< Daaniʼel 7 >

1 Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse.
In the first year of Belshazzar's reign as king of Babylon, Daniel had a dream in which visions passed through his mind as he lay in bed. Afterwards he wrote down the dream, describing it in summary form.
2 Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni samii afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan.
In my vision that I had that night I saw a tremendous storm, blowing from every direction, stirring up a great sea.
3 Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan.
Four very large beasts were coming up from the sea, every one of them different.
4 “Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef.
The first was like a lion and had the wings of an eagle. As I watched, its wings were torn off and it was pulled upright so it was standing with its hind legs on the ground and it was given the mind of a human being.
5 “Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan.
A second beast appeared, looking like a bear, hunched up on one side and holding three ribs in its mouth with its teeth. It was told, “Get up and eat all the flesh you can.”
6 “Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname.
After this I saw a third beast. It looked like a leopard with four wings like those of a bird on its back, and it had four heads. It was given power to impose its rule.
7 “Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture.
Then in my vision that I had that night a fourth beast appeared. It was terrifying, frightening, and extremely powerful, with great iron teeth. It tore apart and ate up its victims, and then trampled on what was left. This beast was different to those that came before it, and it had ten horns.
8 “Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
As I was wondering about the horns, another horn, a little one, came up between them and three of the earlier horns were pulled out before it. It had human-looking eyes and a mouth that made arrogant boasts.
9 “Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
While I was watching, thrones were set up and the Ancient of Days took his seat. His clothes were white as snow and his hair looked like the purest wool. His throne blazed like flames; its wheels like burning fire.
10 Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
A stream of fire poured out, flowing from before him. A thousand thousands attended him; ten thousand times ten thousand stood before him. The court sat to begin its judgment, and the books were opened.
11 “Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale.
I was watching because of the boasts the little horn was making. I went on watching until that beast was killed and its body destroyed by burning.
12 Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.
The rest of the beasts were allowed to go on living for a season and a time, but their power to rule had been taken away.
13 “Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa samiitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan.
As I continued watching in my vision that I had that night I saw one like a son of man coming with the clouds of heaven. He approached the Ancient of Days and was led into his presence.
14 Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
He was given authority, glory, and the power to rule over all people, the different nations and languages, so they would all worship him. His rule is everlasting—it will never cease, and his kingdom will never be destroyed.
15 “Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise.
I, Daniel, was deeply disturbed—the visions that had passed through my mind frightened me.
16 Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse:
I went up to one of the attendants and asked him to explain what all this meant. He said he would explain it so I could understand.
17 ‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha.
“These four large beasts symbolize four kingdoms that will rise to power on the earth.
18 Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
But those dedicated to the Most High will eventually receive the kingdom. They will possess the kingdom forever, for ever and ever.”
19 “Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade.
Then I wanted to know what the fourth beast stood for—the one that was different to the rest and so terrifying. It had iron teeth and bronze claws, and it tore apart and ate up its victims, trampling on what was left.
20 Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
I also wanted to know about the ten horns on its head, and the other one that came up later, causing three of the other horns to fall. This horn looked more impressive than the others and had eyes and a mouth that made arrogant boasts.
21 Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture;
I watched as this horn attacked God's dedicated people and was conquering them,
22 kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Waaqa Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.
until the Ancient of Days came and gave judgment in favor of the dedicated people of the Most High, and at that time they took possession of the kingdom.
23 “Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha.
Then he told me, “The fourth beast stands for the fourth kingdom to rule the earth. It will be different to all the rest of the kingdoms. The beast will eat up the whole world, trampling it down and crushing it.
24 Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
The ten horns are ten kings that will come to power from this kingdom. The one who comes later is different from them, and will defeat three of them.
25 Inni Waaqa Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
He will speak words of defiance against the Most High and oppress the dedicated people of the Most High, and attempt to change times and laws, and they will be placed under his power for a time, two times, and half a time.
26 “‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
Then the court will execute judgment and take away his power, destroying it forever.
27 Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa samii gaditti qulqulloota, Waaqa Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
Then the right to rule, the power, and the greatness of all the kingdoms under heaven will be given to those dedicated to the Most High. His kingdom will last forever, and all who rule will serve and obey him.”
28 “Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.”
This is the end of the summary. As for me, Daniel, my thoughts really disturbed me and my face turned pale, but I kept it all to myself.

< Daaniʼel 7 >