< Keessa Deebii 12 >

1 Sirnawwanii fi seerawwan isin bara lafa irra jiraattan guutuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii akka isin dhaaltaniif isiniif kenne keessatti of eeggannaadhaan eegdan kanneenii dha.
Awa ndi malangizo ndi malamulo amene muyenera kusamalitsanso kuti muwatsatire mʼdziko limene Yehova Mulungu wa makolo anu wakupatsani kuti mutenge pa nthawi yonse imene muti mudzakhale mʼdzikomo.
2 Iddoowwan saboonni isin irraa fudhattan waaqota isaanii itti waaqeffatan kanneen tulluuwwan ol dhedheeroo fi gaarran irraa, akkasumas kanneen muka lalisaa kam iyyuu jalaa hunda guutumaan guutuutti balleessaa;
Muwonongeretu kwathunthu malo onse a pamwamba pa mapiri ataliatali ndi pa mapiri angʼonoangʼono ndi pansi pa mtengo uliwonse wotambalala pamene mitundu imene muyilande dzikolo ankapembedzerapo milungu yawo.
3 iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; utubaawwan isaanii kanneen sagadaa caccabsaa; Aasheeraa isaanii ibiddaan gubaa; fakkii waaqota isaanii kukkutaa gataa; maqaa isaanii illee iddoo sanaa balleessaa.
Mugumule maguwa awo ansembe, ndi kuphwanya miyala yawo yachipembedzo ndipo mutenthe pa moto mafano awo a Asera: mugwetse mafano a milungu yawo ndi kufafaniza mayina awo mʼmalo amenewo.
4 Isin haala isaan waaqeffataniin Waaqayyo Waaqa keessan hin waaqeffatinaa.
Musapembedze Yehova Mulungu wanu monga mmene amachitira iwowa.
5 Garuu iddoo Waaqayyo Waaqni keessan Maqaa isaa achi dhaabuuf jedhee iddoo jireenya isaatiif gosoota keessan hunda keessaa filatu barbaadaa. Achis dhaqaa;
Koma inu muzifunafuna kumalo kumene Yehova Mulungu wanu adzasankhe pakati pa mafuko anu kuti ayikeko dzina lake ndi kukhalako. Ku malo amenewa muyenera kupitako.
6 achittis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, waan kennuuf wareegdanii fi kennaa fedhiidhaan kennitan, loonii fi bushaayee keessan keessaa hangafa dhiʼeessaa.
Kumeneko muzipititsako zopereka zanu ndi nsembe zanu zopsereza, ndi chakhumi chanu ndi mphatso zapadera zimene munalonjeza kupereka ndi zopereka zanu zaufulu ndi ana oyamba a ngʼombe zanu ndi nkhosa zanu.
7 Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti ni nyaattu; sababii Waaqayyo Waaqni keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.
Kumeneko, pamaso pa Yehova Mulungu wanu, inu ndi mabanja anu mudzadya ndi kusangalalako pa china chilichonse chimene mudzakhudza, chifukwa Yehova Mulungu wanu wakudalitsani.
8 Akka nu harʼa godhaa jirru kana, akka tokkoon tokkoon namaa waanuma tolaa itti fakkaate godhu kana hin godhinaa;
Musadzachite monga tikuchitira lero lino, aliyense kumachita zimene akuona kuti ndi zoyenera,
9 isin amma iyyuu boqonnaa fi dhaala Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu hin geenyeetii.
pakuti simunafike ku malo opumulirako ndi ku cholowa chimene Yehova Mulungu wanu akukupatsani.
10 Garuu Yordaanos ceetanii biyya Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu keessa ni qubattu; innis akka isin nagaan jiraattaniif diinota naannoo keessanii hunda jalaa boqonnaa isinii kenna.
Koma mudzawoloka Yorodani ndi kukhazikika mʼdziko limene Yehova Mulungu wanu akukupatsani ngati cholowa chanu, ndipo Iye adzakupatsani inu mpumulo ku adani anu okuzungulirani kuti mukhale motchinjirizidwa.
11 Ergasiis gara Waaqayyo Waaqni keessan iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatuutti waan ani isin ajaje hunda fiduu qabdu; kunis aarsaa gubamuu fi qalma keessan, kennaa keessan kudhan keessaa tokko, kennaa addaa, akkasumas wareega filatamaa Waaqayyoof kennuuf wareegdan hundaa dha.
Tsono kumalo kumene Yehova Mulungu wanu adzasankhe kuti azikhalako muzikabweretsako chilichonse chimene ndikulamulirani inu: zopereka ndi nsembe zanu zopsereza, chakhumi chanu ndi mphatso zapadera, ndi chuma chanu chonse chosankhika chimene munalonjeza kwa Yehova.
12 Achittis isin, ilmaanii fi intallan keessan, hojjetaa fi xomboreen keessan, akkasumas Lewwonni magaalaawwan keessan keessa jiraatan kanneen qooda yookaan dhaala mataa isaanii hin qabnes fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
Ndipo kumeneko inu mukasangalale pamaso pa Yehova Mulungu wanu pamodzi ndi ana anu aamuna ndi ana anu aakazi, antchito anu aamuna ndi adzakazi anu, ndi Alevi a mʼmidzi yanu, amene alibe gawo kapena cholowa chawochawo.
13 Akka aarsaa keessan kan gubamu idduma argitan hundatti hin dhiʼeessine of eeggadhaa.
Musamalitse kuti musakaphere nsembe zanu zopsereza paliponse pamene mungafune.
14 Iddoo Waaqayyo gosoota kee keessaa filatu tokko qofatti aarsaawwan gubaman dhiʼeessi; achittis waan ani si ajaju hunda eegi.
Mukaphere pa malo okhawo amene Yehova adzawasankhe mwa limodzi la mafuko anu, ndipo kumeneko mukasunge chilichonse chimene ndikulamulireni.
15 Taʼus akkuma eebba Waaqayyo Waaqni kee siif kennuutti, magaalaawwan kee kam iyyuu keessatti kuruphee yookaan gadamsa qaladhuutii hamma feete nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼanis foon kana nyaachuu ni dandaʼu.
Koma mukhoza kumapha ziweto zanu mʼmizinda iliyonse ndi kudya nyama yake mmene mungafunire, ngati kuti ndi agwape kapena mbawala, monga mwadalitso limene Yehova Mulungu wanu akukupatsani. Woyeretsedwa ndi wosayeretsedwa akhoza kuyidya.
16 Isin garuu dhiiga sana hin nyaatinaa; akkuma bishaaniitti lafatti dhangalaasaa.
Koma musamadye magazi. Muziwathira pansi ngati madzi.
17 Ati midhaan kee yookaan daadhii wayinii keetii yookaan zayitii kee harka kudhan keessaa harka tokko yookaan kennaa hangafa loon keetii yookaan kan bushaayee keetii yookaan waan kennuuf wareega gootu kam iyyuu yookaan kennaa fedhii keetiin kennitu yookaan kennaa addaa magaalaawwan kee keessatti hin nyaatin.
Musamadyere mʼmizinda yanu chakhumi cha tirigu wanu ndi vinyo watsopano ndi mafuta, kapena za ana oyamba kubadwa a ngʼombe zanu ndi nkhosa zanu, kapena chilichonse chimene mwalonjeza kuchipereka, nsembe zanu zaufulu, kapena mphatso zapadera,
18 Qooda kanaa iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatuutti ati, ilmaan kee, intallan kee, hojjettoonni kee dhiiraa dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa; atis waan harki kee hojjetu hundaan fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
mʼmalo mwake, muzidya pamaso pa Yehova Mulungu wanu, kumalo kumene Yehova Mulungu wanu adzasankhira inu, ana anu aamuna ndi aakazi, antchito anu aamuna ndi adzakazi anu, ndi Alevi ochokera mʼmizinda yanu, ndipo mudzasangalale pamaso pa Yehova Mulungu wanu pa chilichonse chimene mudzachikhudza.
19 Bara biyya kee keessa jiraattu guutuu akka Lewwota hin daganne of eeggadhu.
Muonetsetse kuti musawataye Alevi pa masiku onse amene mukhale mʼdziko lanumo.
20 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti biyya kee siif balʼisutti, ati yoo foon dharraatee, “Ani foon nyaachuu fedha” jette, hamma feete nyaachuu dandeessa.
Yehova Mulungu wanu akadzakulitsa dziko lanu monga anakulonjezerani, ndipo mukapukwa nyama mumanena kuti, “Ndikufuna nyama,” pamenepo mudzadya mmene mungafunire.
21 Yoo iddoon Waaqayyo Waaqni kee Maqaa isaa achi dhaabbachuuf filatu akka malee sirraa fagoo taʼe, akkuma ani si ajajetti loonii fi bushaayee Waaqayyo Waaqni kee siif kenne keessaa qalachuu, magaalaawwan kee keessattis hamma feete nyaachuu dandeessa.
Ngati malo amene Yehova Mulungu wanu awasankha kuti ayike Dzina lake ali kutali kwambiri ndi inu, mukhoza kupha ziweto pakati pa ngʼombe ndi nkhosa zimene Yehova wakupatsani, monga ndinakulamulani, ndipo mʼmizinda yanuyanu mukhoza kuzidya mmene mungafunire.
22 Akkuma kurupheen yookaan gadamsi nyaatamu sana isaan nyaadhu; warri akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi warri qulqullaaʼan hundi nyaachuu ni dandaʼu.
Muzidye ngati mukudya gwape kapena mbawala. Onse oyeretsedwa monga mwa mwambo ndi osayeretsedwa omwe akhoza kudya.
23 Garuu akka dhiiga hin nyaanne of eeggadhu; sababiin isaa dhiigni waan lubbuu taʼeef ati foon wajjin lubbuu hin nyaatin.
Koma muonetsetse kuti musadye magazi, chifukwa magazi ndi moyo, ndipo musamadye moyo pamodzi ndi nyama.
24 Ati dhiiga hin nyaatin; akkuma bishaanii lafatti dhangalaasi.
Inu musamadye magazi, muziwathira pansi ngati madzi.
25 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duubaan dhalataniif toluuf ati dhiiga hin nyaatin; ati fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
Musamadye magazi kuti zikuyendereni bwino inu pamodzi ndi ana anu a pambuyo panu, popeza mudzakhala mukuchita zoyenera pamaso pa Mulungu.
26 Garuu wantoota kee qulqulluu fi waan kennuuf wareegde fudhadhuu iddoo Waaqayyo filatu dhaqi.
Koma mutenge zinthu zanu zoyeretsedwa ndi china chilichonse chimene munalumbira kupereka, ndi kupita kumalo kumene Yehova adzasankhe.
27 Foonii fi dhiiga aarsaa kee kan gubamuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii irratti dhiʼeessi. Dhiigni aarsaa keetii iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii biratti dhangalaafamuu qaba; foon isaa garuu nyaachuu dandeessa.
Mupereke nsembe zanu zopsereza pa guwa lansembe la Yehova Mulungu wanu, nyama pamodzi ndi magazi omwe. Magazi a nsembe zanu athiridwe pambali pa guwa lansembe la Yehova Mulungu wanu, koma nyamayo mukhoza kudya.
28 Akka siʼii fi ijoollee kee kanneen si duuba dhalataniif yeroo hunda toluuf qajeelchawwan ani siif kennu kanneen hunda of eeggannaadhaan eegi; sababiin isaa ati ija Waaqayyo Waaqa keetii duratti waan gaarii fi qajeelaa hojjechaa jirtaatii.
Onetsetsani kuti muzimvera mawu onsewa amene ndikukupatsani kuti zinthu zizikuyenderani bwino nthawi zonse inu ndi ana anu chifukwa mudzakhala mukuchita zabwino ndi zoyenera pamaso pa Yehova Mulungu wanu.
29 Waaqayyo Waaqni kee saboota ati weerartee biyyaa baasuuf jirtu fuula kee duraa ni balleessa. Ati garuu yommuu ariitee isaan baaftee lafa isaanii irra qubattutti,
Yehova Mulungu wanu adzachotsa pamaso panu mitundu ya anthu amene mukufuna kuwathira nkhondo ndi kuwalanda dzikolo. Koma mukawapirikitsa ndi kukhazikika mʼdziko lawo,
30 erga isaan fuula kee duraa balleeffamanii booddees, “Saboonni kunneen akkamitti waaqota isaanii tajaajilu? Anis akkasuman godha” jettee waaʼee waaqota isaanii gaafachuudhaan kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu.
ndipo pamene iwo awonongeka pamaso panu, samalirani kuti musakodwe mu msampha pa kufufuza za milungu yawo, nʼkumati, “Kodi anthu a mitunduwa amatumikira bwanji milungu yawo? Ifenso tichita momwemo.”
31 Isaan sababii waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojii jibbisiisaa Waaqayyo jibbu hedduu hojjetaniif, ati haala isaaniitiin Waaqayyo Waaqa kee hin waaqeffatin. Isaan ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii illee waaqota isaaniitiif aarsaa godhanii ibiddaan gubu.
Musapembedze Yehova Mulungu wanu momwe amachitira iwowo, chifukwa popembedza milungu yawoyo amachita zonyansa zamitundumitundu zimene Yehova amadana nazo. Amatentha ngakhale ana awo aamuna ndi aakazi pa moto ngati nsembe za kwa milungu yawo.
32 Ati waan ani si ajaju hunda eegi; itti hin dabalin; irraas hin hirʼisin.
Onetsetsani kuti mukuchita zimene ndikukulamulirani. Musawonjezerepo kapena kuchotserapo.

< Keessa Deebii 12 >