< Daaniʼel 11 >

1 Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
And as for me, in the first year of Darius the Mede, I stood up to be a supporter and a stronghold unto him.
2 “Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa.
And now will I declare unto thee the truth. Behold, there shall stand up yet three kings in Persia; and the fourth shall be far richer than they all; and when he is waxed strong through his riches, he shall stir up all against the realm of Greece.
3 Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta.
And a mighty king shall stand up, that shall rule with great dominion, and do according to his will.
4 Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota samii afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
And when he shall stand up, his kingdom shall be broken, and shall be divided toward the four winds of heaven; but not to his posterity, nor according to his dominion wherewith he ruled; for his kingdom shall be plucked up, even for others beside those.
5 “Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha.
And the king of the south shall be strong, and one of his princes; and he shall be strong above him, and have dominion; his dominion shall be a great dominion.
6 Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
And at the end of years they shall join themselves together; and the daughter of the king of the south shall come to the king of the north to make an agreement; but she shall not retain the strength of her arm; neither shall he stand, nor his arm; but she shall be given up, and they that brought her, and he that begot her, and he that obtained her in those times.
7 “Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata.
But one of the shoots of her roots shall stand up in his place, and shall come unto the army, and shall enter into the stronghold of the king of the north, and shall deal with them, and shall prevail;
8 Inni waaqota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa.
and also their gods, with their molten images, and with their precious vessels of silver and of gold, shall he bring into captivity into Egypt; and he shall desist some years from the king of the north.
9 Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa.
And he shall come into the kingdom of the king of the south, but he shall return into his own land.
10 Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
And his sons shall stir themselves up, and shall assemble a multitude of great forces, and he shall come on, and overflow, as he passes through; and he shall return and stir himself up, even to his stronghold.
11 “Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu.
And the king of the south shall be moved with choler, and shall come forth and fight with him, even with the king of the north; and he shall set forth a great multitude, but the multitude shall be given into his hand.
12 Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu.
and the multitude shall be carried away, and his heart shall be lifted up; and he shall cast down tens of thousands; but he shall not prevail.
13 Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
And the king of the north shall again set forth a multitude, greater than the former; and he shall come on at the end of the times, even of years, with a great army and with much substance.
14 “Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼata sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu.
And in those times there shall many stand up against the king of the south; also the children of the violent among thy people shall lift themselves up to establish the vision; but they shall stumble.
15 Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu.
And the king of the north shall come, and cast up a mound, and take a well-fortified city; and the arms of the south shall not withstand; and as for his chosen people, there shall be no strength in them to withstand.
16 Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata.
But he that cometh against him shall do according to his own will, and none shall stand before him; and he shall stand in the beauteous land, and in his hand shall be extermination.
17 Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.
And he shall set his face to come with the strength of his whole kingdom, but shall make an agreement with him; and he shall give him the daughter of women, to destroy it; but it shall not stand, neither be for him.
18 Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa.
After this shall he set his face unto the isles, and shall take many; but a captain shall cause the reproach offered by him to cease; yea, he shall cause his own reproach to return upon him.
19 Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
Then he shall turn his face toward the strongholds of his own land; but he shall stumble and fall, and shall not be found.
20 “Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
Then shall stand up in his place one that shall cause an exactor to pass through the glory of the kingdom; but within few days he shall be destroyed, neither in anger, nor in battle.
21 “Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata.
And in his place shall stand up a contemptible person, upon whom had not been conferred the majesty of the kingdom; but he shall come in time of security, and shall obtain the kingdom by blandishments.
22 Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu.
And the arms of the flood shall be swept away from before him, and shall be broken; yea, also the prince of the covenant.
23 Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata.
And after the league made with him he shall work deceitfully; and he shall come up and become strong, with a little nation.
24 Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
In time of security shall he come even upon the fattest places of the province; and he shall do that which his fathers have not done, nor his fathers' fathers: he shall scatter among them prey, and spoil, and substance; yea, he shall devise his devices against fortresses, but only until the time.
25 “Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabina isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu.
And he shall stir up his power and his courage against the king of the south with a great army; and the king of the south shall stir himself up to battle with a very great and mighty army; but he shall not stand, for they shall devise devices against him.
26 Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu.
Yea, they that eat of his food shall destroy him, and his army shall be swept away; and many shall fall down slain.
27 Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
And as for both these kings, their hearts shall be to do mischief, and they shall speak lies at one table; but it shall not prosper, for the end remaineth yet for the time appointed.
28 Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
And he shall return to his own land with great substance; and his heart shall be against the holy covenant; and he shall do his pleasure, and return to his own land.
29 “Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa.
At the time appointed he shall return, and come into the south; but it shall not be in the latter time as it was in the former.
30 Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
For ships of Kittim shall come against him, and he shall be cowed, and he shall return, and have indignation against the holy covenant, and shall do his pleasure; and he shall return, and have regard unto them that forsake the holy covenant.
31 “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu.
And arms shall stand on his part, and they shall profane the sanctuary, even the stronghold, and shall take away the continual burnt-offering, and they shall set up the detestable thing that causeth appalment.
32 Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Waaqa isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
And such as do wickedly against the covenant shall be corrupt by blandishments; but the people that know their God shall show strength, and prevail.
33 “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu.
And they that are wise among the people shall cause the many to understand; yet they shall stumble by the sword and by flame, by captivity and by spoil, many days.
34 Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.
Now when they shall stumble, they shall be helped with a little help; but many shall join themselves unto them with blandishments.
35 Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
And some of them that are wise shall stumble, to refine among them, and to purify, and to make white, even to the time of the end; for it is yet for the time appointed.
36 “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Waaqa kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Waaqa waaqotaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii.
And the king shall do according to his will; and he shall exalt himself, and magnify himself above every god, and shall speak strange things against the God of gods; and he shall prosper till the indignation be accomplished; for that which is determined shall be done.
37 Inni waaqota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Waaqa kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba.
Neither shall he regard the gods of his fathers; and neither the desire of women, nor any god, shall he regard; for he shall magnify himself above all.
38 Qooda isaanii waaqa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa.
But in his place shall he honour the god of strongholds; and a god whom his fathers knew not shall he honour with gold, and silver, and with precious stones, and costly things.
39 Inni gargaarsa waaqa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
And he shall deal with the strongest fortresses with the help of a foreign god; whom he shall acknowledge, shall increase glory; and he shall cause them to rule over many, and shall divide the land for a price.
40 “Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba.
And at the time of the end shall the king of the south push at him; and the king of the north shall come against him like a whirlwind, with chariots, and with horsemen, and with many ships; and he shall enter into the countries, and shall overflow, as he passes through.
41 Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu.
He shall enter also into the beauteous land, and many countries shall be overthrown; but these shall be delivered out of his hand, Edom, and Moab, and the chief of the children of Ammon.
42 Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu.
He shall stretch forth his hand also upon the countries; and the land of Egypt shall not escape.
43 Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu.
But he shall have power over the treasures of gold and silver, and over all the precious things of Egypt; and the Libyans and the Ethiopians shall be at his steps.
44 Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.
But tidings out of the east and out of the north shall affright him; and he shall go forth with great fury to destroy and utterly to take away many.
45 Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.
And he shall plant the tents of his palace between the seas and the beauteous holy mountain; and he shall come to his end, and none shall help him.

< Daaniʼel 11 >