< Keessa Deebii 18 >

1 Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii.
The priests the Levites, [and] all the tribe of Levi, shall have no part nor inheritance with Israel: they shall eat the offerings of the LORD made by fire, and his inheritance.
2 Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Waaqayyo dhaala isaaniitii.
Therefore shall they have no inheritance among their brethren: the LORD [is] their inheritance, as he hath said to them.
3 Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti.
And this shall be the priest's due from the people, from them that offer a sacrifice, whether ox or sheep; and they shall give to the priest the shoulder, and the two cheeks, and the maw.
4 Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda;
The first-fruit [also] of thy corn, of thy wine, and of thy oil, and the first of the fleece of thy sheep, shalt thou give him.
5 kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.
For the LORD thy God hath chosen him out of all thy tribes, to stand to minister in the name of the LORD, him and his sons for ever.
6 Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe,
And if a Levite shall come from any of thy gates out of all Israel, where he sojourned, and come with all the desire of his mind to the place which the LORD shall choose;
7 innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu.
Then he shall minister in the name of the LORD his God, as all his brethren the Levites [do], who stand there before the LORD.
8 Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.
They shall have like portions to eat, beside that which cometh of the sale of his patrimony.
9 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin.
When thou art come into the land which the LORD thy God giveth thee, thou shalt not learn to do after the abominations of those nations.
10 Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun,
There shall not be found among you [any one] that maketh his son or his daughter to pass through the fire, [or] that useth divination, [or] an observer of times, or an enchanter, or a witch,
11 yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin.
Or a charmer, or a consulter with familiar spirits, or a wizard, or a necromancer.
12 Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Waaqayyo Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa.
For all that do these things [are] an abomination to the LORD: and because of these abominations the LORD thy God doth drive them out from before thee.
13 Ati fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.
Thou shalt be perfect with the LORD thy God.
14 Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Waaqayyo Waaqni kee siif hin eeyyamamne.
For these nations, which thou shalt possess, hearkened to observers of times, and to diviners: but as for thee, the LORD thy God hath not suffered thee so [to do].
15 Waaqayyo Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda.
The LORD thy God will raise up to thee a Prophet from the midst of thee, of thy brethren, like to me; to him ye shall hearken.
16 Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee Waaqayyo Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee Waaqayyoon Waaqa kee kadhatte kanaatii.
According to all that thou desiredst of the LORD thy God in Horeb in the day of the assembly, saying, Let me not hear again the voice of the LORD my God, neither let me see this great fire any more, that I may not die.
17 Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha.
And the LORD said to me, They have well [spoken of that] which they have spoken.
18 Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima.
I will raise up to them a prophet from among their brethren, like thee, and will put my words in his mouth; and he shall speak to them all that I shall command him.
19 Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha.
And it shall come to pass, [that] whoever will not hearken to my words which he shall speak in my name, I will require [it] of him.
20 Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
But the prophet, who shall presume to speak a word in my name, which I have not commanded him to speak, or that shall speak in the name of other gods, even that prophet shall die.
21 Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa.
And if thou shalt say in thy heart, How shall we know the word which the LORD hath not spoken?
22 Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.
When a prophet speaketh in the name of the LORD, if the thing doth not follow, nor come to pass, that [is] the thing which the LORD hath not spoken, [but] the prophet hath spoken it presumptuously: thou shalt not be afraid of him.

< Keessa Deebii 18 >