1Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge.
This chapter is missing in the source text.
2Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture.
3Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate.
4Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe.
5Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe.
6Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate.
7Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
12Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame.
13Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen.
14Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.
15Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate.
16Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe.
17Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
18Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe.
19Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii.
20Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa.