< Qolosaayis 4 >

1 Yaa gooftota, isinis akka samii irraa Gooftaa qabdan waan beektaniif, garboota keessan qajeelummaa fi wal qixxummaadhaan bulchaa.
Masters, give to your servants that which is just and equal, knowing that you also have a Master in heaven.
2 Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan kadhannaatti jabaadhaa.
Continue steadfastly in prayer, watching in it with thanksgiving;
3 Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa.
praying together for us also, that God may open to us a door for the word, to speak the mystery of Christ, for which I am also in bonds;
4 Anis akka narraa eegamutti ibsee akkan lallabuuf naa kadhadhaa.
that I may reveal it as I ought to speak.
5 Baricha furuudhaan warra alaa wajjin hubannaadhaan jiraadhaa.
Walk in wisdom toward those who are outside, redeeming the time.
6 Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.
Let your speech always be with grace, seasoned with salt, that you may know how you ought to answer each one.
7 Xikiqoos oduu waaʼee kootii hunda isinitti ni hima. Inni obboleessa jaallatamaa, tajaajilaa amanamaa fi Gooftaatti garbicha hidhata koo taʼee dha.
All my affairs will be made known to you by Tychicus, the beloved brother, faithful servant, and fellow slave in the Lord.
8 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni garaa keessan jajjabeessuuf gara keessanitti isa ergeera.
I am sending him to you for this very purpose, that you may know our circumstances and that he may encourage your hearts,
9 Innis obboleessa keenya amanamaa fi jaallatamaa isa garee keessan keessaa tokko taʼe Oneesimoos wajjin dhufa. Isaanis waan asitti taʼaa jiru hundumaa isinitti himu.
together with Onesimus, the faithful and beloved brother, who is one of you. They will make known to you everything that is going on here.
10 Arisxirokoos inni na wajjin hidhamee jiru nagaa isinii dhaama; Maarqos durbiin Barnaabaasis akkanuma nagaa isinii dhaama. Waaʼee isaas ajajni, “Yoo inni gara keessan dhufe isa simadhaa” jedhu isin gaʼeera.
Aristarchus, my fellow prisoner greets you, and Mark, the cousin of Barnabas (concerning whom you received commandments, "if he comes to you, receive him"),
11 Yesuus inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Waaqaatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.
and Jesus who is called Justus, who are of the circumcision. These are my only fellow workers for the Kingdom of God, and they have been a comfort to me.
12 Ephaafiraan inni isin keessaa tokko taʼee fi tajaajilaan Kiristoos Yesuus nagaa isinii dhaama. Innis akka isin fedhii Waaqaa hundaan bilchaatoo fi guutuu taatanii jabaattanii dhaabattaniif yeroo hunda kadhannaadhaan isinii dadhabaa jira.
Epaphras, who is one of you, a servant of Christ, salutes you, always striving for you in his prayers, that you may stand perfect and fully assured in all the will of God.
13 Ani akka inni isiniif, warra Lodooqiyaa fi magaalaa Heraapoolis jiraniifis hinaaffaa gaarii qabu dhugaa nan baʼaaf.
For I testify about him, that he has worked hard for you, and for those in Laodicea, and for those in Hierapolis.
14 Luqaas ogeessi fayyaa michuun keenya jaallatamaanii fi Deemaas nagaa isinii dhaamu.
Luke, the beloved physician, and Demas greet you.
15 Obboloota Lodooqiyaa jiranitti, akkasumas Niimfaa fi waldaa kiristaanaa kan mana ishee jirtutti nagaa naa himaa.
Greet the brothers who are in Laodicea, and to Nympha and the church that is in her house.
16 Erga xalayaan kun isinii dubbifamee booddee waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti akka dubbifamu godhaa; isinis xalayaa Lodooqiyaadhaa dhufu dubbifadhaa.
When this letter has been read among you, cause it to be read also in the church of the Laodiceans; and that you also read the letter from Laodicea.
17 Arkiphaadhaanis, “Hojii Gooftaadhaan sitti kenname sana akka xumurtu mirkaneeffadhu” jedhaa.
Tell Archippus, "See that you fulfill the ministry that you have been given in the Lord."
18 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa. Hidhamuu koo yaadadhaa. Ayyaanni isin wajjin haa taʼu.
I, Paul, write this greeting with my own hand. Remember my chains. Grace be with you.

< Qolosaayis 4 >