< Daaniʼel 9 >

1 Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti
בשנת אחת לדריוש בן אחשורוש--מזרע מדי אשר המלך על מלכות כשדים
2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Waaqayyoo kan Ermiyaas raajichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe.
בשנת אחת למלכו אני דניאל בינתי בספרים מספר השנים אשר היה דבר יהוה אל ירמיה הנביא למלאות לחרבות ירושלם שבעים שנה
3 Kanaafuu ani deebii barbaadee kadhannaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Waaqayyoo Gooftaatti nan deebiʼe.
ואתנה את פני אל אדני האלהים לבקש תפלה ותחנונים--בצום ושק ואפר
4 Anis Waaqayyo Waaqa kootti kadhannaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe: “Yaa Gooftaa, Waaqa guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu,
ואתפללה ליהוה אלהי ואתודה ואמרה אנא אדני האל הגדול והנורא שמר הברית והחסד לאהביו ולשמרי מצותיו
5 nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.
חטאנו ועוינו והרשענו (הרשענו) ומרדנו וסור ממצותך וממשפטיך
6 Nu tajaajiltoota kee raajota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
ולא שמענו אל עבדיך הנביאים אשר דברו בשמך אל מלכינו שרינו ואבתינו--ואל כל עם הארץ
7 “Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra.
לך אדני הצדקה ולנו בשת הפנים כיום הזה לאיש יהודה ולישבי ירושלם ולכל ישראל הקרבים והרחקים בכל הארצות אשר הדחתם שם במעלם אשר מעלו בך
8 Yaa Waaqayyo nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra.
יהוה לנו בשת הפנים למלכינו לשרינו ולאבתינו אשר חטאנו לך
9 Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Waaqni keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha;
לאדני אלהינו הרחמים והסלחות כי מרדנו בו
10 nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa raajotaatiin nuuf kenne sana hin eegne.
ולא שמענו בקול יהוה אלהינו--ללכת בתורתיו אשר נתן לפנינו ביד עבדיו הנביאים
11 Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus. “Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Musee garbicha Waaqaa sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe.
וכל ישראל עברו את תורתך וסור לבלתי שמוע בקלך ותתך עלינו האלה והשבעה אשר כתובה בתורת משה עבד האלהים--כי חטאנו לו
12 Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa samiitii gaditti taʼee hin beeku.
ויקם את דבריו (דברו) אשר דבר עלינו ועל שפטינו אשר שפטונו--להביא עלינו רעה גדלה אשר לא נעשתה תחת כל השמים כאשר נעשתה בירושלם
13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan Waaqayyo Waaqa keenya irraa araara hin barbaanne.
כאשר כתוב בתורת משה את כל הרעה הזאת באה עלינו ולא חלינו את פני יהוה אלהינו לשוב מעוננו ולהשכיל באמתך
14 Waaqayyo balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; Waaqayyo Waaqni keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne.
וישקד יהוה על הרעה ויביאה עלינו כי צדיק יהוה אלהינו על כל מעשיו אשר עשה ולא שמענו בקלו
15 “Egaa amma yaa Waaqa keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras.
ועתה אדני אלהינו אשר הוצאת את עמך מארץ מצרים ביד חזקה ותעש לך שם כיום הזה חטאנו רשענו
16 Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera.
אדני ככל צדקתך ישב נא אפך וחמתך מעירך ירושלם הר קדשך כי בחטאינו ובעונות אבתינו ירושלם ועמך לחרפה לכל סביבתינו
17 “Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi.
ועתה שמע אלהינו אל תפלת עבדך ואל תחנוניו והאר פניך על מקדשך השמם--למען אדני
18 Yaa Waaqa ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si kadhanna.
הטה אלהי אזנך ושמע--פקחה (פקח) עיניך וראה שממתינו והעיר אשר נקרא שמך עליה כי לא על צדקתינו אנחנו מפילים תחנונינו לפניך--כי על רחמיך הרבים
19 Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Waaqa ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin.”
אדני שמעה אדני סלחה אדני הקשיבה ועשה אל תאחר למענך אלהי--כי שמך נקרא על עירך ועל עמך
20 Utuu ani dubbichaa fi kadhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis Waaqayyo Waaqa koo gaafachaa jiruu,
ועוד אני מדבר ומתפלל ומתודה חטאתי וחטאת עמי ישראל ומפיל תחנתי לפני יהוה אלהי--על הר קדש אלהי
21 utuu ani amma illee kadhannaa irra jiruu, Gabriʼeel namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe.
ועוד אני מדבר בתפלה והאיש גבריאל אשר ראיתי בחזון בתחלה מעף ביעף נגע אלי כעת מנחת ערב
22 Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; “Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera.
ויבן וידבר עמי ויאמר--דניאל עתה יצאתי להשכילך בינה
23 Akkuma ati Waaqa kadhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu:
בתחלת תחנוניך יצא דבר ואני באתי להגיד--כי חמודות אתה ובין בדבר והבן במראה
24 “Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera.
שבעים שבעים נחתך על עמך ועל עיר קדשך לכלא הפשע ולחתם (ולהתם) חטאות (חטאת) ולכפר עון ולהביא צדק עלמים ולחתם חזון ונביא ולמשח קדש קדשים
25 “Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma Masiihichi, Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa.
ותדע ותשכל מן מצא דבר להשיב ולבנות ירושלם עד משיח נגיד--שבעים שבעה ושבעים ששים ושנים תשוב ונבנתה רחוב וחרוץ ובצוק העתים
26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Masiihichi ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera.
ואחרי השבעים ששים ושנים יכרת משיח ואין לו והעיר והקדש ישחית עם נגיד הבא וקצו בשטף ועד קץ מלחמה נחרצת שממות
27 Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba.”
והגביר ברית לרבים שבוע אחד וחצי השבוע ישבית זבח ומנחה ועל כנף שקוצים משמם ועד כלה ונחרצה תתך על שמם

< Daaniʼel 9 >