< Qolosaayis 2 >

1 Akka ani isiniif, warra Lodooqiyaa jiranii fi warra fooniin fuula koo hin argin hundaafis jedhee hammam carraaqaa jiru isin akka beektan nan barbaada.
For I want you to know how much I am struggling for you and for those at Laodicea, and for all who have not met me face to face,
2 Kunis akka isaan jaalalaan tokko taʼanii garaan isaanii jajjabeeffamuuf, akka isaan badhaadhummaa hubannaa guutuu qabaatanii icciitii Waaqaa jechuunis Kiristoosin beekaniif;
that they may be encouraged in heart, knit together in love, and filled with the full riches of complete understanding, so that they may know the mystery of God, namely Christ,
3 badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuus isuma keessa dhokfameera.
in whom are hidden all the treasures of wisdom and knowledge.
4 Anis akka namni tokko iyyuu afaan tolee isin hin gowwoomsineef waan kana isinittin hima.
I say this so that no one will deceive you by smooth rhetoric.
5 Ani yoon fooniin isin irraa fagaadhe illee hafuuraan isin wajjin waanan jiruuf, isin hammam naamusa qabeeyyii akka taatanii fi amantiin isin Kiristoositti qabdanis hammam cimaa akka taʼe arguu kootiif nan gammada.
For although I am absent from you in body, I am present with you in spirit, and I delight to see your orderly condition and firm faith in Christ.
6 Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa;
Therefore, just as you have received Christ Jesus as Lord, continue to walk in Him,
7 akkuma barattan sanatti hidda keessan isa keessatti gad fageeffadhaatii isa irratti ijaaramaa; amantiittis jabaadhaa; galata guutee dhangalaʼus dhiʼeessaa.
rooted and built up in Him, established in the faith as you were taught, and overflowing with thankfulness.
8 Eenyu iyyuu barsiisa waaʼee Kiristoos irratti hundeeffameen utuu hin taʼin falaasama faayidaa hin qabnee fi gowwoomsaa, kan bartee namaatii fi qajeelfama addunyaa kanaa irratti hundeeffameen akka isin hin boojine of eeggadhaa.
See to it that no one takes you captive through philosophy and empty deception, which are based on human tradition and the spiritual forces of the world rather than on Christ.
9 Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;
For in Christ all the fullness of the Deity dwells in bodily form.
10 isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.
And you have been made complete in Christ, who is the head over every ruler and authority.
11 Isumaanis foon cubbamaa taʼe sana of irraa gattanii dhagna qabattaniirtu; dhagna qabaan kunis dhagna qabaa harka namaatiin taʼe utuu hin taʼin kan Kiristoosiin taʼee dha;
In Him you were also circumcised, in the putting off of your sinful nature, with the circumcision performed by Christ and not by human hands.
12 isinis cuuphaadhaan isa wajjin awwaalamtanii humna Waaqaa kan Kiristoosin warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.
And having been buried with Him in baptism, you were raised with Him through your faith in the power of God, who raised Him from the dead.
13 Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
When you were dead in your trespasses and in the uncircumcision of your sinful nature, God made you alive with Christ. He forgave us all our trespasses,
14 innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.
having canceled the debt ascribed to us in the decrees that stood against us. He took it away, nailing it to the cross!
15 Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.
And having disarmed the powers and authorities, He made a public spectacle of them, triumphing over them by the cross.
16 Kanaafuu eenyu iyyuu waan nyaattanii fi waan dhugdaniin yookaan waaʼee ayyaanaatiin yookaan waaʼee Baatii Haaraatiin yookaan waaʼee Sanbataatiin isinitti hin murin.
Therefore let no one judge you by what you eat or drink, or with regard to a feast, a New Moon, or a Sabbath.
17 Isaan kunneen gaaddidduu waan dhufuuf jiruu ti; dhugaan isaa garuu Kiristoos keessa jira.
These are a shadow of the things to come, but the body that casts it belongs to Christ.
18 Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula.
Do not let anyone who delights in false humility and the worship of angels disqualify you with speculation about what he has seen. Such a person is puffed up without basis by his unspiritual mind.
19 Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
He has lost connection to the head, from whom the whole body, supported and knit together by its joints and ligaments, grows as God causes it to grow.
20 Isin erga Kiristoos wajjin qajeelfama hundee kan addunyaa kanaatiif duutanii maaliif akka waan amma iyyuu kan addunyaa taataniitti sirna isaatiif bultu ree?
If you have died with Christ to the spiritual forces of the world, why, as though you still belonged to the world, do you submit to its regulations:
21 Innis, “Harkaan hin qabatin! Hin dhandhamin! Hin tuqin!” jedha.
“Do not handle, do not taste, do not touch!”?
22 Isaanis waan ajajaa fi barsiisa namaa irratti hundeeffamaniif yeroo hojii irra oolanitti baduuf murteeffamaniiru.
These will all perish with use, because they are based on human commands and teachings.
23 Sirni kunis dhugumaan of dirqisiisuun waaqeffachuu isaanii, gad of qabuu sobaatii fi foon isaanii miidhuu isaaniitiin bifa ogummaa qaba; hawwii foonii dhowwuuf garuu faayidaa tokko illee hin qabu.
Such restrictions indeed have an appearance of wisdom, with their self-prescribed worship, their false humility, and their harsh treatment of the body; but they are of no value against the indulgence of the flesh.

< Qolosaayis 2 >