< Keessa Deebii 1 >

1 Dubbiin kun dubbii Museen yeroo isaan gammoojjii gama baʼa Yordaanositti, Arabbaa fuullee Suufitti argamu sana keessa, Phaaraanii fi Toofel, Laabaan, Haxerootii fi Diizaahaab gidduu turanitti Israaʼeloota hundatti dubbatee dha.
Waɗannan su ne kalmomin da Musa ya yi wa dukan Isra’ila, a hamada gabas da Urdun, wato, Araba, ɗaura da Suf, tsakanin Faran da Tofel, Laban, Hazerot da Dizahab.
2 Kooreebii karaa Tulluu Seeʼiiriin Qaadesh Barnee gaʼuuf guyyoota kudha tokko fudhata.
(Yakan ɗauki kwana goma sha ɗaya daga Horeb zuwa Kadesh Barneya ta hanyar Dutsen Seyir.)
3 Museenis waggaa afurtamaffaa keessa guyyaa tokkoffaa jiʼa kudha tokkoffaatti waan Waaqayyo waaʼee isaanii isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.
A shekara ta arba’in, a rana ta fari ga wata na goma sha ɗaya, Musa ya yi shela ga Isra’ilawa game da dukan abin da Ubangiji ya umarta shi game da su.
4 Kunis erga inni Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture moʼatee Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture illee Edreyiitti moʼatee booddee dha.
Wannan ya faru bayan ya ci Sihon sarkin Amoriyawa wanda ya yi mulki a Heshbon da yaƙi. A Edireyi kuma ya ci Og sarkin Bashan wanda ya yi mulki a Ashtarot da yaƙi.
5 Baʼa Yordaanositti biyya Moʼaab keessatti Museen akkana jedhee seera kana ibsuu jalqabe:
Gabas da iyakar Mowab, Musa ya fara bayyana wannan doka, yana cewa,
6 Waaqayyo Waaqni keenya Kooreebitti akkana nuun jedhe; “Isin tulluu kana bira yeroo dheeraa turtaniirtu.
Ubangiji Allahnmu ya faɗa mana a Horeb cewa, “Daɗewarku a wannan dutse ya isa haka.
7 Qubata buqqisaa kaʼaatii gara biyya gaaraa Amoorotaatti deemsa keessan itti fufaa; ergasiis saboota naannoo Arabbaatti argaman hunda keessa, biyya tulluuwwanii keessa, biyyoota gama dhiʼaatiin cina tulluuwwaniitti argaman keessa, Negeebii fi qarqara galaanaa, biyya Kanaʼaanotaatii fi Libaanoon keessa hamma laga Efraaxiis guddichaatti argaman keessa deemaa.
Ku tashi, ku ci gaba zuwa ƙasar tudun Amoriyawa; ku tafi wurin dukan maƙwabta a cikin Araba, a cikin duwatsu, a gindin yammancin tuddai, a Negeb da kuma a ta kwaruruka, da ƙasar Kan’aniyawa da kuma zuwa Lebanon, har zuwa babban kogi, wato, Yuferites.
8 Kunoo, ani biyya kana isiniif kenneera. Biyya Waaqayyo abbootii keessaniif jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqiif, Yaaqoobii fi sanyii isaanii warra isaaniin duubaatiif kennuuf kakate sanatti galaatii dhaalaa.”
Duba na riga na ba ku wannan ƙasa. Ku shiga ku mallaki ƙasar da Ubangiji ya rantse zai ba wa kakanninku, ga Ibrahim, Ishaku da kuma Yaƙub, da kuma ga zuriyarsu bayansu.”
9 Ani yeroo sanatti akkanan isiniin jedhe; “Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu.
A wancan lokaci na faɗa muku cewa, “Ku kaya ne masu nauyi da ni kaɗai ba zan iya ɗauka ba.
10 Waaqayyo Waaqni keessan isin baayʼiseera; kunoo, isin harʼa akkuma urjiiwwan samii baayʼattaniirtu.
Ubangiji Allahnku ya ƙara yawanku har yau kuka zama da yawa kamar taurari a sarari.
11 Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii yeroo kuma isin haa baayʼisu; akkuma abdii kenne sanattis isin haa eebbisu!
Bari Ubangiji, Allahn kakanninku yă ƙara yawanku sau dubu, yă kuma albarkace ku yadda ya yi alkawari!
12 Ani garuu akkamitti kophaa koo rakkina keessan, baʼaa keessanii fi wal mormii keessan baachuu dandaʼaa?
Amma yaya zan ɗauka dukan damuwoyinku da nawayarku da kuma faɗace-faɗacenku duka ni kaɗai?
13 Tokkoo tokkoo gosoota keessanii keessaa namoota ogeeyyii, hubattootaa fi kabajamoo filadhaa; anis isin irratti bulchitoota isaan nan taasisa.”
Ku zaɓi waɗansu masu hikima, masu ganewa, da kuma mutanen da ake girmama daga kowace kabilarku, zan kuma sa su a kanku.”
14 Isinis, “Wanni ati dhiʼeessite gaarii dha” jettanii naaf deebiftan.
Kuka amsa mini, kuka ce, “Abin da ka ce za ka yi, yana da kyau.”
15 Ani hangafoota gosoota keessanii jechuunis namoota ogeeyyii fi kabajamoo fudhadhee akka isaan ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii taʼanii isin irratti aangoo qabaatan nan muude.
Saboda haka na ɗauko shugabannin kabilanku masu hikima, waɗanda suka saba da ma’amala da jama’a, na sa su shugabanni a gabanku, waɗansu suka zama shugabanni a kan dubu-dubu, waɗansu a kan ɗari-ɗari, waɗansu a kan hamsin-hamsin, waɗansu kuma a kan goma-goma. Na sa su zama shugabanni a kabilanku.
16 Anis yeroo sanatti akkana jedhee abbootii murtii keessan nan ajaje; “Mormii obboloota keessan gidduutti kaʼu dhagaʼaa; yoo wal mormiin kaʼu sun Israaʼeloota obboloota gidduutti yookaan nama Israaʼel tokkoo fi alagaa tokko gidduutti taʼe murtii qajeelaa kennaa.
Na kuma umarci alƙalanku a wancan lokaci, na ce, “Ku yi adalci cikin shari’a tsakanin’yan’uwanku, ko damuwar tana tsakanin’yan’uwa Isra’ilawa ne, ko kuwa tsakanin Isra’ilawa da baƙin da suke zaune a cikinku.
17 Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.”
Kada ku nuna sonkai a cikin hukuncinku, ku saurari kowane ɓangare, babba da ƙarami, kada ku ji tsoron wani, gama hukunci na Allah ne. Ku kawo kowane batun da ya sha ƙarfinku, zan kuwa saurare shi.”
18 Ani yeroo sanatti waan isin gochuu qabdan hunda isin ajajeera.
A wancan lokacin kuwa na faɗa muku dukan abin da ya kamata ku yi.
19 Nus ergasii akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti Kooreebii kaanee gammoojjii guddaa fi sodaachisaa isin argitan sana keessa dabarree gara biyya gaaraa Amoorotaa dhaqne; akkasiinis Qaadesh Barnee geenye.
Sa’an nan, muka kama hanya daga Horeb muka ratsa wajen ƙasar tudun Amoriyawa ta dukan hamadarta mai fāɗi, da kuma mai bantsoron da kuka gani, muka kuma kai Kadesh Barneya yadda Ubangiji, Allahnmu ya umarce mu.
20 Anis akkana isiniin jedhe; “Isin biyya gaaraa Amoorotaa kan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kennu geessaniirtu.
Sai na ce muku, “Kun iso ƙasar tudun Amoriyawa, wadda Ubangiji, Allahnmu yake ba mu.
21 Kunoo, Waaqayyo Waaqni keessan biyyattii isiniif kenneera. Dhaqaatii akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinitti hime sanatti ishee dhaalaa; hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa.”
Duba, Ubangiji Allahnku ya ba ku ƙasar. Ku haura ku mallake ta yadda Ubangiji Allahn kakanninku ya faɗa muku. Kada ku ji tsoro, kada ku fid da zuciya.”
22 Ergasiis hundi keessan na bira dhuftanii, “Akka isaan biyyattii nuu basaasaniif duraan dursinee namoota erganna; isaanis waaʼee karaa achi nu geessuutii fi magaalaawwan nu itti dhufnuu oduu nuu fidu” jettan.
Sai dukanku kuka zo wurina kuka ce, “Bari mu aiki mutane su yi gaba su leƙi mana asirin ƙasar, su kuma kawo mana labari game da hanyar da za mu bi, da kuma biranen da za mu shiga.”
23 Yaadni sunis gaarii natti fakkaate; ani kudha lamaan keessan jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko nan filadhe.
Ra’ayin nan naku ya yi mini kyau, saboda haka na zaɓe ku goma sha biyu, mutum guda daga kowace kabila.
24 Isaanis kaʼanii biyya gaaraatti ol baʼanii Sulula Eshkool gaʼanii biyyattii basaasan.
Suka tafi, suka haura zuwa ƙasar tudu, suka kai Kwarin Eshkol, suka leƙo asirin ƙasar.
25 Ija biyyattii keessaas waa fidanii dhufanii, “Biyyi Waaqayyo Waaqni keenya nuuf kennu kun gaarii dha” jedhanii nutti himan.
Suka ɗebi’ya’yan itatuwan ƙasar, suka sauko mana da su, suka kuma ba da labari cewa, “Ƙasar da Ubangiji Allahnmu yake ba mu, kyakkyawa ce.”
26 Isin garuu dhaquu diddanii ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan.
Amma ba ku yi niyya ku haura ba, kuka yi tawaye gāba da umarnin Ubangiji Allahnku.
27 Dunkaana keessan keessattis akkana jettanii guungumtan; “Waaqayyo nu jibba; kanaafuu biyya Gibxiitii nu baasuun isaatuu akka isaan nu balleessaniif harka Amoorotaatti dabarsee nu kennuuf.
Kuka yi gunaguni a cikin tentunanku, kuna cewa, “Ubangiji ya ƙi mu; shi ya sa ya fitar da mu daga Masar don yă ba da mu ga hannuwan Amoriyawa su hallaka mu.
28 Egaa nu eessa dhaquu dandeenya? Obboloonni keenya, ‘Jarri nu caalaa jajjaboo fi hojjaan isaanii dhedheeraa dha; magaalaawwan isaaniis gurguddaa fi dallaawwan samii gaʼaniin marfamaniiru; kana biratti immoo ilmaan Anaaq argineerra’ jedhanii nu sodaachisan.”
Ina za mu?’Yan’uwanmu suka sa muka fid da zuciya. Suka ce, ‘Mutanen sun fi mu ƙarfi, sun kuma fi mu tsayi; biranen manya ne, da katanga har sama. Mun ma ga Anakawa a can.’”
29 Anis akkanan isiniin jedhe; “Hin rifatinaa; isaan hin sodaatinaa.
Sai na ce muku, “Kada ku firgita; kada ku ji tsoronsu.
30 Waaqayyo Waaqni keessan kan fuula keessan dura deemu kun akkuma ija keessan duratti biyya Gibxi keessatti isinii godhe sana isiniif ni lola;
Ubangiji Allahnku yana a gabanku, zai yi yaƙi saboda ku, kamar yadda ya yi a kan idanunku a Masar,
31 gammoojjii keessattis akkasuma. Hamma as geessanittis karaa deemtan hundatti akkamitti akka Waaqayyo Waaqni keessan akkuma abbaan ilma isaa baatutti isin baate argitaniirtu.”
da kuma a cikin hamada. A can ma kun ga yadda Ubangiji Allahnku ya riƙe ku ko’ina da kuka tafi, kamar yadda mahaifi yakan riƙe ɗansa, sai da kuka kai wannan wuri.”
32 Taʼus isin Waaqayyo Waaqa keessan
Duk da haka, ba ku amince da Ubangiji Allahnku ba,
33 isa iddoo isin qubattan barbaaduu fi daandii isin deemuu qabdan isin argisiisuudhaaf jedhee halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isin dura deemee isin qajeelchaa ture hin amananne.
shi da ya sha gabanku a tafiyarku, cikin wuta da dad dare da kuma girgije da rana, don yă nemi wurare domin ku kafa sansani, don kuma yă nuna muku hanyar da za ku bi.
34 Waaqayyos yommuu waan isin jettan dhagaʼetti dheekkamee akkana jedhee kakate:
Da Ubangiji ya ji abin da kuka faɗa, sai ya husata, ya kuma yi rantsuwa ya ce,
35 “Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko iyyuu biyya gaarii ani akka abbootii keessaniif kennu kakuu gale sana hin argu;
“Babu wani a cikin wannan muguwar tsara da zai ga ƙasa mai kyau da na rantse zan ba wa kakanninku,
36 Kaaleb ilma Yefunee sana malee kan argu hin jiru. Inni biyya sana ni arga; sababii inni garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼeef ani lafa inni miilla isaa irra dhaabbate sana isaa fi sanyii isaatiif nan kenna.”
sai dai Kaleb ɗan Yefunne. Zai gan ta, zan ba shi duk ƙasar da tafin ƙafarsa ta taka, shi da zuriyarsa, gama ya bi Ubangiji da zuciya ɗaya.”
37 Sababii keessaniif Waaqayyo natti illee dheekkamee akkana jedhe; “Ati iyyuu itti hin galtu.
Saboda ku Ubangiji ya husata da ni, ya kuma ce, “Kai ma, ba za ka shiga ƙasar ba.
38 Gargaaraan kee Iyyaasuun ilmi Nuuni garuu itti gala. Inni waan Israaʼeloota biyyattii dhaalchisuuf isa jajjabeessi.
Amma mataimakinka, Yoshuwa ɗan Nun, zai shiga. Ka ƙarfafa shi gama shi ne zai jagoranci Isra’ila su gāje ta.
39 Daaʼimman isin ni boojiʼaman jettan, ilmaan keessan kanneen waan tolaa fi hamaa gargar baasanii hin beekne biyya sanatti ni galu. Ani isaaniifan kenna; isaanis ni dhaalu.
Amma’ya’yanku ƙanana waɗanda ba su san mugunta ko nagarta ba, waɗanda kuke tsammani za a kwashe su ganima, su za su shiga ƙasar. Zan ba da ita gare su, za su kuwa mallake ta.
40 Isin garuu duubatti deebiʼaatii daandii gara Galaana Diimaatti geessu qabadhaatii gammoojjiitti qajeelaa.”
Amma ku kam, sai ku juya, ku koma cikin hamada ta hanyar Jan Teku.”
41 Isinis, “Nu Waaqayyotti cubbuu hojjenneerra. Dhaqnee akkuma Waaqayyo Waaqni keenya nu ajajetti lolla” jettanii deebiftan. Biyya gaaraa dhaquun waan salphaa isinitti fakkaatee akkasiin tokkoon tokkoon keessan miʼa lolaa qabattanii kaatan.
Sai kuka amsa, kuka ce, “Mun yi zunubi ga Ubangiji. Za mu haura mu yi yaƙi yadda Ubangiji Allahnmu ya umarce mu.” Saboda haka kowannenku ya yi ɗamara da kayan yaƙinsa, kuka yi tsammani zai zama muku da sauƙi ku ci ƙasar tuddai da yaƙi.
42 Waaqayyo garuu, “‘Waan ani isin wajjin hin jirreef lolaaf hin baʼinaa. Isin diinota keessaniin ni moʼatamtu’ jedhii isaanitti himi” naan jedhe.
Amma Ubangiji ya ce mini, “In faɗa muku, ‘Kada ku fāɗa musu da yaƙi, gama ba zai kasance tare da ku ba. Idan kuka kuskura, abokan gābanku za su murƙushe ku.’”
43 Anis akkasuman isinitti hime; isin garuu na hin dhageenye. Ajaja Waaqayyootti finciltanii of tuulummaa keessaniin biyya gaaraatti duultan.
Sai na faɗa muku, amma ba ku saurara ba. Kuka yi tawaye ga umarnin Ubangiji, a cikin jahilcinku kuwa kuka taka, kuka haura cikin ƙasar tudu.
44 Amooronni gaarran irra jiraatan isinitti dhufan; isaanis akkuma tuuta kanniisaatti baʼanii isin gugsan; Seeʼiirii hamma Hormaatti isin dhaʼan.
Amoriyawan da suke zama a waɗannan tuddai, suka fito kamar tarin ƙudan zuma gāba da ku, suka kore ku, suka fatattake ku daga Seyir har zuwa Horma.
45 Isin deebitanii dhuftanii fuula Waaqayyoo duratti boossan; inni garuu booʼicha keessan hin dhageenye; gurra isaas isiniif hin kennine.
Kuka dawo, kuka yi kuka a gaban Ubangiji, amma bai kula da ku ba, balle yă saurare ku.
46 Akka yeroo isin achi jiraattaniitti, guyyoonni isin Qaadesh keessa jiraattan baayʼee dha.
Haka kuwa kuka zauna a Kadesh kwanaki masu yawa, kuka ci lokaci a can.

< Keessa Deebii 1 >