti akka namni bantii manaa irraa kufee mana keetti yakka dhangalaʼuu dhiigaa hin fidneef qarqara bantii isaatti ittisa tolchi.
Nxa usakha indlu entsha, uzakwakha umduli oluthango ophahleni lwayo ukuze kungabi lomuntu owayo ophahleni lwendlu yakho ube lecala lokuchitha igazi.
9 Iddoo dhaabaa wayinii keetii keessa sanyii gosa lamaa hin facaasin; yoo ati akkas goote sanyii ati facaafte sana qofa utuu hin taʼin iji iddoo dhaabaa wayinii keetiis ni bada.
Ungahlanyeli inhlanyelo eziyimihlobo emibili esivinini sakho; ungakwenza, akuyikuba yizilimo ozihlanyelayo kuphela eziqalekiswayo, kodwa lezithelo zevini.
10 Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin.
Ungabophi ndawonye ejogeni inkabi lobabhemi nxa ulima.
11 Uffata suufii fi quncee talbaa kan walitti foʼamee dhaʼame hin uffatin.
Ungagqoki isigqoko eselukwe ngewulu lelineni ndawonye.
12 Roga wayyaa uffattuu afran irratti handaara tolchi.
Yenza intshaka uzithungele emiphethweni yomine yebhatshi lakho oligqokileyo.”
13 Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee,
“Nxa indoda ithatha umfazi, kuthi ngemva isike yalala laye, ingamthakazeleli
14 ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, “Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne” jedhee,
imgcone imbize ngamagama amabi, isithi, ‘Ngathatha umfazi lo, kodwa ngathi ngilala laye ngafumana ukuthi kaseyiyontombi egcweleyo,’
15 abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan.
ngakho uyise lonina wentombi bazaletha ubufakazi ebadaleni bakulelodolobho esangweni bokutshengisa ukuthi ibikade iyintombi.
16 Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; “Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe.
Uyise wentombi uzakuthi ebadaleni, ‘Ngendisela indodakazi yami endodeni le, kodwa ayisamfuni.
17 Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti.” Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan;
Khathesi isiyigcona isithi, “Indodakazi yakho kangiyifumananga iyintombi egcweleyo.” Kodwa nampu ubufakazi bokuthi indodakazi yami iyintombi egcweleyo.’ Ngakho abazali bentombi bazakwendlala ilembu phambi kwabadala bakulelodolobho,
18 maanguddoonni sunis namicha sana qabanii haa adaban.
kuthi abadala bayijezise leyondoda.
19 Isaanis sababii namichi kun maqaa durba Israaʼel tokkoo xureesseef meetii saqilii dhibba tokko baasisanii abbaa intalattiitiif haa kennan; isheen niitii isaa taatee haa jiraattu; innis hamma lubbuudhaan jirutti ishee hiikuu hin dandaʼu.
Bazayihlawulisa amashekeli esiliva alikhulu, bawanike uyise wentombi, ngoba indoda le isigcone intombi yako-Israyeli. Intombi izaqhubeka ingumfazi wayo indoda; okwempilo yayo yonke akumelanga iyale lintombi.
20 Taʼus yoo himannaan dhiʼaate sun dhugaa taʼee ragaan durbummaa intalattii mirkaneessu hin argamin,
Nxa kungenzeka ukuthi umlandu ewetheswayo uliqiniso njalo kungaze kwafunyanwa ubufakazi bobuntombi bayo,
21 isheen balbala mana abbaa ishee duratti fidamtee namoonni magaalaa ishee hamma isheen duututti dhagaadhaan ishee haa tuman; isheen utuma mana abbaa ishee jirtuu sagaagaluudhaan gocha Israaʼel keessatti qaanii taʼe hojjetteerti. Ati gidduu keetii waan hamaa baasuu qabda.
izalethwa emnyango wendlu kayise kuthi amadoda akulelodolobho ayikhandele khona ngamatshe ize ife. Yenze into eyangisayo ko-Israyeli ngokungaziphathi ngesikhathi isahlala emzini kayise. Kumele liqede ububi phakathi kwenu.
22 Yoo namni tokko utuu niitii nama biraa wajjin ciisuu argame lamaan isaanii iyyuu, namichi ishee wajjin ciisee fi dubartiin sun ajjeefamuu qabu. Ati Israaʼel keessaa waan hamaa baasuu qabda.
Nxa indoda ingafunyanwa ilele lomfazi wenye indoda bobabili kumele babulawe. Kufanele liqede ububi ko-Israyeli.
23 Yoo namni tokko durba kaadhimamte magaalaatti argee ishee wajjin ciise,
Nxa kungenzeka ukuthi indoda ihlangane lentombi esikhombile edolobheni ilale layo,
24 waan isheen utuu magaalaa keessa jirtuu na oolchaa jettee hin iyyiniif, namichi immoo waan niitii nama biraa salphiseef, lamaan isaanii iyyuu gara balbala magaalaatti geessaatii hamma isaan duʼanitti dhagaadhaan tumaa. Waan hamaa gidduu keessanii balleessaa.
lizabathatha bobabili libase esangweni lakulelodolobho libakhande ngamatshe khona baze bafe ngoba intombi kayihlabanga mkhosi ukuthi ilanyulelwe yona isedolobheni, njalo indoda isixhwalise umfazi wenye indoda. Kumele liqede ububi phakathi kwenu.
25 Garuu yoo namni tokko durba kadhatamte tokko baadiyyaatti argee ishee gudeede, namichi waan kana godhe qofti haa ajjeefamu.
Kodwa nxa kungenzeka ukuthi indoda ihlangane lentombi esikhombile egangeni ibe isiyibamba, indoda ekwenzileyo lokhu yiyo kuphela ezakufa.
26 Intalattii hin tuqinaa; isheen cubbuu duʼaan ishee gaʼu tokko iyyuu hin hojjenneetii. Dubbiin akkasii nama balaa buusee namicha ollaa isaa ajjeesuun wal fakkaata;
Lingenzi lutho entombini; kayenzanga sono esingabangela ukuthi ife. Lindaba iyafanana leyomuntu ohlasela abulale umakhelwane wakhe,
27 kunis waan namichi durba kaadhimamte sana baadiyyaatti argatee yoo iyyite illee namni isheef birmatu hin argamneef.
ngoba indoda ifumene inkazana egangeni, loba intombi le ekhombileyo ibihlabe umkhosi, bekungelamuntu wokuyilamulela.
28 Namni tokko yoo durba hin kaadhimamin tokko argee humnaan ishee gudeedee wanni kun beekame,
Nxa kungenzeka ukuthi indoda ihlangane lentombi engakakhombi ibe isiyidlwengula njalo kwazakale.
29 inni abbaa isheetii fi meetii saqilii shantama haa baasu. Inni waan gudeedee durbummaa ishee balleesseef ishee fuudhuu qaba. Hamma lubbuun jiruttis ishee hiikuu hin dandaʼu.
Indoda leyo izahlawula uyise wentombi amashekeli esiliva angamatshumi amahlanu. Kumele iyithathe ibe ngumfazi wayo ngoba isiyingcolisile. Akumelanga iyale ukuphila kwayo konke.
30 Namni tokko niitii abbaa isaa fuudhuu hin qabu; inni siree abbaa isaa hin xureessin.
Akumelanga ukuthi umuntu athathe umkayise; angahlazisi umbheda kayise.”

< Keessa Deebii 22 >