< Keessa Deebii 20 >

1 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase sun si wajjin jiruuf yommuu diinota kee loluuf baatutti fardeenii fi gaariiwwan akkasumas humna waraanaa kan humna waraanaa kee caalu argitutti hin sodaatin.
When you march out to battle against your enemies, and see horses, chariots, and a people more numerous than you, you must not be afraid of them; for Yahweh your God is with you, he who brought you up out of the land of Egypt.
2 Yommuu ati waraanatti dhiʼaattutti lubni fuula duratti baʼee loltootatti haa dubbatu.
When you are about to enter into battle, the priest must approach and speak to the people.
3 Innis akkana haa jedhu; “Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa.
He must say to them, 'Listen, Israel, you are going to battle against your enemies. Do not let your hearts faint. Do not fear or tremble. Do not be afraid of them.
4 Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu Waaqayyo Waaqa keessaniitii.”
For Yahweh your God is the one who is going with you to fight for you against your enemies and to save you.'
5 Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa.
The officers must speak to the people and say, 'What man is there who has built a new house and has not dedicated it? Let him go and return to his house, so that he does not die in battle and another man dedicates it.
6 Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata.
Is there anyone who has planted a vineyard and has not enjoyed its fruit? Let him go home, so he will not die in battle and another man enjoy its fruit.
7 Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.”
What man is there who is engaged to marry a woman but has not yet married her? Let him go home so that he does not die in battle and another man marries her.'
8 Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan.
The officers must speak further to the people and say, 'What man is there who is fearful or fainthearted? Let him go and return to his house, so that his brother's heart does not melt like his own heart.'
9 Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan.
When the officers have finished speaking to the people, they must appoint commanders over them.
10 Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi.
When you march up to attack a city, make those people an offer of peace.
11 Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu.
If they accept your offer and open their gates to you, all the people who are found in it must become forced labor for you and must serve you.
12 Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi.
But if it makes no offer of peace to you, but instead makes war against you, then you must besiege it,
13 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan sitti kennutti dhiirota magaalattii keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi.
and when Yahweh your God gives you victory and puts them under your control, you must kill every man in the town.
14 Garuu nadheenii fi ijoollee, horii fi waan magaalattii keessatti argamu hunda boojiʼiitii ofii keetii fudhadhu; ati boojuu Waaqayyo Waaqni kee diinota kee irratti siif kennetti fayyadamuu ni dandeessa.
But the women, the little ones, the cattle, and everything that is in the city, and all its spoil, you will take as booty for yourself. You will consume the booty of your enemies, whom Yahweh your God has given to you.
15 Akki ati magaalaawwan saboota naannoo keetii hin taʼin kanneen akka malee fagoo taʼan gootus kanuma.
You must act in this way toward all the cities that are very far from you, cities that are not of the cities of these following nations.
16 Taʼus magaalaawwan saboota Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu keessatti waan hafuura baafatu tokko illee hin hambisin.
In the cities of these peoples that Yahweh your God is giving you as an inheritance, you must save alive nothing that breathes.
17 Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guutumaan guutuutti isaan barbadeessi; isaanis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota.
Instead, you must completely destroy them: the Hittite, and the Amorite, the Canaanite, the Perizzite, the Hivite, and the Jebusite, as Yahweh your God has commanded you.
18 Yoo kanaa achii akka ati waan jibbisiisaa isaan waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojjetan sana duukaa buutu si barsiisu; atis Waaqayyo Waaqa keetti cubbuu hojjetta.
Do this so that they do not teach you to act in any of their abominable ways, as they have done with their gods. If you do, you will sin against Yahweh your God.
19 Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii?
When you will besiege a city for a long time, as you wage war against it to capture it, you must not destroy its trees by wielding an ax against them. For you may eat from them, so you must not cut them down. For is the tree of the field a man whom you should besiege?
20 Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa.
Only the trees that you know are not trees for food, you may destroy and cut down; you will build siege works against the city that makes war with you, until it falls.

< Keessa Deebii 20 >