< Amoos 1 >

1 Kun mulʼata Amoos inni tikseewwan Teqooʼaa keessaa tokko ture sun bara Uziyaan mootii Yihuudaa, Yerobiʼaam ilmi Yooʼaash immoo mootii Israaʼel turetti, utuu sochiin lafaa hin taʼin waggaa lama dura waaʼee Israaʼel argee dha.
Haya ni mambo yanayoihusu Israeli ambayo Amosi, mmoja wa wachungaji katika Tekoa, aliyapokea katika ufunuo. Alipokea haya mambo katika siku za Uzia mfalme wa Yuda, na pia katika siku za Yeroboamu mwana wa Yoashi mfalme wa Israeli, miaka miwili kabla ya tetemeko la aridhi.
2 Innis akkana jedhe: “Waaqayyo Xiyoon keessaa iyya; Yerusaalem keessaa sagalee dhageessisa; dirreen tiksoonni itti bobbaasan ni goga; fiixeen gaara Qarmeloosis ni coollaga.”
Alisema, “Yahwe atanguruma kutoka Sayuni; atainua sauti yake kutoka Yerusalemu. Malisho ya wachungaji yatanyamaza kimya; kilele cha Karmeli kitanyauka.”
3 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Damaasqoo sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan meeshaa ittiin midhaan dhaʼan kan ilkaan sibiilaa qabuun Giliʼaadin tumaniif,
Hivi ndivyo Yahwe asemavyo: “Kwa dhambi tatu za Damaskasi, hata kwa nne, sintobadilisha adhabu, kwa sababu wameipura Gileadi kwa vyombo vya chuma.
4 ani ibidda daʼannoo Ben-Hadaad barbadeessu tokko, mana Hazaaʼeelitti nan erga.
Nitapeleka moto kwenye nyumba ya Hazaeli, na utaiteketeza ngome za Ben Hadadi.
5 Ani karra Damaasqoo nan cabsa; mootii Sulula Aawwen keessa jiruu fi isa Beet Eden keessatti bokkuu qabatu nan balleessa. Uummanni Sooriyaa boojiʼamee Qiiritti ni geeffama” jedha Waaqayyo.
Nitazivunja komeo za Damaskasi na kumkatilia mbali mtu ambaye aishiye katika Biqati Aveni, na pia yule mtu ashikaye fimbo ya kifalme katika Beth Edeni. Na watu wa shamu watakwenda utumwani hata Kiri,” asema Yahwe.
6 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Gaazaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen hawaasa hunda boojitee Edoomitti gurguratteef,
Hivi ndivyo Yahwe asemavyo: “Kwa dhambi tatu za Gaza, hata nne, sintobadilisha adhabu, kwa sababu waliwachukua mateka watu wote, kuwaweka juu ya mkono wa Edomu.
7 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Gaazaatti nan erga.
Nitatuma moto kwenye kuta za Gaza, na kuziteketeza ngome zake.
8 Ani mootii Ashdoodii fi isa Ashqaloon keessatti bokkuu qabatu sana nan balleessa. Ani hamma hambaan Filisxeemotaa duʼuutti harka koo Eqroonitti nan deebifadha” jedha Waaqayyo Gooftaan.
Nitamkatilia mbali yule mtu aishiye katika Ashdodi na mtu ashikaye fimbo ya kifalme kutoka Ashkeloni. Nitaugeuza mkono wangu dhidi ya Ekroni, na mabaki ya Wafilisti wataangamia,” asema Bwana Yahwe.
9 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Xiiroos sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isheen walii galtee obbolummaa cabsitee hawaasa boojiʼame guutuu Edoomitti gurguratteef
Hivi ndivyo Yhawe asemavyo: “Kwa dhambi tatu za Tiro, hata kwa nne, sintobadili adhabu, kwa sababu waliwapelekea watu wote wa Edomu, na wamevunja agano lao la undugu.
10 ani ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Xiiroositti nan erga.”
Nitapeleka moto kwenye kuta za Tiro, nao utaziteketeza ngome zake.”
11 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Edoom sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni gara laafina hunda gatee obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeef, sababii aariin isaa ittuma fufee hoʼee dheekkamsi isaas utuu hin dhowwamin bobaʼeef,
Hivi ndivyo Yahwe asemavyo, “Kwa dhambi tatu za Edomu, hata kwa nne, sintobadilisha adhabu, kwa sababu alimfuatilia ndugu yake kwa upanga na kutupilia mbali huruma zote. Hasira yake ikaendelea kuwa kali, na ghadhabu yake ikabaki milele.
12 ani ibidda daʼannoo Bozraa barbadeessu tokko Teemaanitti nan erga.”
Nitapeleka moto juu ya Temani, na utaziteketeza nyumb a za kifalme za Bozra.”
13 Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Amoon sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni daangaa isaa babalʼifachuuf jedhee dubartoota Giliʼaad kanneen ulfa qaban baqaqseef
Hivi ndivyo Yahwe asemavyo, “Kwa dhambi tatu za watu wa Amoni, hata kwa nne, sintobadilisha adhabu, kwa sababu wamewapasua wanawake wa Gileadi wenye mimba, ili waweze kupanua mipaka yao.
14 ani guyyaa lolaatti wacaan, guyyaa qilleensa hamaatti immoo bubbee jabaadhaan ibidda daʼannoo ishee barbadeessu tokko dallaa Rabbaatti nan erga.
Nitawasha moto katika kuta za Raba, nao utaziteketeza nyumba za kifalme, pamoja na kupiga kelele katika siku ya vita, pamoja na dhoruba katika siku ya kimbunga.
15 Mootiin ishee boojiʼamee innii fi qondaaltonni isaa wajjin ni boojiʼamu” jedha Waaqayyo.
Mfalme wao ataenda utumwani, yeye na maafisa wake pamoja,” asema Yahwe.

< Amoos 1 >