< Keessa Deebii 15 >
1 Ati yeroo hunda dhuma waggaa torbaffaatti gatii namaaf dhiisuu qabda.
A ƙarshen kowace shekara ta bakwai, dole ku yafe basusuwan da kuke bi.
2 Kunis akkanatti taʼa: namni liqii kennu hundii liqii ollaa isaa nama Israaʼeliif liqeesse dhiisuufii qaba. Sababii yeroon Waaqayyoo kan itti gatiin namaaf dhiifamu labsameef inni ollaa isaa yookaan obboleessa isaa Israaʼelicha irraa waan isaaf liqeesse hin gaafatin.
Ga yadda za ku yafe basusuwan, kowane mai bin bashi, yă yafe bashin da yake bin ɗan’uwansa mutumin Isra’ila. Ba zai bukaci mutumin Isra’ila wanda yake ɗan’uwa yă biya shi bashi ba, gama an yi shelar lokacin da Ubangiji ya ajiye na yafe bashi.
3 Ati waan alagaaf liqeessite gaafachuu ni dandeessa; garuu waan obboleessi kee sirraa liqeeffate dhiisuufii qabda.
Za ku iya nemi baƙo yă biya ku bashin da kuke binsa, amma dole ku yafe duk wani bashin da kuke bin ɗan’uwa.
4 Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu;
Amma bai kamata a sami matalauci a cikinku ba, gama Ubangiji Allahnku zai albarkace ku a ƙasar da yake ba ku, ku mallaka a matsayin gādo,
5 kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa.
in dai kun yi cikakken biyayya ga Ubangiji Allahnku, kuka kuma lura, kuna kiyaye dukan waɗannan umarnan da nake ba ku yau.
6 Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan.
Gama Ubangiji Allahnku zai albarkace ku kamar yadda ya yi alkawari, za ku kuma ba al’ummai masu yawa bashi, amma ba za ku karɓa bashi daga wurin wani ba. Za ku yi mulkin al’ummai masu yawa, babu wata kuwa da za tă yi mulkinku.
7 Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin.
In akwai matalauci a cikin’yan’uwanku, a duk wani daga cikin biranen da Ubangiji Allahnku yake ba ku, kada ku taurara zuciya, ko ku ƙi saki hannu ga ɗan’uwanku matalauci.
8 Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif.
A maimakon haka ku bayar hannu sake, ku kuma ba shi bashi gwargwadon abin da yake bukata a sauƙaƙe.
9 Akka yaadni hamaan, “Waggaan torbaffaan, waggaan itti gatiin namaaf dhiifamu sun dhiʼaateera” jedhu si keessatti kuufamee ati akkasiin obboleessa kee rakkataa ija hamaadhaan ilaaltee gargaaruu hin dhiifne of eeggadhu. Inni Waaqayyotti ol iyyata; kunis cubbuu sitti taʼa.
Ku yi hankali kada ku riƙe wannan mugun tunani cewa, “Shekara ta bakwai, shekarar yafewar basusuwa, ta yi kusa,” har ku nuna mugun nufi ga ɗan’uwa mabukaci, ku ƙi ba shi wani abu. Zai yi kuka ga Ubangiji a kanku, abin kuwa zai zama laifi a kanku.
10 Ati arjummaadhaan isaaf kenni; yommuu kennituufis garaan kee hin gaabbin; sababii kanaaf Waaqayyo Waaqni kee hojii kee hundaa fi waan harki kee qabate hundaan si eebbisa.
Ku bayar hannu sake gare shi, ku kuma yi haka ba tare da gunaguni ba; saboda wannan fa Ubangiji Allahnku zai albarkace ku a cikin dukan aikinku, da kuma kome da kuka sa hannunku a kai.
11 Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.
Kullum za ku kasance da matalauta a ƙasar. Saboda haka na umarce ku ku bayar hannu sake ga’yan’uwa da kuma matalauta, da masu bukata a ƙasarku.
12 Yoo namni gosa Ibrootaa, dhiirri yookaan dubartiin sitti gurguramtee waggaa jaʼa siif hojjette, waggaa torbafaatti bilisa baasii gad dhiisi.
In ɗan’uwa mutumin Ibraniyawa, namiji ko ta mace, ya sayar da kansa gare ka, ya kuma bauta maka shekaru shida, a shekara ta bakwai dole ka’yantar da shi.
13 Yommuu gad dhiiftuttis harka duwwaa hin geggeessin.
Sa’ad da kuka sake shi, kada ku bar shi yă tafi hannu wofi.
14 Bushaayee kee keessaa, oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa arjummaadhaan kenniif. Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si eebbisetti isaaf kenni.
Ku ba shi kyautai hannu sake daga tumakinku, daga masussukarku, da kuma daga wurin matsewar inabinku. Ku ba shi yadda Ubangiji Allahnku ya albarkace ku.
15 Akka atis biyya Gibxitti garba turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee si fure yaadadhu. Wanni ani harʼa ajaja kana siif kennuufis kanuma.
Ku tuna, dā ku bayi ne a Masar, Ubangiji Allahnku kuma ya fisshe ku. Shi ya sa nake ba ku wannan umarni a yau.
16 Garuu yoo garbichi kee sun sababii siʼii fi maatii kee jaallatuuf si wajjin jiraachuun itti tolee, “Ani si dhiisee hin deemu” siin jedhe,
Amma in bawanka ya ce maka, “Ba na so in bar ka,” saboda yana ƙaunarka da iyalinka, ya kuma fiye masa yă zauna da kai,
17 mutaa fuudhii balbala irratti gurra isaa uri; innis bara baraan garbicha kee taʼa. Garbittii kees akkasuma godhi.
sai ka ɗauki basilla ka huda kunnensa a bakin ƙofa, zai kuwa zama bawanka dukan rayuwarsa. Ka yi haka ma wa baiwarka.
18 Garbicha kee bilisoomsuun waan ulfaataa sitti hin fakkaatin; tajaajilli isaa kan waggaa jaʼaa sun gatii nama qaxaramee hojjetu tokkootti harka lama tureetii. Waaqayyo Waaqni kee waan ati hojjetu hundaan si eebbisa.
Sa’ad da kuka’yantar da shi kada ku damu, gama shekara shida ya yi muku bauta wadda ta ninka ta ɗan ƙodago. Ubangiji Allahnku kuwa zai albarkace ku a kome da kuke yi.
19 Loonii fi bushaayee kee keessaa korma hangafa hunda Waaqayyo Waaqa keetiif addaan baasi; qotiyyoo kee keessaa hangafaan hin hojjetin; hangafa hoolaa keetii irraa rifeensa hin murin.
Ku keɓe wa Ubangiji Allahnku kowane ɗan fari na garkenku na shanu, da na tumaki. Kada ku sa ɗan fari na shanunku aiki, kada kuma ku aske gashin ɗan fari na tumakinku.
20 Waggaa waggaadhaan atii fi maatiin kee iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatutti fuula isaa duratti isaan nyaattu.
Kowace shekara, kai da iyalinka za ku ci su a gaban Ubangiji Allahnku, a wurin da ya zaɓa.
21 Yoo horiin sun hirʼina qabaate jechuunis yoo inni naafa yookaan jaamaa yookaan mudaa hamaa kam iyyuu qabaate, ati horii sana aarsaa gootee Waaqayyo Waaqa keetiif hin dhiʼeessin.
In dabbar tana da lahani, gurguntaka ko makantaka, ko kuwa tana da wani mugun lahani, kada ku miƙa ta ga Ubangiji Allahnku.
22 Ati magaalaa kee keessatti nyaadhu. Akkuma waan horiin sun kuruphee yookaan gadamsa taʼeetti namni akka seeraatti qulqulluu hin taʼinii fi kan qulqulluu taʼe nyaachuu dandaʼa.
Sai ku ci a cikin biranenku. Mutum marar tsabta da mai tsabta zai iya ci kamar yadda ake yi da barewa ko mariri.
23 Ati garuu dhiiga sana hin nyaatin; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasi.
Amma kada fa ku ci jinin, ku zubar da shi a ƙasa kamar ruwa.