< Daaniʼel 9 >
1 Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti
Katika mwaka wa kwanza wa utawala wa Dario mwana wa Ahasuero (mzaliwa wa Umedi), ambaye alifanywa mtawala juu ya ufalme wa Babeli,
2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Waaqayyoo kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe.
katika mwaka wa kwanza wa utawala wake, mimi Danieli nilielewa kutokana na Maandiko, kulingana na neno la Bwana alilopewa nabii Yeremia, kwamba ukiwa wa Yerusalemu ungetimizwa kwa miaka sabini.
3 Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe.
Kwa hiyo nikamgeukia Bwana Mungu na kumsihi katika maombi na dua, katika kufunga, na kuvaa nguo ya gunia na kujipaka majivu.
4 Anis Waaqayyo Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu,
Nikamwomba Bwana Mungu wangu na kutubu: “Ee Bwana, Mungu mkuu na unayetisha, anayeshika agano lake la upendo kwao wanaompenda na kutii maagizo yake,
5 nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.
tumetenda dhambi na kufanya mabaya. Tumekuwa waovu na tumeasi; tumegeuka mbali na maagizo yako na sheria zako.
6 Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
Hatukuwasikiliza watumishi wako manabii, ambao kwa jina lako walisema na wafalme wetu, wakuu wetu, baba zetu, na watu wote wa nchi.
7 “Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra.
“Bwana, wewe ni mwenye haki, lakini siku hii ya leo tumefunikwa na aibu: tukiwa wanaume wa Yuda, na watu wa Yerusalemu, na Israeli yote, wote walio karibu na walio mbali, katika nchi zote ulikotutawanya kwa sababu ya kukosa uaminifu kwako.
8 Yaa Waaqayyo nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra.
Ee Bwana, sisi na wafalme wetu, wakuu wetu na baba zetu tumefunikwa na aibu kwa sababu tumefanya dhambi dhidi yako.
9 Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha;
Bwana Mungu wetu ni mwenye rehema na anayesamehe, hata ingawa tumefanya uasi dhidi yake.
10 nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne.
Hatukumtii Bwana Mungu wetu wala kuzishika sheria alizotupa kupitia kwa watumishi wake manabii.
11 Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe.
Israeli yote imekosea sheria yako na kugeuka mbali, nao wamekataa kukutii. “Kwa hiyo laana na viapo vya hukumu vilivyoandikwa katika Sheria ya Mose, mtumishi wa Mungu, vimemiminwa juu yetu, kwa sababu tumefanya dhambi dhidi yako.
12 Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa samiitii gaditti taʼee hin beeku.
Umetimiza maneno uliyosema dhidi yetu na dhidi ya watawala wetu, kwa kuleta maafa makubwa juu yetu. Chini ya mbingu yote kamwe hapajatendeka kitu kama kile kilichotendeka kwa Yerusalemu.
13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan Waaqayyo Waaqa keenya irraa araara hin barbaanne.
Kama vile ilivyoandikwa katika sheria ya Mose, misiba hii yote imekuja juu yetu, lakini hatujaomba fadhili kwa Bwana Mungu wetu kwa kugeuka kutoka dhambi zetu na kuwa wasikivu katika kweli yake.
14 Waaqayyo balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; Waaqayyo Waaqni keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne.
Bwana hakusita kuleta maafa juu yetu, kwa maana Bwana Mungu wetu ni mwenye haki katika kila afanyalo; lakini hata hivyo hatujamtii.
15 “Egaa amma yaa Waaqa keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras.
“Sasa, Ee Bwana Mungu wetu, ambaye uliwatoa watu wako Misri kwa mkono wenye nguvu, na ambaye umejifanyia Jina linalodumu mpaka leo, tumetenda dhambi, tumefanya mabaya.
16 Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera.
Ee Bwana, wewe kwa kadiri ya matendo yako ya haki, ondoa hasira yako na ghadhabu yako juu ya Yerusalemu, mji wako, mlima wako mtakatifu. Dhambi zetu na maovu ya baba zetu yameifanya Yerusalemu na watu wako kitu cha kudharauliwa kwa wale wote wanaotuzunguka.
17 “Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi.
“Basi Mungu wetu, sasa sikia maombi na dua ya mtumishi wako. Ee Bwana, kwa ajili yako angalia kwa huruma ukiwa wa mahali pako patakatifu.
18 Yaa Waaqa ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si kadhanna.
Ee Mungu, tega sikio na ukasikie; fumbua macho yako ukaone ukiwa wa mji ule wenye Jina lako. Hatukutolei maombi yetu kwa sababu sisi tuna haki, bali kwa sababu ya rehema zako nyingi.
19 Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Waaqa ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin.”
Ee Bwana, sikiliza! Ee Bwana, samehe! Ee Bwana, sikia na ukatende! Kwa ajili yako, Ee Mungu wangu, usikawie, kwa sababu mji wako na watu wako wanaitwa kwa Jina lako.”
20 Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis Waaqayyo Waaqa koo gaafachaa jiruu,
Basi, nilipokuwa bado nikinena na kuomba, nikiungama dhambi yangu na dhambi ya watu wangu Israeli, na nikifanya maombi yangu kwa Bwana Mungu wangu kwa ajili ya mlima wake mtakatifu,
21 utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe.
wakati nilipokuwa bado katika maombi, Gabrieli, yule mtu niliyekuwa nimemwona katika maono hapo awali, alinijia kwa kasi karibu wakati wa kutoa dhabihu ya jioni.
22 Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera.
Akanielimisha na kuniambia, “Danieli, sasa nimekuja kukupa akili na ufahamu.
23 Akkuma ati Waaqa kadhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu:
Mara ulipoanza kuomba, jibu lilitolewa, ambalo nimekuja kukupasha habari, kwa maana wewe unapendwa sana. Kwa hiyo, tafakari ujumbe huu na uelewe maono haya:
24 “Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera.
“Majuma sabini yameamriwa kwa ajili ya watu wako na kwa ajili ya mji wako mtakatifu, ili kumaliza makosa, kukomesha dhambi, kufanya upatanisho kwa ajili ya uovu, kuleta haki ya milele, kutia muhuri maono na unabii, na pia kumtia mafuta yeye aliye mtakatifu sana.
25 “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa.
“Ujue na kuelewa hili: Tangu kutolewa kwa amri ya kuutengeneza na kuujenga upya Yerusalemu mpaka kuja kwa Mpakwa mafuta, aliye mtawala, kutakuwako majuma saba na majuma sitini na mawili. Barabara zitajengwa tena pamoja na mahandaki, lakini katika wakati wa taabu.
26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera.
Baada ya majuma sitini na mawili, Mpakwa Mafuta atakatiliwa mbali, wala hatabaki na kitu. Watu wa mtawala atakayekuja watauharibu mji pamoja na mahali patakatifu. Mwisho utakuja kama mafuriko: Vita vitaendelea mpaka mwisho, nao ukiwa umeamriwa.
27 Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.”
Mtawala huyo atathibitisha agano na watu wengi kwa juma moja. Katikati ya juma hilo atakomesha dhabihu na sadaka. Mahali pa dhabihu katika Hekalu atasimamisha chukizo la uharibifu, hadi mwisho ulioamriwa utakapomiminwa juu yake yeye aletaye uharibifu.”