< Keessa Deebii 16 >

1 Sababii Waaqayyo Waaqni kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Waaqayyo Waaqa keetiis ayyaaneffadhu.
Observe the month Abib, and keep the passover to the LORD thy God: for in the month of Abib the LORD thy God brought thee forth from Egypt by night.
2 Iddoo Waaqayyo Waaqni kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Waaqayyo Waaqa keetiif qali.
Thou shalt therefore sacrifice the passover to the LORD thy God, of the flock and the herd, in the place which the LORD shall choose to place his name there.
3 Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu.
Thou shalt eat no leavened bread with it; seven days shalt thou eat unleavened bread with it, even the bread of affliction; for thou camest forth from the land of Egypt in haste: that thou mayest remember the day when thou camest forth from the land of Egypt all the days of thy life.
4 Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.
And there shall be no leavened bread seen with thee in all thy land seven days; neither shall there any thing of the flesh, which thou didst sacrifice the first day at evening, remain all night until the morning.
5 Ati magaalaa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin;
Thou mayest not sacrifice the passover within any of thy gates, which the LORD thy God giveth thee:
6 garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi.
But at the place which the LORD thy God shall choose to place his name in, there thou shalt sacrifice the passover at evening, at the setting of the sun, at the time of thy departure from Egypt.
7 Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi.
And thou shalt roast and eat it in the place which the LORD thy God shall choose: and thou shalt return in the morning, and go to thy tents.
8 Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Waaqayyo Waaqa keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.
Six days thou shalt eat unleavened bread: and on the seventh day shall be a solemn assembly to the LORD thy God: in it thou shalt do no work.
9 Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi.
Seven weeks shalt thou number to thee: begin to number the seven weeks from the time when thou beginnest to put the sickle to the grain.
10 Ergasiis akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu.
And thou shalt keep the feast of weeks to the LORD thy God with a tribute of a freewill offering of thy hand, which thou shalt give to the LORD thy God, according as the LORD thy God hath blessed thee:
11 Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu.
And thou shalt rejoice before the LORD thy God, thou, and thy son, and thy daughter, and thy male, and female servant, and the Levite that is within thy gates, and the stranger, and the fatherless, and the widow, that are among you, in the place which the LORD thy God hath chosen to place his name there.
12 Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.
And thou shalt remember that thou wast a slave in Egypt: and thou shalt observe and do these statutes.
13 Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu.
Thou shalt observe the feast of tabernacles seven days, after that thou hast gathered in thy grain and thy wine:
14 Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa.
And thou shalt rejoice in thy feast, thou, and thy son, and thy daughter, and thy male servant, and thy female servant, and the Levite, the stranger, and the fatherless, and the widow, that are within thy gates.
15 Ayyaana kanas iddoo Waaqayyo filatutti bultii torbaaf Waaqayyo Waaqa keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Waaqayyo Waaqni kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.
Seven days shalt thou keep a solemn feast to the LORD thy God in the place which the LORD shall choose: because the LORD thy God shall bless thee in all thy increase, and in all the works of thy hands, therefore thou shalt surely rejoice.
16 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaatin:
Three times in a year shall all thy males appear before the LORD thy God in the place which he shall choose; in the feast of unleavened bread, and in the feast of weeks, and in the feast of tabernacles: and they shall not appear before the LORD empty:
17 Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.
Every man shall give as he is able, according to the blessing of the LORD thy God which he hath given thee.
18 Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu.
Judges and officers shalt thou make thee in all thy gates, which the LORD thy God giveth thee, throughout thy tribes: and they shall judge the people with just judgment.
19 Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
Thou shalt not pervert judgment; thou shalt not respect persons, neither take a bribe: for a bribe doth blind the eyes of the wise, and pervert the words of the righteous.
20 Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.
That which is altogether just shalt thou follow, that thou mayest live, and inherit the land which the LORD thy God giveth thee.
21 Iddoo aarsaa kan Waaqayyo Waaqa keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin.
Thou shalt not plant thee a grove of any trees near to the altar of the LORD thy God, which thou shalt make for thee.
22 Soodduu dhagaa kan Waaqayyo Waaqni kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin.
Neither shalt thou set thee up any image; which the LORD thy God hateth.

< Keessa Deebii 16 >