< Daaniʼel 8 >

1 Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge.
In the third year of the reign of king Belshazzar a vision appeared unto me, even unto me Daniel, after that which appeared unto me at the first.
2 Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture.
And I saw in the vision; now it was so, that when I saw, I was in Shushan the castle, which is in the province of Elam; and I saw in the vision, and I was by the stream Ulai.
3 Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate.
And I lifted up mine eyes, and saw, and, behold, there stood before the stream a ram which had two horns; and the two horns were high; but one was higher than the other, and the higher came up last.
4 Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe.
I saw the ram pushing westward, and northward, and southward; and no beasts could stand before him, neither was there any that could deliver out of his hand; but he did according to his will, and magnified himself.
5 Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe.
And as I was considering, behold, a he-goat came from the west over the face of the whole earth, and touched not the ground; and the goat had a conspicuous horn between his eyes.
6 Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate.
And he came to the ram that had the two horns, which I saw standing before the stream, and ran at him in the fury of his power.
7 Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
And I saw him come close unto the ram, and he was moved with choler against him, and smote the ram, and broke his two horns; and there was no power in the ram to stand before him; but he cast him down to the ground, and trampled upon him; and there was none that could deliver the ram out of his hand.
8 Reʼeen sunis akka malee guddate; garuu yeroo humni isaa jabaatetti gaanfi isaa guddichi isa irraa cabe; qooda isaas gaanfawwan afur guddatanii gara bubbeewwan samii afraniitti baʼan.
And the he-goat magnified himself exceedingly; and when he was strong, the great horn was broken; and instead of it there came up the appearance of four horns toward the four winds of heaven.
9 Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate.
And out of one of them came forth a little horn, which waxed exceeding great, toward the south, and toward the east, and toward the beauteous land.
10 Gaafni sunis hamma raayyaa samiiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate.
And it waxed great, even to the host of heaven; and some of the host and of the stars it cast down to the ground, and trampled upon them.
11 Akka waan ajajaa loltoota Waaqaatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame.
Yea, it magnified itself, even to the prince of the host; and from him the continual burnt-offering was taken away, and the place of his sanctuary was cast down.
12 Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame.
And the host was given over to it together with the continual burnt-offering through transgression; and it cast down truth to the ground, and it wrought, and prospered.
13 Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen.
Then I heard a holy one speaking; and another holy one said unto that certain one who spoke: 'How long shall be the vision concerning the continual burnt-offering, and the transgression that causes appalment, to give both the sanctuary and the host to be trampled under foot?'
14 Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.
And he said unto me: 'Unto two thousand and three hundred evenings and mornings; then shall the sanctuary be victorious.'
15 Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate.
And it came to pass, when I, even I Daniel, had seen the vision, that I sought to understand it; and, behold, there stood before me as the appearance of a man.
16 Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Gabriʼeel, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe.
And I heard the voice of a man between the banks of Ulai, who called, and said: 'Gabriel, make this man to understand the vision.'
17 Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
So he came near where I stood; and when he came, I was terrified, and fell upon my face; but he said unto me: 'Understand, O son of man; for the vision belongeth to the time of the end.'
18 Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe.
Now as he was speaking with me, I fell into a deep sleep with my face toward the ground; but he touched me, and set me upright.
19 Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii.
And he said: 'Behold, I will make thee know what shall be in the latter time of the indignation; for it belongeth to the appointed time of the end.
20 Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa.
The ram which thou sawest having the two horns, they are the kings of Media and Persia.
21 Reʼeen rifeensa qabu sun mootii Giriik; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu immoo mootii jalqabaa ti.
And the rough he-goat is the king of Greece; and the great horn that is between his eyes is the first king.
22 Gaanfawwan afran gaanfa cabe tokko iddoo buʼan mootummoota saba isaa keessaa baʼan afran argisiisan; isaan garuu humna akka isaa hin qaban.
And as for that which was broken, in the place whereof four stood up, four kingdoms shall stand up out of the nation, but not with his power.
23 “Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa.
And in the latter time of their kingdom, when the transgressors have completed their transgression, there shall stand up a king of fierce countenance, and understanding stratagems.
24 Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa.
And his power shall be mighty, but not by his own power; and he shall destroy wonderfully, and shall prosper and do; and he shall destroy them that are mighty and the people of the saints.
25 Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti.
And through his cunning he shall cause craft to prosper in his hand; and he shall magnify himself in his heart, and in time of security shall he destroy many; he shall also stand up against the prince of princes; but he shall be broken without hand.
26 “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.”
And the vision of the evenings and mornings which hath been told is true; but thou, shut thou up the vision; for it belongeth to many days to come.'
27 Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle.
And I Daniel fainted, and was sick certain days; then I rose up, and did the king's business; and I was appalled at the vision, but understood it not.

< Daaniʼel 8 >