< Qolosaayis 3 >
1 Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa.
If then you were raised together with Christ, seek the things that are above, where Christ is, seated on the right hand of God.
2 Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Set your mind on the things that are above, not on the things that are on the earth.
3 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera.
For you died, and your life is hidden with Christ in God.
4 Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.
When Christ, your life, is revealed, then you will also be revealed with him in glory.
5 Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.
Put to death, therefore, whatever is worldly in you: sexual immorality, impurity, lust, evil desire, and covetousness, which is idolatry.
6 Sababii kanaafis dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufa.
Because of these, the wrath of God is coming on the children of disobedience.
7 Isinis jireenya dur jiraattan keessatti karuma akkasii irra deddeebiʼaa turtan.
You also once walked in those, when you lived in them;
8 Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin.
but now you also put them all away: anger, wrath, malice, slander, and shameful speaking out of your mouth.
9 Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii
Do not lie to one another, seeing that you have put off the old self with its practices,
10 eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.
and have put on the new self, who is being renewed in knowledge after the image of his Creator,
11 Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Kiristoos garuu hunduma; hunduma keessas jira.
where there cannot be Greek and Jew, circumcision and uncircumcision, barbarian, Scythian, slave, freeman; but Christ is all, and in all.
12 Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.
Put on therefore, as God's chosen ones, holy and beloved, a heart of compassion, kindness, gentleness, humility, and patience;
13 Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.
bearing with one another, and forgiving each other, if anyone has a complaint against another; even as the Lord forgave you, so you also do.
14 Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Above all these things, walk in love, which is the bond of perfection.
15 Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
And let the peace of Christ rule in your hearts, to which also you were called in one body; and be thankful.
16 Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.
Let the word of Christ dwell in you richly; in all wisdom teaching and admonishing one another with psalms, hymns, and spiritual songs, singing with grace in your heart to God.
17 Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Whatever you do, in word or in deed, do all in the name of the Lord Jesus, giving thanks to God the Father, through him.
18 Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
Wives, be in subjection to your husbands, as is fitting in the Lord.
19 Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
Husbands, love your wives, and do not be bitter against them.
20 Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Children, obey your parents in all things, for this pleases the Lord.
21 Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
Fathers, do not provoke your children, so that they won't be discouraged.
22 Yaa garboota, isinis warra fooniin gooftota keessan taʼaniif waan hundaan ajajamaa; kanas yeroo isaan isin ilaalan qofa isaan gammachiisuuf utuu hin taʼin garaa qulqulluu fi Gooftaa sodaachuudhaan godhaa.
Servants, obey in all things those who are your masters according to the flesh, not just when they are looking, as people-pleasers, but in singleness of heart, fearing the Lord.
23 Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;
And whatever you do, work heartily, as for the Lord, and not for people,
24 kunis sababii isin akka Gooftaa biraa badhaasa dhaalaa argattan beektaniif. Kan isin tajaajilaa jirtan Kiristoos Goofticha.
knowing that from the Lord you will receive the reward of the inheritance; for you serve the Lord Christ.
25 Namni balleessaa hojjetu kam iyyuu gatii balleessaa isaa ni argataatii; nama wal caalchisuunis hin jiru.
But he who does wrong will receive again for the wrong that he has done, and there is no partiality.