< Keessa Deebii 13 >

1 Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime,
If there arise in the midst of thee a prophet, or a dreamer of dreams, and he gives thee a sign or a wonder,
2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe,
and the sign or the wonder comes to pass, of which he spoke to thee, saying, Let us go after other gods, which thou have not known, and let us serve them,
3 ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.
thou shall not hearken to the words of that prophet, or to that dreamer of dreams, for Jehovah your God proves you, to know whether ye love Jehovah your God with all your heart and with all your soul.
4 Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
Ye shall walk after Jehovah your God, and fear him, and keep his commandments, and obey his voice, and ye shall serve him, and cling to him.
5 Raajaan yookaan namichi abjuu abjootu sun, sababii akka isin Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxiitii isin baasee biyya garbummaa jalaa isin fure sanatti finciltan dubbateef ajjeefamuu qaba; inni karaa Waaqayyo Waaqni keessan akka duukaa buutan isin ajaje irraa isin jalʼisuuf yaaleera; hamaa of keessaa balleessi.
And that prophet, or that dreamer of dreams, shall be put to death, because he has spoken rebellion against Jehovah your God, who brought you out of the land of Egypt, and redeemed thee out of the house of bondage, to draw thee aside out of the way which Jehovah thy God commanded thee to walk in. So shall thou put away the evil from the midst of thee.
6 Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade,
If thy brother, the son of thy mother, or thy son, or thy daughter, or the wife of thy bosom, or thy friend, who is as thine own soul, entices thee secretly, saying, Let us go and serve other gods, which thou have not known, thou, nor thy fathers,
7 yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe,
of the gods of the peoples that are round about you, near to thee, or far off from thee, from the one end of the earth even to the other end of the earth,
8 tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin.
thou shall not consent to him, nor hearken to him. Neither shall thine eye pity him, neither shall thou spare, neither shall thou conceal him,
9 Ati isa ajjeesuu qabda. Isa ajjeesuufis jalqabatti harki kee, itti aansees harki saba hundaa haa kaʼu.
but thou shall surely kill him. Thy hand shall be first upon him to put him to death, and afterwards the hand of all the people.
10 Waan inni akka ati Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana irraa garagaltu godheef dhagaadhaan tumii isa ajjeesi.
And thou shall stone him to death with stones, because he has sought to draw thee away from Jehovah thy God, who brought thee out of the land of Egypt, out of the house of bondage.
11 Ergasii Israaʼeloonni hundi dhagaʼanii ni sodaatu; si gidduudhaas eenyu iyyuu deebiʼee waan hamaa akkasii hin hojjetu.
And all Israel shall hear, and fear, and shall no more do any such wickedness as this is in the midst of thee.
12 Yoo ati magaalaawwan akka ati keessa jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokkotti iyyuu utuu akkas jedhamuu dhageesse,
If thou shall hear tell concerning one of thy cities, which Jehovah thy God gives thee to dwell there, saying,
13 yoo namoonni hamoon isin gidduudhaa kaʼanii, “Kottaa waaqota biraa kanneen isin hin beekne waaqeffannaa” jedhanii saba magaalaa isaanii dogoggorsu taʼe,
Certain base fellows have gone out from the midst of thee, and have drawn away the inhabitants of their city, saying, Let us go and serve other gods, which ye have not known,
14 dubbii sana iyyaafadhu; qoradhu; sirriitti gaafadhu. Kunoo, yoo dubbiin sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan kun gidduu keetti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
then thou shall inquire, and make search, and ask diligently. And, behold, if it be true, and the thing certain, that such abomination is wrought in the midst of thee,
15 ati namoota magaalaa sana keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi; magaalaa sana illee namoota isheetii fi horii ishee wajjin guutumaan guutuutti barbadeessi.
thou shall surely smite the inhabitants of that city with the edge of the sword, destroying it utterly, and all that is in it, and the cattle in it, with the edge of the sword.
16 Miʼa boojuu kan magaalaa sanaa argame hunda walakkaa oobdii isheetti walitti qabiitii magaalaa sana guutuu boojuu ishee wajjin Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa guutummaan gubamu godhiitii gubi. Isheen bara baraan barbadooftee haa haftu; deebitees hin ijaaramin.
And thou shall gather all the spoil of it into the midst of the street of it, and shall burn the city with fire, and all the spoil of it, every whit, to Jehovah thy God, and it shall be a heap forever. It shall not be built again.
17 Akka Waaqayyo dheekkamsa isaa sodaachisaa irraa deebiʼuuf wanni abaarame tokko harka keetti hin argamin; inni siif araarama; garaa siif laafa; akkuma abbootii keetiif kakatetti si baayʼisa;
And nothing of the devoted thing shall cling to thy hand, that Jehovah may turn from the fierceness of his anger, and show thee mercy, and have compassion upon thee, and multiply thee, as he has sworn to thy fathers,
18 kunis waan ati ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda eegdee fuula isaa duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtuuf.
when thou shall hearken to the voice of Jehovah thy God, to keep all his commandments which I command thee this day, to do that which is right in the eyes of Jehovah thy God.

< Keessa Deebii 13 >