< Daaniʼel 1 >

1 Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse.
Léta třetího kralování Joakima krále Judského, přitáhl Nabuchodonozor král Babylonský k Jeruzalému, a oblehl jej.
2 Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Waaqa isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Waaqa isaa keessa kaaʼate.
I vydal Pán v ruku jeho Joakima krále Judského, a něco nádobí domu Božího. Kterýž zavezl je do země Sinear, do domu boha svého, a nádobí to dal vnésti do domu pokladu boha svého.
3 Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje;
Rozkázal také král Ašpenazovi, správci dvořanů svých, aby přivedl z synů Izraelských, z semene královského a z knížat,
4 isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture.
Mládence, na nichž by nebylo žádné poškvrny, a krásného oblíčeje, a vtipné ke vší moudrosti, a schopné k umění i k nabývání jeho, a v kterýchž by byla síla, aby stávali na palácu královském, a učili se liternímu umění a jazyku Kaldejskému.
5 Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture.
I nařídil jim král odměřený pokrm na každý den z stolu královského, i vína, kteréž on sám pil, a aby je tak choval za tři léta, a po dokonání jich aby stávali před králem.
6 Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan.
Byli pak mezi nimi z synů Juda: Daniel, Chananiáš, Mizael a Azariáš.
7 Itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼeliin Beelxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaaʼeelin, Meeshak, Azaariyaadhaan immoo Abdanaagoo jedhee maqaa haaraa baaseef.
I dal jim správce dvořanů jména. Nazval Daniele Baltazarem, Chananiáše pak Sidrachem, a Mizaele Mizachem, a Azariáše Abdenágem.
8 Daaniʼel garuu nyaataa fi daadhii wayinii mootichaatiin of xureessuu dide; innis akkasiin akka of hin xureessineef itti gaafatamaa qondaaltotaa sana eeyyama gaafate.
Ale Daniel uložil v srdci svém, aby se nepoškvrňoval pokrmem z stolu královského, a vínem, kteréž král pil. Pročež hledal toho u správce nad dvořany, aby se nemusil poškvrňovati.
9 Waaqnis yeroo kanatti akka Daaniʼel fuula qondaala sanaa duratti surraa fi gara laafina argatu godhe;
I způsobil Bůh Danielovi milost a lásku u správce nad dvořany.
10 qondaalli sun garuu Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ramade sana nan sodaadha; inni maaliif dargaggoota hiriyoota keessan kaan caalaa huqqattanii isin arga? Kanaan isin mootichi balaa mataa kootti fiddu” jedhe.
A řekl správce nad dvořany Danielovi: Já se bojím pána svého krále, kterýž vyměřil pokrm váš a nápoj váš, tak že uzřel-li by, že tváře vaše opadlejší jsou, nežli mládenců těch, kteříž podobně jako i vy chování býti mají, způsobíte mi to u krále, že přijdu o hrdlo.
11 Kana irratti Daaniʼel waardiyyaa itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼelii fi Hanaaniyaa irratti, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa irratti muude Meldaariin akkana jedhe;
I řekl Daniel služebníku, kteréhož ustanovil správce dvořanů nad Danielem, Chananiášem, Mizaelem a Azariášem:
12 “Maaloo tajaajiltoota kee bultii kudhaniif ilaali; biqiltuu nyaatamuu fi bishaan dhugamu malee waan biraa nuuf hin kennin.
Zkus, prosím, služebníků svých za deset dní, a nechť se nám vaření dává, kteréž bychom jedli, a voda, kterouž bychom pili.
13 Sana booddee bifa keenyaa fi bifa dargaggoota nyaata mootii nyaatanii wal biratti ilaali; waan argite irratti hundaaʼiitii tajaajiltoota kee irratti waan feete murteessi.”
A potom nechť se spatří před tebou tváře naše a tváře mládenců, kteříž jídají pokrm z stolu královského, a jakž uhlédáš, učiň s služebníky svými.
14 Innis yaada kana fudhatee bultii kudhan isaan qore.
I uposlechl jich v té věci, a zkusil jich za deset dní.
15 Dhuma bultii kurnan sanaattis isaan dargaggoota nyaata mootii nyaatan sana caalaa fayyaaleyyii fi warra dhagni isaanii furdatee miidhage taʼanii argaman.
Po skonání pak desíti dnů spatříno jest, že tváře jejich byly krásnější, a byli tlustší na těle než všickni mládenci, kteříž jídali pokrm z stolu královského.
16 Kanaafuu waardiyyaan sun qooda nyaata filatamaa fi daadhii wayinii kan isaan dhuguu qaban sanaa raafuu qofa isaaniif kenne.
Protož služebník brával ten vyměřený pokrm jejich, a víno nápoje jejich, a dával jim vaření.
17 Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.
Mládence pak ty čtyři obdařil Bůh povědomostí a rozumností ve všelikém literním umění a moudrostí; nadto Danielovi dal, aby rozuměl všelikému vidění a snům.
18 Yommuu guyyaan mootichi akka isaan gara isaatti dhiʼaatan murteesse gaʼettis, qondaalli hangaftichi fuula Nebukadnezar duratti isaan dhiʼeesse.
A když se dokonali dnové, po kterýchž rozkázal král, aby je přivedli, přivedl je správce dvořanů před Nabuchodonozora.
19 Mootichis isaan haasofsiise; innis nama Daaniʼeliin, Hanaaniyaan, Miishaaʼeelii fi Azaariyaan qixxaatu tokko illee hin arganne; kanaafuu isaan hojii mootichaa jalqaban.
I mluvil s nimi král. Ale není nalezen mezi všemi těmi, jako Daniel, Chananiáš, Mizael a Azariáš. I stávali před králem.
20 Mootichis waaʼee ogummaa fi beekumsaa kan isaan gaafate hundaan akka isaan ilaaltotaa fi falfaltoota biyyattiitti argaman hunda harka kudhan caalan arge.
A ve všelikém slovu moudrosti a rozumnosti, na kteréž se jich doptával král, nalezl je desetkrát zběhlejší nade všecky mudrce a hvězdáře, kteříž byli ve všem království jeho.
21 Daaniʼelis hamma waggaa tokkoffaa Qiiros mootichaatti achuma ture.
I zůstával tu Daniel až do léta prvního Cýra krále.

< Daaniʼel 1 >