< Keessa Deebii 19 >

1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee saboota biyya isaanii siif kennu balleessutti, yommuu ati ariitee isaan baaftee magaalaawwanii fi manneen isaanii keessa qubattutti,
Sa’ad da Ubangiji Allahnku ya hallakar da al’ummai waɗanda yake ba ku ƙasarsu, sa’ad da kuka kore su, kuka kuma zauna a birane da gidajensu,
2 walakkaa biyya Waaqayyo Waaqni kee akka ati dhaaltuuf siif kennutti ofii keetiif magaalaawwan sadii addaan baafadhu.
sai ku keɓe wa kanku birane uku waɗanda suke a tsakiyar ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku ku mallaka.
3 Akka namni nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf daandiiwwan hojjedhuutii biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu iddoo sadiitti qoodi.
Ku gina hanyoyi zuwa cikinsu, ku kuma raba ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku gādo kashi uku, saboda duk wani da ya yi kisankai yă iya gudu zuwa can.
4 Seerri waaʼee nama nama ajjeesee lubbuu isaa baafachuuf achitti baqatuu jechuunis kan utuu hammina itti hin yaadin akka tasaa nama ollaa isaa ajjeesuu tokko ilaalu kanaa dha.
Ga doka game da mutumin da ya kashe wani, ya kuma gudu don yă cece ransa, wani wanda ya kashe maƙwabcinsa ba da gangan ba, ba kuwa da wata ƙiyayya a tsakaninsu a dā ba.
5 Namni tokko yoo muka murachuuf namicha ollaa isaa wajjin bosona seenee utuu muka muruuf qottoo isaa ol fudhatuu akkuma tasaa sibiilli irraa buqqaʼee namicha ollaa isaa sana dhaʼee ajjeese, namni sun magaalaawwan kanneen keessaa isa tokkotti baqatee lubbuu ofii isaa oolfachuu dandaʼa.
Misali, in mutum ya je jeji da maƙwabcinsa domin yankan itace, sai ruwan gatarinsa ya kwaɓe daga ƙotar yayinda yake saran itacen, ya sari maƙwabcin har ya mutu. Mutumin nan zai iya gudu zuwa ɗaya daga cikin waɗannan birane don yă ceci ransa.
6 Yoo kanaa achii namni haaloo dhiigaa baasu tokko waan namichi nama ajjeese sun utuu duraan dursee hammina itti hin yaadin ollaa isaa ajjeeseef yoo ajjeefamuu hin qabaatin illee fagoo taʼu iyyuu inni aariidhaan duukaa buʼee qaqqabee isa ajjeesuu dandaʼa.
In ba haka ba mai neman ɗaukan fansa jini, zai iya binsa cikin fushi, yă cim masa, saboda nisan hanyar, har ya kashe shi, ko da yake bai cancanci mutuwa ba, tun da yake ba ƙiyayya tsakaninsa da abokinsa a dā.
7 Sababiin ani akka ati magaalaa sadii ofii keetiif addaan baafattu si ajajeefis kanuma.
Wannan ne ya sa na umarce ku ku keɓe wa kanku birane uku.
8 Yoo Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya kee siif balʼisee biyya waadaa isaaniif gale sana guutummaatti siif kenne,
In Ubangiji Allahnku ya fadada yankinku, kamar yadda ya alkawarta da rantsuwa wa kakanninku, ya kuma ba ku ƙasar gaba ɗaya kamar yadda ya yi musu alkawari,
9 ati Waaqayyoon Waaqa kee akka jaallachuu fi yeroo hunda karaa isaa irra akka deemtuuf ajajawwan ani harʼa siif kennu hunda akka gaariitti yoo eegde, magaalaawwan kanneen irratti magaalaawwan sadii ni dabalatta.
idan dai kun lura, kuka kiyaye umarnin da nake ba ku a yau, wato, ta wurin ƙaunar Ubangiji Allahnku, kuka kuma yi tafiya kullum cikin hanyoyinsa, to, sai ku keɓe ƙarin birane uku.
10 Akka lafa kee kan Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennu keessatti dhiigni nama qulqulluu hin dhangalaanee fi atis yakka dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamneef waan kana godhi.
Ku yi haka don kada a zub da jinin marar laifi a ƙasar da Ubangiji Allahnku yake ba ku gādo, don kada ku kuma zama masu laifin zub da jini.
11 Garuu yoo namni tokko nama ollaa isaa jibbee riphee eeggachuudhaan miidhaa irraan gaʼee isa ajjeesee ergasii immoo magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqate,
Amma idan wani mutum yana ƙin maƙwabcinsa, ya kuma yi kwanto yana fakonsa, ya yi masa rauni, har ya kashe shi, sa’an nan ya gudu zuwa ɗaya daga cikin waɗannan birane,
12 maanguddoonni magaalaa inni keessa jiraachaa turee nama itti erganii magaalaa inni itti baqate sanaa isa haa fichisiisan; akka inni ajjeesuufis nama haaloo dhiigaa baʼutti dabarsanii isa haa kennan.
dattawan garinsa za su aika a kawo shi, a dawo da shi daga birnin, a miƙa shi ga mai neman fansar jini don yă kashe shi.
13 Garaa hin laafiniif; akka siif toluuf yakka dhangalaafama dhiiga nama qulqulluu Israaʼel keessaa balleessi.
Kada ku ji tausayinsa. Dole ku fid da laifin zub da jinin marar laifi daga Isra’ila, don ku sami zaman lafiya.
14 Biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaaltuuf siif kennu keessatti dhaala dabarfamee siif kennamu irratti dhagaa mallattoo daangaa ollaa keetii kan namoonni durii dhaaban hin hiiqsin.
Kada ka gusar da dutsen nuna shaidar iyakar maƙwabcinka wanda kakanni suka sa, a gādon da ka samu a ƙasar da Ubangiji Allahnka yake ba ka mallaka.
15 Nama yakka yookaan seera cabsuu kamiin iyyuu himatame tokkotti muruuf dhuga baʼumsi nama tokkoo gaʼaa miti. Dubbiin sun dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.
Shaidar mutum guda ba tă isa a tabbatar cewa mutum yana da laifi game da laifin da ake tuhumarsa ba, ko kuwa a kan wani laifin da ake zaginsa da aikata ba. Dole a tabbata da batun ta bakin shaidu biyu, ko uku.
16 Yoo dhuga baatuun jalʼaan tokko sobaan nama tokkotti dhugaa baʼe,
In wani ɗan sharri ya tashi ya yi wa wani sharri, don a sami wani da laifi,
17 namoonni wal dhaban lamaan fuula Waaqayyoo duratti lubootaa fi abbootii murtii kanneen yeroo sanatti hojii irra jiran dura haa dhaabatan.
dole mutanen nan biyu da suke rikici su tsaya a gaban Ubangiji, a gaban firistoci da alƙalai waɗanda suke aiki a lokacin.
18 Abbootiin murtiis dubbicha gad fageessanii haa qoran; yoo dhuga baatuun sun sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼee obboleessa isaa irratti sobaan dhugaa baʼe,
Dole alƙalan su yi bincike sosai, in kuma aka tabbatar mai ba da shaida maƙaryaci ne, yana ba da shaidar zur a kan ɗan’uwansa ne,
19 waanuma inni obboleessa isaa gochuu yaade sana isa godhaa. Ati hamaa of keessaa baasuu qabda.
to, sai a yi da shi yadda ya yi niyya yă yi da ɗan’uwansa. Dole ku fid da mugu daga cikinku.
20 Namoonni hafan waan kana dhagaʼanii ni sodaatu; wanni hamaan akkasiis lammata gidduu keetti hin hojjetamu.
Sauran mutane za su ji wannan su kuma ji tsoro, ba kuwa za a ƙara yin irin wannan mugun abu a cikinku ba.
21 Ati gara laafina tokko iyyuu hin argisiisin; qooda lubbuu lubbuun, qooda ijaa ijji, qooda ilkaanii ilkaan, qooda harkaa harki, qooda miillaas miilli baafamuu qaba.
Kada ku ji tausayi, rai yă zama a maimakon rai, ido a maimakon ido, haƙori a maimakon haƙori, hannu a maimakon hannu, ƙafa a maimakon ƙafa.

< Keessa Deebii 19 >