< Keessa Deebii 13 >
1 Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime,
Ngati mneneri kapena wina aliyense amene amanena zamʼtsogolo mwa maloto atuluka pakati panu, nalengeza za chizindikiro chozizwitsa kapena chodabwitsa,
2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe,
chinthu nʼkuchitikadi, tsono iyeyo nʼkunena kuti, “Tiyeni titsatire milungu ina, tiyeni tiyipembedze,” (kunena milungu imene simunayidziwe),
3 ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.
musamumvere mneneriyo kapena wolotayo. Yehova Mulungu wanu afuna akuyeseni kuti aone ngati mumamukonda ndi mtima wanu wonse ndi moyo wanu wonse.
4 Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
Muyenera kutsatira Yehova Mulungu wanu, ndipo ndi Iyeyo amene muyenera kumuopa. Muzisunga malamulo ake ndi kumamumvera, muzimutumikira ndipo kumukangamira Iyeyo.
5 Raajaan yookaan namichi abjuu abjootu sun, sababii akka isin Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxiitii isin baasee biyya garbummaa jalaa isin fure sanatti finciltan dubbateef ajjeefamuu qaba; inni karaa Waaqayyo Waaqni keessan akka duukaa buutan isin ajaje irraa isin jalʼisuuf yaaleera; hamaa of keessaa balleessi.
Mneneri kapena wolotayo ayenera kuphedwa, popeza analalikira zopandukira Yehova Mulungu wanu, amene anakutulutsani ku Igupto ndi kukupulumutsani ku dziko la ukapolo. Wolalikirayo anafuna kukupatutsani pa njira imene Yehova Mulungu wanu anakulamulirani kuti muyitsatire. Muzichotsa choyipa pakati panu.
6 Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade,
Ngati mʼbale wanu weniweni kapena mwana wanu wamwamuna kapena wamkazi, kapena mkazi wanu wokondedwa, kapena mnzanu wapamtima akukakamizani mwachinsinsi, nʼkumati, “Tiyeni tipite tikapembedze milungu ina” (milungu imene inuyo kapena makolo anu sanayidziwe,
7 yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe,
milungu ya anthu okuzungulirani, kaya ndi apafupi kapena akutali, kuchokera kumapeto mpaka kumapeto kwina kwa dziko lapansi),
8 tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin.
musamugonjere kapena kumumvera. Musamumvere chisoni. Musamuleke kapena kumutchinjiriza.
9 Ati isa ajjeesuu qabda. Isa ajjeesuufis jalqabatti harki kee, itti aansees harki saba hundaa haa kaʼu.
Mumuphe ndithu. Dzanja lanu likhale loyambirira kumupha, kenaka manja a anthu ena onse.
10 Waan inni akka ati Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana irraa garagaltu godheef dhagaadhaan tumii isa ajjeesi.
Mumuponye miyala mpaka kumupha, chifukwa anafuna kukupatutsani pa njira ya Yehova Mulungu amene anakutulutsani ku Igupto, dziko la ukapolo.
11 Ergasii Israaʼeloonni hundi dhagaʼanii ni sodaatu; si gidduudhaas eenyu iyyuu deebiʼee waan hamaa akkasii hin hojjetu.
Tsono Aisraeli onse adzamva nachita mantha, ndipo palibe mmodzi pakati panu amene adzachitenso choyipa chotere.
12 Yoo ati magaalaawwan akka ati keessa jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokkotti iyyuu utuu akkas jedhamuu dhageesse,
Ngati mumvetsedwa kuti ku umodzi mwa mizinda imene Yehova Mulungu wanu akukupatsani kuti mukhalemo,
13 yoo namoonni hamoon isin gidduudhaa kaʼanii, “Kottaa waaqota biraa kanneen isin hin beekne waaqeffannaa” jedhanii saba magaalaa isaanii dogoggorsu taʼe,
kwapezeka anthu ena oyipa pakati panu ndipo asocheretsa anthu ambiri mʼmizinda yanu, pomanena kuti, “Tiyeni tikapembedze milungu ina” (milungu imene simunayidziwe),
14 dubbii sana iyyaafadhu; qoradhu; sirriitti gaafadhu. Kunoo, yoo dubbiin sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan kun gidduu keetti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
mukuyenera kufunsa, kulondola ndi kufufuza bwino nkhaniyo. Ndipo ngati zitatsimikizikadi kuti ndi zoona kuti chinthu chonyansa chotere chachitikadi pakati panu,
15 ati namoota magaalaa sana keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi; magaalaa sana illee namoota isheetii fi horii ishee wajjin guutumaan guutuutti barbadeessi.
muyenera kuwapha onse okhala mu mzinda umenewo. Muwonongeretu kwathunthu mzindawo, anthu ake ndi ziweto zake zomwe.
16 Miʼa boojuu kan magaalaa sanaa argame hunda walakkaa oobdii isheetti walitti qabiitii magaalaa sana guutuu boojuu ishee wajjin Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa guutummaan gubamu godhiitii gubi. Isheen bara baraan barbadooftee haa haftu; deebitees hin ijaaramin.
Katundu yense wa anthu mu mzindawo mumuwunjike pamodzi pakatikati pa bwalo losonkhanako ndipo mutenthe mzindawo pamodzi ndi katundu wake yense monga nsembe yathunthu yopsereza ya kwa Yehova Mulungu wanu. Mzinda umenewo ukhale bwinja mpaka muyaya, usadzamangidwenso.
17 Akka Waaqayyo dheekkamsa isaa sodaachisaa irraa deebiʼuuf wanni abaarame tokko harka keetti hin argamin; inni siif araarama; garaa siif laafa; akkuma abbootii keetiif kakatetti si baayʼisa;
Musapezeke ndi kanthu kalikonse koyenera kuwonongedwa kuti Yehova abweze mkwiyo wake wochititsa manthawu. Adzakuchitirani chifundo ndi kukumverani chisoni, ndipo adzakuchulukitsani monga analonjeza mwa lumbiro kwa makolo anu,
18 kunis waan ati ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda eegdee fuula isaa duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtuuf.
chifukwa mumamvera Yehova Mulungu wanu, kusunga malamulo ake onse amene ndikukupatsani lero lino ndi kuchita zoyenera pamaso pake.