< Keessa Deebii 10 >
1 Yeroo sanas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabateewwan dhagaa kanneen gabateewwan jalqabaa fakkaatan lama soofiitii tulluutti ol baʼii na bira kottu. Taabota mukaas hojjedhu.
ἐν ἐκείνῳ τῷ καιρῷ εἶπεν κύριος πρός με λάξευσον σεαυτῷ δύο πλάκας λιθίνας ὥσπερ τὰς πρώτας καὶ ἀνάβηθι πρός με εἰς τὸ ὄρος καὶ ποιήσεις σεαυτῷ κιβωτὸν ξυλίνην
2 Anis dubbii gabateewwan jalqabaa kanneen ati caccabsite sana irra turan gabateewwan kanneen irratti nan barreessa. Atis taabota keessa isaan keessa.”
καὶ γράψω ἐπὶ τὰς πλάκας τὰ ῥήματα ἃ ἦν ἐν ταῖς πλαξὶν ταῖς πρώταις ἃς συνέτριψας καὶ ἐμβαλεῖς αὐτὰς εἰς τὴν κιβωτόν
3 Ani muka laaftoo irraa taabota tolchee gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti nan soofe; gabateewwan lamaanis harkatti qabadhee tulluu sanatti ol nan baʼe.
καὶ ἐποίησα κιβωτὸν ἐκ ξύλων ἀσήπτων καὶ ἐλάξευσα τὰς δύο πλάκας τὰς λιθίνας ὡς αἱ πρῶται καὶ ἀνέβην εἰς τὸ ὄρος καὶ αἱ δύο πλάκες ἐπὶ ταῖς χερσίν μου
4 Waaqayyo guyyaa wal gaʼii sana tulluu irraa Ajajawwan Kurnan ibidda keessaa isinitti dubbate sana akkuma barreeffama duraatti gabateewwan kanneen irratti barreesse; Waaqayyos gabateewwan kanneen natti kenne.
καὶ ἔγραψεν ἐπὶ τὰς πλάκας κατὰ τὴν γραφὴν τὴν πρώτην τοὺς δέκα λόγους οὓς ἐλάλησεν κύριος πρὸς ὑμᾶς ἐν τῷ ὄρει ἐκ μέσου τοῦ πυρός καὶ ἔδωκεν αὐτὰς κύριος ἐμοί
5 Anis tulluu sana irraa gad buʼee akkuma Waaqayyo na ajajetti gabateewwan sana taabota isa ani hojjedhee ture keessa nan kaaʼe; isaanis amma achi jiru.
καὶ ἐπιστρέψας κατέβην ἐκ τοῦ ὄρους καὶ ἐνέβαλον τὰς πλάκας εἰς τὴν κιβωτόν ἣν ἐποίησα καὶ ἦσαν ἐκεῖ καθὰ ἐνετείλατό μοι κύριος
6 Israaʼeloonnis Biʼeerooti Benee Yaaʼakaanii kaʼanii gara Mooseraatti qajeelan. Aroonis achitti duʼee awwaalame; ilmi isaa Eleʼaazaar iddoo isaa buʼee luba taʼe.
καὶ οἱ υἱοὶ Ισραηλ ἀπῆραν ἐκ Βηρωθ υἱῶν Ιακιμ Μισαδαι ἐκεῖ ἀπέθανεν Ααρων καὶ ἐτάφη ἐκεῖ καὶ ἱεράτευσεν Ελεαζαρ υἱὸς αὐτοῦ ἀντ’ αὐτοῦ
7 Achii kaʼanii Gudgodaa dhaqan; ergasiis gara Yoxbaataa biyya bishaanota yaaʼan qabduutti darban.
ἐκεῖθεν ἀπῆραν εἰς Γαδγαδ καὶ ἀπὸ Γαδγαδ εἰς Ετεβαθα γῆ χείμαρροι ὑδάτων
8 Yeroo sanatti Waaqayyo gosa Lewwii akka inni taabota kakuu Waaqayyoo baatuuf, akka fuula Waaqayyoo dura dhaabatee isa tajaajiluu fi akka maqaa isaatiin eebbisuuf hamma harʼaatti addaan baase.
ἐν ἐκείνῳ τῷ καιρῷ διέστειλεν κύριος τὴν φυλὴν τὴν Λευι αἴρειν τὴν κιβωτὸν τῆς διαθήκης κυρίου παρεστάναι ἔναντι κυρίου λειτουργεῖν καὶ ἐπεύχεσθαι ἐπὶ τῷ ὀνόματι αὐτοῦ ἕως τῆς ἡμέρας ταύτης
9 Sababiin gosti Lewwii akka obboloota isaa gidduutti qooda yookaan dhaala hin qabaanne godhameefis kanuma. Akkuman Waaqayyo Waaqni kee isaanitti himetti, Waaqayyo dhaala isaanii ti.
διὰ τοῦτο οὐκ ἔστιν τοῖς Λευίταις μερὶς καὶ κλῆρος ἐν τοῖς ἀδελφοῖς αὐτῶν κύριος αὐτὸς κλῆρος αὐτοῦ καθὰ εἶπεν αὐτῷ
10 Ammas ani akkuma yeroo jalqabaa godhe sana guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; Waaqayyo ammas na dhagaʼe. Inni si balleessuudhaaf fedhii hin qabu.
κἀγὼ εἱστήκειν ἐν τῷ ὄρει τεσσαράκοντα ἡμέρας καὶ τεσσαράκοντα νύκτας καὶ εἰσήκουσεν κύριος ἐμοῦ καὶ ἐν τῷ καιρῷ τούτῳ καὶ οὐκ ἠθέλησεν κύριος ἐξολεθρεῦσαι ὑμᾶς
11 Waaqayyos, “Deemi; akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuudhaaf kakadhe sana seenanii dhaalaniif saba kana dura buʼii deemi” naan jedhe.
καὶ εἶπεν κύριος πρός με βάδιζε ἄπαρον ἐναντίον τοῦ λαοῦ τούτου καὶ εἰσπορευέσθωσαν καὶ κληρονομείτωσαν τὴν γῆν ἣν ὤμοσα τοῖς πατράσιν αὐτῶν δοῦναι αὐτοῖς
12 Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,
καὶ νῦν Ισραηλ τί κύριος ὁ θεός σου αἰτεῖται παρὰ σοῦ ἀλλ’ ἢ φοβεῖσθαι κύριον τὸν θεόν σου πορεύεσθαι ἐν πάσαις ταῖς ὁδοῖς αὐτοῦ καὶ ἀγαπᾶν αὐτὸν καὶ λατρεύειν κυρίῳ τῷ θεῷ σου ἐξ ὅλης τῆς καρδίας σου καὶ ἐξ ὅλης τῆς ψυχῆς σου
13 akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?
φυλάσσεσθαι τὰς ἐντολὰς κυρίου τοῦ θεοῦ σου καὶ τὰ δικαιώματα αὐτοῦ ὅσα ἐγὼ ἐντέλλομαί σοι σήμερον ἵνα εὖ σοι ᾖ
14 Kunoo samiin, samiin samiiwwanii olii, laftii fi wanni ishee keessa jiru hundinuu kan Waaqayyo Waaqa keetii ti.
ἰδοὺ κυρίου τοῦ θεοῦ σου ὁ οὐρανὸς καὶ ὁ οὐρανὸς τοῦ οὐρανοῦ ἡ γῆ καὶ πάντα ὅσα ἐστὶν ἐν αὐτῇ
15 Taʼus akkuma harʼa taʼee jiru kana, Waaqayyo jaalalaan qalbii isaa abbootii keessan irra buufate; isin warra sanyii isaanii taatanis saboota hunda caalchisee filate.
πλὴν τοὺς πατέρας ὑμῶν προείλατο κύριος ἀγαπᾶν αὐτοὺς καὶ ἐξελέξατο τὸ σπέρμα αὐτῶν μετ’ αὐτοὺς ὑμᾶς παρὰ πάντα τὰ ἔθνη κατὰ τὴν ἡμέραν ταύτην
16 Kanaafuu qalbii keessan dhagna qabaa; siʼachis mataa jabeeyyii hin taʼinaa.
καὶ περιτεμεῖσθε τὴν σκληροκαρδίαν ὑμῶν καὶ τὸν τράχηλον ὑμῶν οὐ σκληρυνεῖτε ἔτι
17 Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii.
ὁ γὰρ κύριος ὁ θεὸς ὑμῶν οὗτος θεὸς τῶν θεῶν καὶ κύριος τῶν κυρίων ὁ θεὸς ὁ μέγας καὶ ἰσχυρὸς καὶ ὁ φοβερός ὅστις οὐ θαυμάζει πρόσωπον οὐδ’ οὐ μὴ λάβῃ δῶρον
18 Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata.
ποιῶν κρίσιν προσηλύτῳ καὶ ὀρφανῷ καὶ χήρᾳ καὶ ἀγαπᾷ τὸν προσήλυτον δοῦναι αὐτῷ ἄρτον καὶ ἱμάτιον
19 Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
καὶ ἀγαπήσετε τὸν προσήλυτον προσήλυτοι γὰρ ἦτε ἐν γῇ Αἰγύπτῳ
20 Waaqayyo Waaqa kee sodaadhu; isa tajaajilis. Isatti maxxani; maqaa isaatiinis kakadhu.
κύριον τὸν θεόν σου φοβηθήσῃ καὶ αὐτῷ λατρεύσεις καὶ πρὸς αὐτὸν κολληθήσῃ καὶ τῷ ὀνόματι αὐτοῦ ὀμῇ
21 Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.
οὗτος καύχημά σου καὶ οὗτος θεός σου ὅστις ἐποίησεν ἐν σοὶ τὰ μεγάλα καὶ τὰ ἔνδοξα ταῦτα ἃ εἴδοσαν οἱ ὀφθαλμοί σου
22 Abbootiin kee warri Gibxitti gad buʼan nama torbaatama turan; amma garuu Waaqayyo Waaqni kee akka urjii samii keessaa si baayʼiseera.
ἐν ἑβδομήκοντα ψυχαῖς κατέβησαν οἱ πατέρες σου εἰς Αἴγυπτον νυνὶ δὲ ἐποίησέν σε κύριος ὁ θεός σου ὡσεὶ τὰ ἄστρα τοῦ οὐρανοῦ τῷ πλήθει