< Keessa Deebii 21 >

1 Yoo namni tokko biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti duʼee argamee namni isa ajjeese hin beekamin,
If someone is found slain in the land which the LORD your God gives you to possess, lying in the field, and it is not known who has struck him,
2 maanguddoonni keetii fi abbootiin murtii kee dhaqanii fageenya iddoo inni itti duʼee fi magaalaawwan itti dhiʼaatan gidduu jiru haa safaran.
then your elders and your judges shall come out, and they shall measure to the cities which are around him who is slain.
3 Ergasiis maanguddoonni magaalaa reeffichatti aantu keessa jiraatan goromsa takkumaa hin hojjetin kan waanjoo hin baatin fuudhanii
It shall be that the elders of the city which is nearest to the slain man shall take a heifer of the herd, which has not been worked with and which has not drawn in the yoke.
4 goromsa sana gara sulula hin qotamin yookaan wanni tokko iyyuu irra hin facaafamin kan bishaan yaaʼu qabuutti haa geessan. Sulula sana keessattis morma goromsa sanaa haa cabsan.
The elders of that city shall bring the heifer down to a valley with running water, which is neither plowed nor sown, and shall break the heifer’s neck there in the valley.
5 Luboonni jechuunis ilmaan Lewwii sababii akka tajaajilanii fi akka maqaa Waaqayyootiin eebbisaniif, akka dubbii wal dhabiisaatii fi miidhaa dhagnaa kami irratti iyyuu murtii kennaniif Waaqayyo Waaqa keetiin filatamaniif isaan fuulduraatti haa dhiʼaatan.
The priests the sons of Levi shall come near, for them the LORD your God has chosen to minister to him, and to bless in the LORD’s name; and according to their word shall every controversy and every assault be decided.
6 Ergasii maanguddoonni magaalaa reeffichatti baayʼee dhiʼaatuu hundi goromsa sulula keessatti mormi cabsame sana irratti harka isaanii haa dhiqatan.
All the elders of that city which is nearest to the slain man shall wash their hands over the heifer whose neck was broken in the valley.
7 Isaanis akkana haa jedhan: “Harki keenya dhiiga kana hin dhangalaafne yookaan yommuu wanni kun hojjetame iji keenya hin argine.
They shall answer and say, “Our hands have not shed this blood, neither have our eyes seen it.
8 Yaa Waaqayyo, aarsaa araaraa kana saba kee Israaʼel kan furte sanaaf fudhadhu; dhiiga nama qulqulluu kanaas saba keetti hin herregin. Yakkii dhiiga dhangalaafamees isaanii haa dhiifamu.
Forgive, LORD, your people Israel, whom you have redeemed, and do not allow innocent blood among your people Israel.” The blood shall be forgiven them.
9 Atis sababii waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjetteef yakka dhangalaafamuu dhiiga nama qajeelaa akkasiin gidduu keetii ni balleessita.”
So you shall put away the innocent blood from among you, when you shall do that which is right in the LORD’s eyes.
10 Ati yommuu diinota kee loluuf duultee Waaqayyo Waaqni kee dabarsee harka keetti isaan siif kennee boojuu fudhattutti,
When you go out to battle against your enemies, and the LORD your God delivers them into your hands and you carry them away captive,
11 yoo warra boojiʼaman keessatti dubartii bareedduu tokko argitee ishee jaallatte niitii ofii keetii godhattee ishee fuudhuu dandeessa.
and see among the captives a beautiful woman, and you are attracted to her, and desire to take her as your wife,
12 Mana keetti ishee galchi; isheenis mataa ishee haa haaddattu; qeensa ishees haa qorattu;
then you shall bring her home to your house. She shall shave her head and trim her nails.
13 uffata isheen yeroo boojiʼamtetti uffachaa turtes irraa baasi. Erga isheen mana kee keessa jiraattee jiʼa tokko guutuu abbaa fi haadha isheetiif boossee booddee ati ishee wajjin ciiftee dhirsa ishee taʼuu dandeessa; isheenis niitii kee ni taati.
She shall take off the clothing of her captivity, and shall remain in your house, and bewail her father and her mother a full month. After that you shall go in to her and be her husband, and she shall be your wife.
14 Ati yoo isheetti gammaduu baatte akka isheen gara feete deemtu gad dhiisi. Ati waan ishee salphifteef ishee gurguruu yookaan akka garbittiitti ishee ilaaluu hin qabdu.
It shall be, if you have no delight in her, then you shall let her go where she desires; but you shall not sell her at all for money. You shall not deal with her as a slave, because you have humbled her.
15 Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate,
If a man has two wives, the one beloved and the other hated, and they have borne him children, both the beloved and the hated, and if the firstborn son is hers who was hated,
16 namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu.
then it shall be, in the day that he causes his sons to inherit that which he has, that he may not give the son of the beloved the rights of the firstborn before the son of the hated, who is the firstborn;
17 Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
but he shall acknowledge the firstborn, the son of the hated, by giving him a double portion of all that he has; for he is the beginning of his strength. The right of the firstborn is his.
18 Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate,
If a man has a stubborn and rebellious son who will not obey the voice of his father or the voice of his mother, and though they chasten him, will not listen to them,
19 abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan.
then his father and his mother shall take hold of him and bring him out to the elders of his city and to the gate of his place.
20 Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan.
They shall tell the elders of his city, “This our son is stubborn and rebellious. He will not obey our voice. He is a glutton and a drunkard.”
21 Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
All the men of his city shall stone him to death with stones. So you shall remove the evil from among you. All Israel shall hear, and fear.
22 Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame,
If a man has committed a sin worthy of death, and he is put to death, and you hang him on a tree,
23 ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin.
his body shall not remain all night on the tree, but you shall surely bury him the same day; for he who is hanged is accursed of God. Do not defile your land which the LORD your God gives you for an inheritance.

< Keessa Deebii 21 >