< Keessa Deebii 19 >

1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti,
Cuando Jehová tu Dios talare las gentes, cuya tierra Jehová tu Dios te da a ti, y tú las heredares, y habitares en sus ciudades, y en sus casas;
2 walakkaa biyya Waaqayyo Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu.
Apartarte has tres ciudades en medio de tu tierra que Jehová tu Dios te da para que la heredes.
3 Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi.
Aderezarte has el camino, y partirás en tres partes el término de tu tierra, que Jehová tu Dios te dará en heredad, y será para que todo homicida se huya allí.
4 Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha.
Y este es el negocio del homicida que huirá allí, y vivirá: El que hiriere a su prójimo por yerro, que no le tenía enemistad desde ayer ni desde anteayer:
5 Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa.
Y el que fue con su prójimo al monte a cortar leña, y poniendo fuerza con su mano en la hacha para cortar algún leño, saltó el hierro del cabo, y halló a su prójimo, y murió; este huirá a una de estas ciudades, y vivirá.
6 Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa.
Porque el redimidor de la sangre no vaya tras el homicida cuando se escalentare su corazón, y lo alcance, por ser largo el camino, y lo hiera de muerte, el cual no será condenado a muerte; porque no tenía enemistad con él desde ayer y anteayer.
7 Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma.
Por tanto yo te mando, diciendo: Tres ciudades te apartarás.
8 Yoo Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne,
Y si Jehová tu Dios ensanchare tu término, como lo juró a tus padres, y te diere toda la tierra, que dijo a tus padres, que había de dar,
9 ati Waaqayyoon Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta.
Cuando guardases todos estos mandamientos, que yo te mando hoy, para hacerlos, que ames a Jehová tu Dios y andes en sus caminos todos los días entonces añadirás otras tres ciudades allende de estas tres:
10 Akka lafa kee kan Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi.
Porque no sea derramada sangre inocente en medio de tu tierra, que Jehová tu Dios te da por heredad, y sean sobre ti sangres.
11 Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate,
Mas cuando hubiere alguno que aborreciere a su prójimo, y le espiare, y se levantare sobre él, y le hiriere de muerte, y muriere, y huyere a alguna de estas ciudades;
12 maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan.
Entonces los ancianos de su ciudad enviarán, y sacarle han de allí, y entregarle han en mano del pariente del muerto, y morirá.
13 Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi.
No le perdonará tu ojo: y quitarás la sangre inocente de Israel, y habrás bien.
14 Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin.
No estrecharás el término de tu prójimo, que señalaron los antiguos en tu heredad que poseyeres en la tierra que Jehová tu Dios te da, para que la heredes.
15 Nama yakka yookaan seera cabsuu kamiin iyyuu himatame tokkotti muruuf dhuga baʼumsi nama tokkoo gaʼaa miti. Dubbiin sun dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.
No valdrá un testigo contra ninguno en cualquier delito, y en cualquier pecado, en cualquier pecado que se cometiere. En dicho de dos testigos, o en dicho de tres testigos consistirá el negocio.
16 Yoo dhuga baatuun jalʼaan tokko sobaan nama tokkotti dhugaa baʼe,
Cuando se levantare testigo falso contra alguno para testificar contra él rebelión;
17 namoonni wal dhaban lamaan fuula Waaqayyoo duratti lubootaa fi abbootii murtii kanneen yeroo sanatti hojii irra jiran dura haa dhaabatan.
Entonces los dos hombres, que pleitean se presentarán delante de Jehová, delante de los sacerdotes y jueces que fueren en aquellos días;
18 Abbootiin murtiis dubbicha gad fageessanii haa qoran; yoo dhuga baatuun sun sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼee obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa baʼe,
Y los jueces inquirirán bien, y si pareciere ser aquel testigo falso, que testificó falso contra su hermano;
19 waanuma inni obboleessa isaa gochuu yaade sana isa godhaa. Ati hamaa of keessaa baasuu qabda.
Haréis a él como él pensó hacer a su hermano, y quitarás el mal de en medio de ti.
20 Namoonni hafan waan kana dhagaʼanii ni sodaatu; wanni hamaan akkasiis lammata gidduu keetti hin hojjetamu.
Y los que quedaren, oirán, y temerán, y no volverán más a hacer una mala cosa como esta en medio de ti.
21 Ati gara laafina tokko iyyuu hin argisiisin; qooda lubbuu lubbuun, qooda ijaa ijji, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaas miilli baafamuu qaba.
Y no perdonará tu ojo: vida por vida, ojo por ojo, diente por diente, mano por mano, pie por pie.

< Keessa Deebii 19 >