< Qolosaayis 1 >

1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
Paulo, mtume wa Kristo Yesu kwa mapenzi ya Mungu, na Timotheo ndugu yetu,
2 Gara qulqulloota, obboloota Kiristoosiin amanamoo taʼan kanneen Qolosaayis jiraataniitti: Abbaa keenya Waaqa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
kwa waumini na ndugu waaminifu katika Kristo walioko Kolosai. Neema iwe kwenu, na amani kutoka kwa Mungu Baba yetu.
3 Nu yommuu isiniif kadhannutti Waaqa, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos yeroo hunda ni galateeffanna;
Tunatoa shukrani kwa Mungu, Baba wa Bwana wetu Yesu Kristo, na tunawaombea mara kwa mara.
4 amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii;
Tumesikia imani yenu katika Yesu Kristo na upendo mlionao kwa wale wote waliotengwa kwa ajili ya Mungu.
5 kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;
Mna upendo huu kwa sababu ya taraja la uhakika lililohifadhiwa mbinguni kwa ajili yenu. Mlisikia kuhusu taraja hiyo ya uhakika kabla katika neno la kweli, injili,
6 wangeelli kunis isin bira gaʼeera. Wangeelli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Waaqaa hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira.
ambayo imekuja kwenu. Injili hii inazaa tunda na inaenea ulimwenguni kote. Imekuwa ikifanya hivi ndani yenu pia tangu siku mlipoisikia na kujifunza kuhusu neema ya Mungu katika kweli.
7 Kanas tajaajilaa jaallatamaa hidhata keenya taʼe Ephaafiraa irraa barattaniirtu; innis Kiristoosiif tajaajilaa amanamaa taʼee iddoo keenya kan buʼee dha;
Hii ndiyo injili mliyojifunza kutoka kwa Epafra, mpendwa wetu mtumishi mwenzetu, ambaye ni mtumishi mwaminifu wa Kristo kwa niaba yetu.
8 inni waaʼee jaalala keessan kan Hafuurri isinii kenne sanaas nutti himeera.
Epafra ameufanya ujulikane kwetu upendo wenu katika Roho.
9 Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii kadhachuu fi akka Waaqni karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu kadhachuu hin dhiifne.
Kwa sababu ya upendo huu, tangu siku tuliposikia hivi, hatujaacha kuwaombea. Tumekuwa tukiomba kwamba mtajazwa na maarifa ya mapenzi yake katika hekima yote na ufahamu wa kiroho.
10 Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
Tumekuwa tukiomba kwamba mtatembea kwa ustahimilivu wa Bwana katika njia zipendezazo. Tumekuwa tukiomba kwamba mtazaa tunda katika kila tendo jema na kwamba mtakua katika maarifa ya Mungu.
11 isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
Tunaomba mweze kutiwa nguvu katika kila uwezo kulingana na nguvu za utukufu wake katika uvumilivu na ustahimilivu wote.
12 Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.
Tunaomba kwamba, kwa furaha, mtatoa shukrani kwa Baba, aliyewafanya ninyi mweze kuwa na sehemu katika urithi wa waumini katika nuru.
13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
Ametuokoa kutoka katika utawala wa giza na kutuhamishia katika ufalme wa Mwana wake mpendwa.
14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
Katika Mwanae tuna ukombozi, msamaha wa dhambi.
15 Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.
Mwana ni mfano wa Mungu asiyeonekana. Ni mzaliwa wa kwanza wa uumbaji wote.
16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
Kwakuwa kwa yeye vitu vyote viliumbwa, vile vilivyoko mbinguni na vilivyoko duniani, vitu vinavyoonekana na visivyoonekana. ikiwa ni vya enzi au mamlaka au utawala au wenye nguvu, vitu vyote viliumbwa na yeye na kwa ajili yake.
17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
Yeye amekuwepo kabla ya vitu vyote, na katika yeye vitu vyote vinashikamana pamoja.
18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
Na yeye ndiye kichwa cha mwili yaani kanisa, yeye ni mwanzo na mzaliwa wa kwanza kutoka miongoni mwa wafu, hivyo, ana nafasi ya kwanza miongoni mwa vitu vyote.
19 Waaqni guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii;
Kwa kuwa Mungu alipendezwa kwamba utimilifu wake wote uishi ndani yake,
20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan samii keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.
na kupatanisha vitu vyote kwake kwa njia ya Mwanawe. Mungu alifanya amani kupitia damu ya msalaba wake. Mungu alipatanisha vitu vyote kwake mwenyewe, ikiwa ni vitu vya duniani au vitu vya mbinguni.
21 Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan.
Nanyi pia, kwa wakati mmoja mlikuwa wageni kwa Mungu na mlikuwa maadui wake katika akili na matendo maovu.
22 Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera;
Lakini sasa amewapatanisha ninyi kwa mwili wake kupitia kifo. Alifanya hivi ili kuwaleta ninyi watakatifu, wasio na lawama na bila dosari mbele yake,
23 kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
kama mkiendelea katika imani, mliyoimarishwa na kuwa thabiti, pasipo kuondoshwa mbali kutoka kwenye taraja la ujasiri la injili mliyoisikia. Hi ndiyo injili iliyotangazwa kwa kila mtu aliyeumbwa chini ya mbingu. Hii ndiyo injili ambayo kwayo mimi, Paulo, nimekuwa mtumishi.
24 Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.
Sasa nafurahia mateso yangu kwa ajili yenu. Nami natimiliza katika mwili wangu kinachopungua kwa mateso ya Kristo kwa ajili ya mwili wake, ambao ni kanisa.
25 Ergama Waaqni natti kenneen ani akka dubbii Waaqaa guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera;
Mimi ni mtumishi wa kanisa hili, sawasawa na wajibu niliopewa kutoka kwa Mungu kwa ajili yenu, kulijaza neno la Mungu.
26 dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera. (aiōn g165)
Huu ni ukweli wa siri iliyokuwa imefichwa kwa miaka mingi na kwa vizazi. Lakini sasa imefunuliwa kwa wote waaminio katika Yeye. (aiōn g165)
27 Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
Ni kwa wale ambao Mungu alitaka kufunua kulivyo utajiri wa utukufu wa siri ya ukweli huu miongoni mwa Mataifa. Ni kwamba Kristo yumo ndani yenu, ujasiri wa utukufu ujao.
28 Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Kiristoositti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna.
Huyu ndiye tunayemtangaza. Tunamwonya kila mtu, na kumfundisha kila mtu kwa hekima yote, ili kwamba tumlete kila mtu mkamilifu katika Kristo.
29 Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.
Kwa jili hii, mimi najibidisha na kujitahidi kulingana na nguvu yake ifanyayo kazi ndani yangu katika uweza.

< Qolosaayis 1 >