< Keessa Deebii 12 >

1 Sirnawwanii fi seerawwan isin bara lafa irra jiraattan guutuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii akka isin dhaaltaniif isiniif kenne keessatti of eeggannaadhaan eegdan kanneenii dha.
These are the statutes and the ordinances which you shall observe to do in the land which YHWH, the God of your fathers, has given you to possess it, all the days that you live on the earth.
2 Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa;
You shall surely destroy all the places in which the nations that you shall dispossess served their gods, on the high mountains, and on the hills, and under every green tree:
3 iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa.
and you shall break down their altars, and dash in pieces their pillars, and burn their Asherim with fire; and you shall cut down the engraved images of their gods; and you shall destroy their name out of that place.
4 Isin haala isaan waaqeffataniin Waaqayyo Waaqa keessan hin waaqeffatinaa.
You shall not do so to YHWH your God.
5 Garuu iddoo Waaqayyo Waaqni keessan Maqaa isaa achi dhaabuuf jedhee iddoo jireenya isaatiif gosoota keessan hunda keessaa filatu barbaadaa. Achis dhaqaa;
But to the place which YHWH your God shall choose out of all your tribes, to put his name there, even to his habitation you shall seek, and there you shall come;
6 achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa.
and there you shall bring your burnt offerings, and your sacrifices, and your tithes, and the wave offering of your hand, and your vows, and your freewill offerings, and the firstborn of your herd and of your flock:
7 Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti ni nyaattu; sababii Waaqayyo Waaqni keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.
and there you shall eat before YHWH your God, and you shall rejoice in all that you put your hand to, you and your households, in which YHWH your God has blessed you.
8 Akka nu harʼa godhaa jirru kana, akka tokkoon tokkoon namaa waanuma tolaa itti fakkaate godhu kana hin godhinaa;
You shall not do after all the things that we do here this day, every man whatever is right in his own eyes;
9 isin amma iyyuu boqonnaa fi dhaala Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu hin geenyeetii.
for you haven't yet come to the rest and to the inheritance, which YHWH your God gives you.
10 Garuu Yordaanos ceetanii biyya Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu keessa ni qubattu; innis akka isin nagaan jiraattaniif diinota naannoo keessanii hunda jalaa boqonnaa isinii kenna.
But when you go over the Jordan, and dwell in the land which YHWH your God causes you to inherit, and he gives you rest from all your enemies around you, so that you dwell in safety;
11 Ergasiis gara Waaqayyo Waaqni keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa Waaqayyoof kennuuf wareegdan hundaa dha.
then it shall happen that to the place which YHWH your God shall choose, to cause his name to dwell there, there you shall bring all that I command you: your burnt offerings, and your sacrifices, your tithes, and the wave offering of your hand, and all your choice vows which you vow to your God.
12 Achittis isin, ilmaanii fi intallan keessan, hojjetaa fi xomboreen keessan, akkasumas Lewwonni magaalaawwan keessan keessa jiraatan kanneen qooda yookaan dhaala mataa isaanii hin qabnes fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
You shall rejoice before YHWH your God, you, and your sons, and your daughters, and your male servants, and your female servants, and the Levite who is within your gates, because he has no portion nor inheritance with you.
13 Akka aarsaa keessan kan gubamu idduma argitan hundatti hin dhiʼeessine of eeggadhaa.
Be careful that you do not offer your burnt offerings in every place that you see;
14 Iddoo Waaqayyo gosoota kee keessaa filatu tokko qofatti aarsaawwan gubaman dhiʼeessi; achittis waan ani si ajaju hunda eegi.
but in the place which YHWH shall choose in one of your tribes, there you shall offer your burnt offerings, and there you shall do all that I command you.
15 Taʼus akkuma eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kennuutti, magaalaawwan kee kam iyyuu keessatti kuruphee yookaan gadamsa qaladhuutii hamma feete nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼanis foon kana nyaachuu ni dandaʼu.
Notwithstanding, you may kill and eat flesh within all your gates, after all the desire of your soul, according to the blessing of YHWH your God which he has given you: the unclean and the clean may eat of it, as of the gazelle, and as of the deer.
16 Isin garuu dhiiga sana hin nyaatinaa; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa.
Only you shall not eat the blood; you shall pour it out on the earth as water.
17 Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin.
You may not eat within your gates the tithe of your grain, or of your new wine, or of your oil, or the firstborn of your herd or of your flock, nor any of your vows which you vow, nor your freewill offerings, nor the wave offering of your hand;
18 Qooda kanaa iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
but you shall eat them before YHWH your God in the place which YHWH your God shall choose, you, and your son, and your daughter, and your male servant, and your female servant, and the Levite who is within your gates: and you shall rejoice before YHWH your God in all that you put your hand to.
19 Bara biyya kee keessa jiraattu guutuu akka Lewwota hin daganne of eeggadhu.
Be careful that you do not forsake the Levite as long as you live in your land.
20 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti biyya kee siif balʼisutti, ati yoo foon dharraatee, “Ani foon nyaachuu fedha” jette, hamma feete nyaachuu dandeessa.
When YHWH your God shall enlarge your border, as he has promised you, and you shall say, "I want to eat meat," because your soul desires to eat meat; you may eat meat, after all the desire of your soul.
21 Yoo iddoon Waaqayyo Waaqni kee Maqaa isaa achi dhaabbachuuf filatu akka malee sirraa fagoo taʼe, akkuma ani si ajajetti loonii fi bushaayee Waaqayyo Waaqni kee siif kenne keessaa qalachuu, magaalaawwan kee keessattis hamma feete nyaachuu dandeessa.
If the place which YHWH your God shall choose to put his name there is too far from you, then you shall kill of your herd and of your flock, which God has given you, as I have commanded you; and you may eat within your gates, after all the desire of your soul.
22 Akkuma kurupheen yookaan gadamsi nyaatamu sana isaan nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼan hundi nyaachuu ni dandaʼu.
Even as the gazelle and as the deer is eaten, so you shall eat of it: the unclean and the clean may eat of it alike.
23 Garuu akka dhiiga hin nyaanne of eeggadhu; sababiin isaa dhiigni waan lubbuu taʼeef ati foon wajjin lubbuu hin nyaatin.
Only be sure that you do not eat the blood: for the blood is the life; and you shall not eat the life with the flesh.
24 Ati dhiiga hin nyaatin; akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi.
You shall not eat it; you shall pour it out on the earth as water.
25 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duubaan dhalataniif toluuf ati dhiiga hin nyaatin; ati fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
You shall not eat it; that it may go well with you, and with your children after you, when you shall do that which is right in the eyes of YHWH.
26 Garuu wantoota kee qulqulluu fi waan kennuuf wareegde fudhadhuu iddoo Waaqayyo filatu dhaqi.
Only your holy things which you have, and your vows, you shall take, and go to the place which YHWH shall choose,
27 Foonii fi dhiiga aarsaa kee kan gubamuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii irratti dhiʼeessi. Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii biratti dhangalaafamuu qaba; foon isaa garuu nyaachuu dandeessa.
and you shall offer your burnt offerings, the flesh and the blood, on the altar of YHWH your God; and the blood of your sacrifices shall be poured out on the altar of YHWH your God; and you shall eat the flesh.
28 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
Observe and hear and do all these words which I command you, that it may go well with you, and with your children after you forever, when you do that which is good and right in the eyes of YHWH your God.
29 Waaqayyo Waaqni kee saboota ati weerartee biyyaa baasuuf jirtu fuula kee duraa ni balleessa. Ati garuu yommuu ariitee isaan baaftee lafa isaanii irra qubattutti,
When YHWH your God shall cut off the nations from before you, where you go in to dispossess them, and you dispossess them, and dwell in their land;
30 erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, “Saboonni kunneen akkamitti waaqota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha” jettee waaʼee waaqota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu.
take heed to yourself that you not be ensnared to follow them, after that they are destroyed from before you; and that you not inquire after their gods, saying, "How do these nations serve their gods? I will do likewise."
31 Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa Waaqayyo jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin Waaqayyo Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
You shall not do so to YHWH your God: for every abomination to YHWH, which he hates, have they done to their gods; for even their sons and their daughters do they burn in the fire to their gods.
32 Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.
Whatever thing I command you, that you shall observe to do: you shall not add thereto, nor diminish from it.

< Keessa Deebii 12 >