< Keessa Deebii 15 >

1 Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda.
מקץ שבע שנים תעשה שמטה
2 Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon Waaqayyoo kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin.
וזה דבר השמטה--שמוט כל בעל משה ידו אשר ישה ברעהו לא יגש את רעהו ואת אחיו כי קרא שמטה ליהוה
3 Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda.
את הנכרי תגש ואשר יהיה לך את אחיך תשמט ידך
4 Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu;
אפס כי לא יהיה בך אביון כי ברך יברכך יהוה בארץ אשר יהוה אלהיך נתן לך נחלה לרשתה
5 kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa.
רק אם שמוע תשמע בקול יהוה אלהיך לשמר לעשות את כל המצוה הזאת אשר אנכי מצוך היום
6 Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan.
כי יהוה אלהיך ברכך כאשר דבר לך והעבטת גוים רבים ואתה לא תעבט ומשלת בגוים רבים ובך לא ימשלו
7 Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin.
כי יהיה בך אביון מאחד אחיך באחד שעריך בארצך אשר יהוה אלהיך נתן לך--לא תאמץ את לבבך ולא תקפץ את ידך מאחיך האביון
8 Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif.
כי פתח תפתח את ידך לו והעבט תעביטנו די מחסרו אשר יחסר לו
9 Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa.
השמר לך פן יהיה דבר עם לבבך בליעל לאמר קרבה שנת השבע שנת השמטה ורעה עינך באחיך האביון ולא תתן לו וקרא עליך אל יהוה והיה בך חטא
10 Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa.
נתון תתן לו ולא ירע לבבך בתתך לו כי בגלל הדבר הזה יברכך יהוה אלהיך בכל מעשך ובכל משלח ידך
11 Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.
כי לא יחדל אביון מקרב הארץ על כן אנכי מצוך לאמר פתח תפתח את ידך לאחיך לעניך ולאבינך בארצך
12 Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi.
כי ימכר לך אחיך העברי או העבריה--ועבדך שש שנים ובשנה השביעת תשלחנו חפשי מעמך
13 Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin.
וכי תשלחנו חפשי מעמך--לא תשלחנו ריקם
14 Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni.
העניק תעניק לו מצאנך ומגרנך ומיקבך אשר ברכך יהוה אלהיך תתן לו
15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma.
וזכרת כי עבד היית בארץ מצרים ויפדך יהוה אלהיך על כן אנכי מצוך את הדבר הזה--היום
16 Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe,
והיה כי יאמר אליך לא אצא מעמך כי אהבך ואת ביתך כי טוב לו עמך
17 mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi.
ולקחת את המרצע ונתתה באזנו ובדלת והיה לך עבד עולם ואף לאמתך תעשה כן
18 Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. Waaqayyo Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa.
לא יקשה בעינך בשלחך אתו חפשי מעמך--כי משנה שכר שכיר עבדך שש שנים וברכך יהוה אלהיך בכל אשר תעשה
19 Loonii fi bushaayee kee keessaa korma hangafa hunda Waaqayyo Waaqa keetiif addaan baasi; qotiyyoo kee keessaa hangafaan hin hojjetin; hangafa hoolaa keetii irraa rifeensa hin murin.
כל הבכור אשר יולד בבקרך ובצאנך הזכר--תקדיש ליהוה אלהיך לא תעבד בבכר שורך ולא תגז בכור צאנך
20 Waggaa waggaadhaan atii fi maatiin kee iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti fuula isaa duratti isaan nyaattu.
לפני יהוה אלהיך תאכלנו שנה בשנה במקום אשר יבחר יהוה--אתה וביתך
21 Yoo horiin sun hirʼina qabaate jechuunis yoo inni naafa yookaan jaamaa yookaan mudaa hamaa kam iyyuu qabaate, ati horii sana aarsaa gootee Waaqayyo Waaqa keetiif hin dhiʼeessin.
וכי יהיה בו מום פסח או עור כל מום רע--לא תזבחנו ליהוה אלהיך
22 Ati magaalaa kee keessatti nyaadhu. Akkuma waan horiin sun kuruphee yookaan gadamsa taʼeetti namni akka seeraatti qulqulluu hin taʼinii fi kan qulqulluu taʼe nyaachuu dandaʼa.
בשעריך תאכלנו--הטמא והטהור יחדו כצבי וכאיל
23 Ati garuu dhiiga sana hin nyaatin; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasi.
רק את דמו לא תאכל על הארץ תשפכנו כמים

< Keessa Deebii 15 >