< Keessa Deebii 11 >
1 Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
You shall therefore love the LORD your God and always keep His charge, His statutes, His ordinances, and His commandments.
2 Kan adabbii Waaqayyo Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa.
Know this day that it is not your children who have known and seen the discipline of the LORD your God: His greatness, His mighty hand, and His outstretched arm;
3 Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete,
the signs and works He did in Egypt to Pharaoh king of Egypt and all his land;
4 waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti Waaqayyo badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa.
what He did to the Egyptian army and horses and chariots when He made the waters of the Red Sea engulf them as they pursued you, and how He destroyed them completely, even to this day;
5 Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti;
what He did for you in the wilderness until you reached this place;
6 isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine.
and what He did in the midst of all the Israelites to Dathan and Abiram, the sons of Eliab the Reubenite, when the earth opened its mouth and swallowed them, their households, their tents, and every living thing that belonged to them.
7 Iji keessan garuu waan guddaa Waaqayyo godhe kanneen hunda argeera.
For it is your own eyes that have seen every great work that the LORD has done.
8 Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa;
You shall therefore keep every commandment I am giving you today, so that you may have the strength to go in and possess the land that you are crossing the Jordan to possess,
9 kunis akka isin biyya Waaqayyo abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif.
and so that you may live long in the land that the LORD swore to your fathers to give them and their descendants, a land flowing with milk and honey.
10 Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti.
For the land that you are entering to possess is not like the land of Egypt, from which you have come, where you sowed your seed and irrigated on foot, like a vegetable garden.
11 Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha.
But the land that you are crossing the Jordan to possess is a land of mountains and valleys that drinks in the rain from heaven.
12 Biyyi kun biyya Waaqayyo Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji Waaqayyo Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu.
It is a land for which the LORD your God cares; the eyes of the LORD your God are always on it, from the beginning to the end of the year.
13 Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,
So if you carefully obey the commandments I am giving you today, to love the LORD your God and to serve Him with all your heart and with all your soul,
14 akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa.
then I will provide rain for your land in season, the autumn and spring rains, that you may gather your grain, new wine, and oil.
15 Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta.
And I will provide grass in the fields for your livestock, and you will eat and be satisfied.
16 Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.
But be careful that you are not enticed to turn aside to worship and bow down to other gods,
17 Ergasii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii Waaqayyo isiniif kennu irraa daftanii ni baddu.
or the anger of the LORD will be kindled against you. He will shut the heavens so that there will be no rain, nor will the land yield its produce, and you will soon perish from the good land that the LORD is giving you.
18 Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.
Fix these words of mine in your hearts and minds; tie them as reminders on your hands and bind them on your foreheads.
19 Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
Teach them to your children, speaking about them when you sit at home and when you walk along the road, when you lie down and when you get up.
20 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
Write them on the doorposts of your houses and on your gates,
21 kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Waaqayyo abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
so that as long as the heavens are above the earth, your days and those of your children may be multiplied in the land that the LORD swore to give your fathers.
22 Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan,
For if you carefully keep all these commandments I am giving you to follow—to love the LORD your God, to walk in all His ways, and to hold fast to Him—
23 Waaqayyo saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu.
then the LORD will drive out all these nations before you, and you will dispossess nations greater and stronger than you.
24 Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata.
Every place where the sole of your foot treads will be yours. Your territory will extend from the wilderness to Lebanon, and from the Euphrates River to the Western Sea.
25 Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa.
No man will be able to stand against you; the LORD your God will put the fear and dread of you upon all the land, wherever you set foot, as He has promised you.
26 Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa;
See, today I am setting before you a blessing and a curse—
27 eebbi kunis yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha.
a blessing if you obey the commandments of the LORD your God that I am giving you today,
28 Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
but a curse if you disobey the commandments of the LORD your God and turn aside from the path I command you today by following other gods, which you have not known.
29 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita.
When the LORD your God brings you into the land you are entering to possess, you are to proclaim the blessing on Mount Gerizim and the curse on Mount Ebal.
30 Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii?
Are not these mountains across the Jordan, west of the road toward the sunset, in the land of the Canaanites who live in the Arabah opposite Gilgal near the Oak of Moreh?
31 Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti,
For you are about to cross the Jordan to enter and possess the land that the LORD your God is giving you. When you take possession of it and settle in it,
32 ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa.
be careful to follow all the statutes and ordinances that I am setting before you today.