< Daaniʼel 10 >

1 Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname.
In the third year of Cyrus king of the Persians a thing was revealed to Daniel, whose name was called Baltasar; and the thing was true, and great power and understanding in the vision was given to him.
2 Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe.
In those days I Daniel was mourning three full weeks.
3 Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.
I ate no pleasant bread, and no flesh or wine entered into my mouth, neither did I anoint myself with oil, until three whole weeks were accomplished.
4 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu,
On the twenty-fourth day of the first month, I was near the great river, which is Tigris Eddekel.
5 ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge.
And I lifted up mine eyes, and looked, and behold a man clothed in linen, and his loins were girded with gold of Ophaz:
6 Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture.
and his body was as Tharsis, and his face was a the appearance of lightning, and his eyes as lamps of fire, and his arms and his legs as the appearance of shining brass, and the voice of his words as the voice of a multitude.
7 Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan.
And I Daniel only saw the vision: and the men that were with me saw not the vision; but a great amazement fell upon them, and they fled in fear.
8 Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes.
So I was left alone, and saw this great vision, and there was no strength left in me, and my glory was turned into corruption, and I retained no strength.
9 Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe.
Yet I heard the voice of his words: and when I heard him I was pricked [in the heart], and [I fell with] my face to the earth.
10 Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe.
And, behold, a hand touched me, and it raised me on my knees.
11 Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe.
And he said to me, O Daniel, man greatly beloved, understand the words which I speak to you, and stand upright: for I am now sent to you. And when he had spoken to me this word, I stood trembling.
12 Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera.
And he said to me, Fear not, Daniel: for from the first day that you did set your heart to understand, and to afflict yourself before the Lord your God, they words were heard, and I am come because of your words.
13 Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe.
But the prince of the kingdom of the Persians withstood me twenty-one days: and behold, Michael, one of the princes, came to help me; and I left him there with the chief of the kingdom of the Persians:
14 Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”
and I have come to inform you of all that shall befall your people in the last days: for the vision is yet for [many] days.
15 Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe.
And when he had spoken with me according to these words, I turned my face to the ground, and was pricked [in the heart].
16 Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera.
And, behold, as it were the likeness of a son of man touched my lips; and I opened my mouth, and spoke, and said to him that stood before me, O [my] lord, at the sight of you my bowels were turned within me, and I had no strength.
17 Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.”
And how shall your servant be able, O [my] lord, to speak with this my lord? and as for me, from henceforth strength will not remain in me, and there is no breath left in me.
18 Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne.
And there touched me again as it were the appearance of a man, and he strengthened me,
19 Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe.
and said to me, Fear not, man greatly beloved: peace be to you, quit yourself like a man, and be strong. And when he had spoken with me, I received strength, and said, Let my lord speak; for you have strengthened me.
20 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa;
And he said, Know you, therefore I am come to you? and now I will return to fight with the prince of the Persians: and I was going in, and the prince of the Greeks came.
21 garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
But I will tell you that which is ordained in the scripture of truth: and there is no one that holds with me in these matters but Michael your prince.

< Daaniʼel 10 >