< Keessa Deebii 17 >

1 Sangaa yookaan hoolaa fafa yookaan hirʼina kam iyyuu qabu Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa hin dhiʼeessin; wanni akkasii isa biratti jibbisiisaa dhaatii.
“凡有残疾,或有什么恶病的牛羊,你都不可献给耶和华—你的 神,因为这是耶和华—你 神所憎恶的。
2 Yoo dhiirri yookaan dubartiin magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokko keessa gidduu kee jiraattu tokko kakuu isaa cabsuudhaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan hamaa hojjetee argame,
“在你们中间,在耶和华—你 神所赐你的诸城中,无论哪座城里,若有人,或男或女,行耶和华—你 神眼中看为恶的事,违背了他的约,
3 yoo ajaja koo darbee waaqota ormaa waaqeffate, gad jedhee biiftuuf yookaan jiʼaaf yookaan urjiiwwan samiitiif sagadde,
去事奉敬拜别神,或拜日头,或拜月亮,或拜天象,是主不曾吩咐的;
4 yoo wanni kun sitti himamee atis dhageesse, dubbicha gad qabii akka gaariitti qoradhu; yoo wanni jedhame sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
有人告诉你,你也听见了,就要细细地探听,果然是真,准有这可憎恶的事行在以色列中,
5 namicha yookaan dubartii waan hamaa kana hojjette gara balbala magaalaa sanaatti geessiitii dhagaadhaan tumii ajjeesi.
你就要将行这恶事的男人或女人拉到城门外,用石头将他打死。
6 Namni duuti isaaf malu tokko dhuga baʼumsa nama lamaa yookaan sadiitiin haa ajjeefamu; garuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan namni kam iyyuu ajjeefamuu hin qabu.
要凭两三个人的口作见证将那当死的人治死;不可凭一个人的口作见证将他治死。
7 Yommuu ajjeefamus jalqabatti harki dhuga baatotaa, itti aansee immoo kan sabaa isa irra haa buʼu; ati waan hamaa of keessaa baasuu qabda.
见证人要先下手,然后众民也下手将他治死。这样,就把那恶从你们中间除掉。
8 Yoo dubbiiwwan murteessuuf rakkisaa taʼan mana murtii keetti dhiʼaatan jechuunis kan akka dhiiga dhangalaasuu, wal mormii seera tokkootii fi kan biraa, yookaan miidhaa dhagna irra gaʼu kan garaa garaa gidduutti wanni murtii kennuuf rakkisu yoo kaʼe, ati lafa Waaqayyo Waaqni kee filatutti geessi.
“你城中若起了争讼的事,或因流血,或因争竞,或因殴打,是你难断的案件,你就当起来,往耶和华—你 神所选择的地方
9 Gara Lewwota warra luboota taʼaniitii fi qondaaltota yeroo sana hojii irra turanii dhaqi. Waaʼee dubbii sanaa isaaniin mariʼadhu; isaanis murtii isaa sitti himu.
去见祭司利未人,并当时的审判官,求问他们,他们必将判语指示你。
10 Atis akkuma yaada isaan siif kennan sanaatti iddoo Waaqayyo filatutti murtii kennuu qabda. Waan hunda qajeelfama isaan siif kennaniin hojjedhu.
他们在耶和华所选择的地方指示你的判语,你必照着他们所指教你的一切话谨守遵行。
11 Akka seera isaan si barsiisaniittii fi akka qajeelfama isaan siif kennaniitti hojjedhu. Waan isaan sitti himan irraa mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
要按他们所指教你的律法,照他们所断定的去行;他们所指示你的判语,你不可偏离左右。
12 Namni abbaa seeraa yookaan luba Waaqayyo Waaqa kee tajaajiluuf achi dhaabatu tuffatu haa ajjeefamu. Ati waan hamaa Israaʼel keessaa baasuu qabda.
若有人擅敢不听从那侍立在耶和华—你 神面前的祭司,或不听从审判官,那人就必治死;这样,便将那恶从以色列中除掉。
13 Sabni hundis waan kana dhagaʼee ni sodaata; itti deebiʼees hin tuffatu.
众百姓都要听见害怕,不再擅敢行事。”
14 Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtee dhaaltuu fi biyya sana keessa qubattee, “Akkuma saboota naannoo koo jiraataniitti anis mootii of irrattan moosisa” jettutti,
“到了耶和华—你 神所赐你的地,得了那地居住的时候,若说:‘我要立王治理我,像四围的国一样。’
15 mootii Waaqayyo Waaqni kee filatu of irratti moosisi. Nama obboleessa kee Israaʼel taʼe keessaa malee nama biyya alaa of irratti hin moosisin.
你总要立耶和华—你 神所拣选的人为王。必从你弟兄中立一人;不可立你弟兄以外的人为王。
16 Sababii Waaqayyo, “Lammata garas hin deebitan” jedhee sitti himeef, mootichi ofii isaatii fardeen hin baayʼifatin yookaan lakkoobsa fardeenii baayʼifachuuf jedhee gara Gibxitti saba hin deebisin.
只是王不可为自己加添马匹,也不可使百姓回埃及去,为要加添他的马匹,因耶和华曾吩咐你们说:‘不可再回那条路去。’
17 Akka yaadni isaa hin badneef inni niitota baayʼee fuudhuu hin qabu; meetii fi warqee baayʼisees walitti qabachuu hin qabu.
他也不可为自己多立妃嫔,恐怕他的心偏邪;也不可为自己多积金银。
18 Inni yommuu teessoo mootummaa isaa irra taaʼutti garagalchaa seera kanaa luboota Lewwota taʼan irraa fudhatee kitaaba maramaa irratti ofii isaatii haa barreeffatu.
他登了国位,就要将祭司利未人面前的这律法书,为自己抄录一本,
19 Inni akka Waaqayyo Waaqa isaa sodaachuu baratuuf dubbii seera kanaa hundaa fi ajajawwan kanneen of eeggannaadhaan duukaa buʼuuf kitaabichi isa wajjin haa turu; innis bara jireenya isaa guutuu haa dubbisu;
存在他那里,要平生诵读,好学习敬畏耶和华—他的 神,谨守遵行这律法书上的一切言语和这些律例,
20 kunis akka inni akka waan obboloota isaa caaluutti of ilaalee seericha irraa gara mirgaatti yookaan bitaatti hin gorreef. Akkasiinis innii fi sanyiin isaa mootummaa isaa irratti Israaʼel keessatti bara dheeraadhaaf ni mooʼu.
免得他向弟兄心高气傲,偏左偏右,离了这诫命。这样,他和他的子孙便可在以色列中,在国位上年长日久。”

< Keessa Deebii 17 >