< Keessa Deebii 10 >

1 Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu.
Wakati ule Bwana aliniambia, “Chonga vibao viwili vya mawe kama vile vya kwanza uje kwangu juu mlimani. Pia utengeneze Sanduku la mbao.
2 Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”
Nitaandika juu ya vibao maneno yaliyokuwa katika vile vibao vya kwanza, ambavyo ulivivunja. Kisha utaviweka ndani ya Sanduku.”
3 Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe.
Hivyo nikatengeneza Sanduku kwa mti wa mshita, nikachonga pia vibao vya mawe kama vile vya kwanza, kisha nikakwea mlimani nikiwa na vibao viwili mikononi mwangu.
4 Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne.
Bwana akaandika juu ya hivi vibao kile alichokuwa amekiandika kabla, Amri Kumi alizokuwa amewatangazia juu mlimani, kutoka kwenye moto siku ile ya kusanyiko. Bwana akanikabidhi.
5 Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
Kisha nikashuka kutoka mlimani na kuweka vibao ndani ya Sanduku nililokuwa nimelitengeneza, kama Bwana alivyoniagiza, navyo viko huko sasa.
6 Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe.
(Waisraeli walisafiri kutoka visima vya Yaakani hadi Mosera. Huko Aroni alifariki na kuzikwa, naye Eleazari mwanawe akachukua nafasi yake kama kuhani.
7 Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban.
Kutoka pale, walisafiri hadi Gudgoda wakaendelea mpaka Yotbatha, nchi yenye vijito vya maji.
8 Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase.
Wakati huo Bwana aliteua kabila la Lawi kulibeba Sanduku la Agano la Bwana, kusimama mbele za Bwana ili kutoa huduma, na kutangaza baraka kwa Jina lake, kama wanavyofanya mpaka leo.
9 Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.
Hiyo ndiyo sababu ya Walawi kutokuwa na sehemu wala urithi miongoni mwa ndugu zao; Bwana ndiye urithi wao, kama Bwana Mungu wao alivyowaambia.)
10 Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu.
Basi nilikaa mlimani kwa siku arobaini usiku na mchana, kama nilivyofanya mara ya kwanza, pia Bwana alinisikiliza hata wakati huu. Haikuwa nia yake kuwaangamiza.
11 Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.
Bwana akaniambia, “Nenda, ukawaongoze watu katika njia yao ili kwamba waweze kuingia na kuimiliki nchi ile niliyowaapia baba zao kuwapa.”
12 Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
Na sasa, ee Israeli, Bwana Mungu wako anataka nini kwako ila kumcha Bwana Mungu wako, kwenda katika njia zake, kumpenda na kumtumikia Bwana Mungu wako kwa moyo wako wote na kwa roho yako yote,
13 akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
na kuyashika maagizo ya Bwana na amri zake ninazokupa leo kwa mafanikio yako mwenyewe?
14 Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti.
Mbingu, hata mbingu za juu sana, dunia na kila kitu kilichomo ndani yake, ni mali ya Bwana Mungu wako.
15 Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate.
Hata hivyo Bwana alikuwa na shauku na baba zako, akawapenda na akawachagua ninyi, wazao wao, kuliko mataifa yote, kama ilivyo leo.
16 Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa.
Kwa hiyo tahirini mioyo yenu, na msiwe na shingo ngumu tena.
17 Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii.
Kwa kuwa Bwana Mungu wenu ni Mungu wa miungu na Bwana wa mabwana, Mungu mkuu, mwenye uweza na wa kutisha, ambaye hana upendeleo na hapokei rushwa.
18 Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
Huwapigania yatima na wajane, humpenda mgeni, akimpa chakula na mavazi.
19 Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
Nanyi wapendeni wageni, kwa kuwa ninyi wenyewe mlikuwa wageni huko Misri.
20 Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu.
Mche Bwana Mungu wako na umtumikie yeye. Shikamana naye kwa uthabiti na kuapa kwa jina lake.
21 Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.
Yeye ni sifa yako; yeye ni Mungu wako, ambaye alikutendea yale maajabu makubwa na ya kutisha uliyoyaona kwa macho yako mwenyewe.
22 Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.
Baba zako walioshuka kwenda Misri jumla yao walikuwa sabini, na sasa Bwana Mungu wako amekufanya wengi kama nyota za angani.

< Keessa Deebii 10 >