< Daaniʼel 6 >

1 Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade;
大流士随心所愿,立一百二十个总督,治理通国。
2 innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu.
又在他们以上立总长三人(但以理在其中),使总督在他们三人面前回复事务,免得王受亏损。
3 Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade.
因这但以理有美好的灵性,所以显然超乎其余的总长和总督,王又想立他治理通国。
4 Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye.
那时,总长和总督寻找但以理误国的把柄,为要参他;只是找不着他的错误过失,因他忠心办事,毫无错误过失。
5 Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan.
那些人便说:“我们要找参这但以理的把柄,除非在他 神的律法中就寻不着。”
6 Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu!
于是,总长和总督纷纷聚集来见王,说:“愿大流士王万岁!
7 Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru.
国中的总长、钦差、总督、谋士,和巡抚彼此商议,要立一条坚定的禁令,三十日内,不拘何人,若在王以外,或向神或向人求什么,就必扔在狮子坑中。
8 Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.”
王啊,现在求你立这禁令,加盖玉玺,使禁令决不更改;照米底亚和波斯人的例是不可更改的。”
9 Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
于是大流士王立这禁令,加盖玉玺。
10 Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef.
但以理知道这禁令盖了玉玺,就到自己家里(他楼上的窗户开向耶路撒冷),一日三次,双膝跪在他 神面前,祷告感谢,与素常一样。
11 Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan.
那些人就纷纷聚集,见但以理在他 神面前祈祷恳求。
12 Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise.
他们便进到王前,提王的禁令,说:“王啊,三十日内不拘何人,若在王以外,或向神或向人求什么,必被扔在狮子坑中。王不是在这禁令上盖了玉玺吗?”王回答说:“实有这事,照米底亚和波斯人的例是不可更改的。”
13 Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan.
他们对王说:“王啊,那被掳之犹大人中的但以理不理你,也不遵你盖了玉玺的禁令,他竟一日三次祈祷。”
14 Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.
王听见这话,就甚愁烦,一心要救但以理,筹划解救他,直到日落的时候。
15 Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
那些人就纷纷聚集来见王,说:“王啊,当知道米底亚人和波斯人有例,凡王所立的禁令和律例都不可更改。”
16 Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.
王下令,人就把但以理带来,扔在狮子坑中。王对但以理说:“你所常事奉的 神,他必救你。”
17 Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse.
有人搬石头放在坑口,王用自己的玺和大臣的印,封闭那坑,使惩办但以理的事毫无更改。
18 Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
王回宫,终夜禁食,无人拿乐器到他面前,并且睡不着觉。
19 Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate.
次日黎明,王就起来,急忙往狮子坑那里去。
20 Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.
临近坑边,哀声呼叫但以理,对但以理说:“永生 神的仆人但以理啊,你所常事奉的 神能救你脱离狮子吗?”
21 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu!
但以理对王说:“愿王万岁!
22 Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
我的 神差遣使者,封住狮子的口,叫狮子不伤我;因我在 神面前无辜,我在王面前也没有行过亏损的事。”
23 Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
王就甚喜乐,吩咐人将但以理从坑里系上来。于是但以理从坑里被系上来,身上毫无伤损,因为信靠他的 神。
24 Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.
王下令,人就把那些控告但以理的人,连他们的妻子儿女都带来,扔在狮子坑中。他们还没有到坑底,狮子就抓住他们,咬碎他们的骨头。
25 Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse: “Nagaan isiniif haa baayʼatu!
那时,大流士王传旨,晓谕住在全地各方、各国、各族的人说:“愿你们大享平安!
26 “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera.
现在我降旨晓谕我所统辖的全国人民,要在但以理的 神面前,战兢恐惧。 因为他是永远长存的活 神, 他的国永不败坏; 他的权柄永存无极!
27 Inni ni baraara; ni oolchas;
他护庇人,搭救人, 在天上地下施行神迹奇事, 救了但以理脱离狮子的口。”
28 Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
如此,这但以理,当大流士王在位的时候和波斯王塞鲁士在位的时候,大享亨通。

< Daaniʼel 6 >