< Daaniʼel 2 >

1 Nebukadnezar bara mootummaa isaa keessa, waggaa lammaffaatti abjuu abjoote; hafuurri isaa jeeqamee hirribas rafuu dadhabe.
In the second year of the reign of Nebuchadnezzar, Nebuchadnezzar dreamed dreams; and his spirit was troubled, and his sleep went from him.
2 Kanaafuu mootichi akka isaan abjuu inni abjoote sana itti himaniif tolchitoota, mortoota, falfaltootaa fi warra urjii ilaalan waamsise; isaanis ol galanii fuula isaa dura dhadhaabatan;
Then the king commanded that the magicians, the enchanters, the sorcerers, and the Chaldeans be called to tell the king his dreams. So they came in and stood before the king.
3 mootichis, “Ani abjuu na dhiphise tokko nan abjoodhe; hiikkaa abjuu sanaa maal akka taʼe beekuu nan barbaada” jedheen.
The king said to them, “I have dreamed a dream, and my spirit is troubled to know the dream.”
4 Kana irratti warri urjii ilaalan sun afaan Araamaayikiitiin mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee tajaajiltoota keetti himi; nu siif hiiknaa” jedhanii mootichaaf deebisan.
Then the Chaldeans spoke to the king in the Syrian language, “O king, live forever! Tell your servants the dream, and we will show the interpretation.”
5 Mootichis warra urjii ilaalan sanaan akkana jedhe; “Ani waan kana murteesseera: Yoo isin abjuu koo fi hiikkaa isaa natti himuu baattan ani isinan kukkuta; manneen keessanis tuulaa waan diigamee taʼu.
The king answered the Chaldeans, “The thing has gone from me. If you don’t make known to me the dream and its interpretation, you will be cut in pieces, and your houses will be made a dunghill.
6 Garuu yoo abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himtan isin kennaa, badhaasaa fi ulfina guddaa narraa argattu. Kanaafuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himaa.”
But if you show the dream and its interpretation, you will receive from me gifts, rewards, and great honor. Therefore show me the dream and its interpretation.”
7 Isaan amma illee deebisanii, “Mootichi abjuu isaa tajaajiltoota isaatti haa himu; nu ni hiiknaaf” jedhan.
They answered the second time and said, “Let the king tell his servants the dream, and we will show the interpretation.”
8 Kana irratti mootichi akkana jedhee deebiseef; “Ani akka isin sababii waan ani cimsee murteesse beektaniif, akka isin yeroo dheeressuu yaalaa jirtan hubadheera:
The king answered, “I know of a certainty that you are trying to gain time, because you see the thing has gone from me.
9 Yoo isin abjuu sana natti himuu baattan, adabbii tokkotu isin eeggata. Isin waan haalli geeddaramu seetanii dubbii dogoggorsaa fi hamaa natti himuu mariʼattaniirtu. Kanaafuu abjuu sana natti himaa; anis akka isin hiikkaa isaa natti himuu dandeessan kanaan nan beekaa.”
But if you don’t make known to me the dream, there is but one law for you; for you have prepared lying and corrupt words to speak before me, until the situation changes. Therefore tell me the dream, and I will know that you can show me its interpretation.”
10 Warri urjii ilaalan sunis akkana jedhanii mootichaaf deebise; “Namni waan mootichi gaafate kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu lafa irratti hin argamu! Mootiin kam iyyuu hammuma fedhee guddaa fi jabaa taʼu illee tolchituu, moortuu yookaan warra urjii ilaalu kam iyyuu gaaffii akkanaa gaafatee hin beeku.
The Chaldeans answered the king and said, “There is not a man on the earth who can show the king’s matter, because no king, lord, or ruler has asked such a thing of any magician, enchanter, or Chaldean.
11 Wanni mootichi gaafate akka malee rakkisaa dha. Waaqota malee namni tokko iyyuu waan kana mootichaaf ibsuu hin dandaʼu; isaan immoo namoota gidduu hin jiraatan.”
It is a rare thing that the king requires, and there is no other who can show it before the king except the gods, whose dwelling is not with flesh.”
12 Wanni kunis mooticha akka malee aarse; isa dallansiisees akka inni ogeeyyii Baabilon hundatti murtii duʼaa muru godhe.
Because of this, the king was angry and very furious, and commanded that all the wise men of Babylon be destroyed.
13 Kanaafuu akka namoonni ogeeyyiin hundi ajjeefaman labsiin baʼe; namoonnis akka Daaniʼelii fi michoota isaa barbaadanii ajjeesaniif ergaman.
So the decree went out, and the wise men were to be slain. They sought Daniel and his companions to be slain.
14 Yommuu Ariyook itti gaafatamaan eegumsa mootichaa namoota Baabilon ogeeyyii ajjeesuuf baʼetti, Daaniʼel ogummaa fi malaan isa haasofsiise.
Then Daniel returned answer with counsel and prudence to Arioch the captain of the king’s guard, who had gone out to kill the wise men of Babylon.
15 Innis qondaala mootichaatiin, “Mootichi maaliif labsii cimaa akkasii baase?” jedhee gaafate. Ariyookis waan sana Daaniʼelitti hime.
He answered Arioch the king’s captain, “Why is the decree so urgent from the king?” Then Arioch made the thing known to Daniel.
16 Kana irratti Daaniʼel ol seenee akka abjuu sana isaaf hiikuuf akka mootichi yeroo isaa kennu gaafate.
Daniel went in, and desired of the king that he would appoint him a time, and he would show the king the interpretation.
17 Ergasii Daaniʼel gara mana isaatti deebiʼee waan sana michoota isaa Hanaaniyaatti, Miisaaʼelii fi Azariyaatti hime.
Then Daniel went to his house and made the thing known to Hananiah, Mishael, and Azariah, his companions:
18 Kanaafuu akka innii fi michoonni isaa ogeeyyiin Baabilon kaan hin ajjeefamneef akka isaan waaʼee icciitii kanaa Waaqa samii araara kadhatan isaan akeekkachiise.
that they would desire mercies of the God of heaven concerning this secret, that Daniel and his companions would not perish with the rest of the wise men of Babylon.
19 Halkan sanas icciitiin sun mulʼataan Daaniʼelitti mulʼifame. Ergasiis Daaniʼel Waaqa samii galateeffatee
Then the secret was revealed to Daniel in a vision of the night. Then Daniel blessed the God of heaven.
20 akkana jedhe: “Maqaan Waaqaa bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu; ogummaanii fi humni kan isaa ti.
Daniel answered, “Blessed be the name of God forever and ever; for wisdom and might are his.
21 Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.
He changes the times and the seasons. He removes kings and sets up kings. He gives wisdom to the wise, and knowledge to those who have understanding.
22 Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; waan dukkana keessa jiru ni beeka; ifnis isa wajjin jiraata.
He reveals the deep and secret things. He knows what is in the darkness, and the light dwells with him.
23 Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; waan nu si kadhanne na beeksifteerta; ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.”
I thank you and praise you, O God of my fathers, who have given me wisdom and might, and have now made known to me what we desired of you; for you have made known to us the king’s matter.”
24 Daaniʼelis Ariyook isa mootichi akka inni ogeeyyii Baabilon ajjeesuuf ajaje sana bira deemee, “Ati ogeeyyii Baabilon hin ajjeesin. Mooticha biratti na geessi; ani abjuu isaa nan hiikaaf” jedheen.
Therefore Daniel went in to Arioch, whom the king had appointed to destroy the wise men of Babylon. He went and said this to him: “Don’t destroy the wise men of Babylon. Bring me in before the king, and I will show to the king the interpretation.”
25 Ariyookis Daaniʼelin mooticha bira geessee, “Ani boojiʼamtoota Yihuudaa keessaa nama hiikkaa abjuu mootichaa himuu dandaʼu tokko argeera” jedheen.
Then Arioch brought in Daniel before the king in haste, and said this to him: “I have found a man of the children of the captivity of Judah who will make known to the king the interpretation.”
26 Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, “Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?” jedhe.
The king answered Daniel, whose name was Belteshazzar, “Are you able to make known to me the dream which I have seen, and its interpretation?”
27 Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru;
Daniel answered before the king, and said, “The secret which the king has demanded can’t be shown to the king by wise men, enchanters, magicians, or soothsayers;
28 garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
but there is a God in heaven who reveals secrets, and he has made known to King Nebuchadnezzar what will be in the latter days. Your dream and the visions of your head on your bed are these:
29 “Yaa mooticha utuu ati ciiftee jirtuu wanni gara fuula duraatti taʼuuf jiru yaada keetti dhufe; inni icciitii mulʼisus waan fuula duratti taʼu sitti argisiise.
“As for you, O king, your thoughts came on your bed, what should happen hereafter; and he who reveals secrets has made known to you what will happen.
30 Yaa mootii, akka kootti sababiin icciitiin kun natti mulʼateef ani namoota jiraatoo kaan caalaa ogummaa qabaadheef utuu hin taʼin, akka ati hiikkaa isaa beektee waan yaada kee keessa jiru hubattuuf.
But as for me, this secret is not revealed to me for any wisdom that I have more than any living, but to the intent that the interpretation may be made known to the king, and that you may know the thoughts of your heart.
31 “Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture.
“You, O king, saw, and behold, a great image. This image, which was mighty, and whose brightness was excellent, stood before you; and its appearance was terrifying.
32 Mataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman;
As for this image, its head was of fine gold, its chest and its arms of silver, its belly and its thighs of bronze,
33 miilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame.
its legs of iron, its feet part of iron and part of clay.
34 Utuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse.
You saw until a stone was cut out without hands, which struck the image on its feet that were of iron and clay, and broke them in pieces.
35 Ergasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute.
Then the iron, the clay, the bronze, the silver, and the gold were broken in pieces together, and became like the chaff of the summer threshing floors. The wind carried them away, so that no place was found for them. The stone that struck the image became a great mountain and filled the whole earth.
36 “Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna.
“This is the dream; and we will tell its interpretation before the king.
37 Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;
You, O king, are king of kings, to whom the God of heaven has given the kingdom, the power, the strength, and the glory.
38 inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti.
Wherever the children of men dwell, he has given the animals of the field and the birds of the sky into your hand, and has made you rule over them all. You are the head of gold.
39 “Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha.
“After you, another kingdom will arise that is inferior to you; and another third kingdom of bronze, which will rule over all the earth.
40 Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa.
The fourth kingdom will be strong as iron, because iron breaks in pieces and subdues all things; and as iron that crushes all these, it will break in pieces and crush.
41 Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata.
Whereas you saw the feet and toes, part of potters’ clay and part of iron, it will be a divided kingdom; but there will be in it of the strength of the iron, because you saw the iron mixed with miry clay.
42 Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa.
As the toes of the feet were part of iron, and part of clay, so the kingdom will be partly strong and partly brittle.
43 Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu.
Whereas you saw the iron mixed with miry clay, they will mingle themselves with the seed of men; but they won’t cling to one another, even as iron does not mix with clay.
44 “Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata.
“In the days of those kings the God of heaven will set up a kingdom which will never be destroyed, nor will its sovereignty be left to another people; but it will break in pieces and consume all these kingdoms, and it will stand forever.
45 Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”
Because you saw that a stone was cut out of the mountain without hands, and that it broke in pieces the iron, the bronze, the clay, the silver, and the gold, the great God has made known to the king what will happen hereafter. The dream is certain, and its interpretation sure.”
46 Nebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje.
Then King Nebuchadnezzar fell on his face, worshiped Daniel, and commanded that they should offer an offering and sweet odors to him.
47 Mootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe.
The king answered to Daniel, and said, “Of a truth your God is the God of gods, and the Lord of kings, and a revealer of secrets, since you have been able to reveal this secret.”
48 Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude.
Then the king made Daniel great and gave him many great gifts, and made him rule over the whole province of Babylon and to be chief governor over all the wise men of Babylon.
49 Daaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe.
Daniel requested of the king, and he appointed Shadrach, Meshach, and Abednego over the affairs of the province of Babylon, but Daniel was in the king’s gate.

< Daaniʼel 2 >