< Amoos 9 >

1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: “Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif fiixee utubaa dhaʼi. Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.
ראיתי את אדני נצב על המזבח ויאמר הך הכפתור וירעשו הספים ובצעם בראש כלם ואחריתם בחרב אהרג לא ינוס להם נס ולא ימלט להם פליט
2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu harki koo achii isaan fuudha. Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu ani achii gad isaan nan buusa. (Sheol h7585)
אם יחתרו בשאול משם ידי תקחם ואם יעלו השמים--משם אורידם (Sheol h7585)
3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee gad isaan nan fida. Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.
ואם יחבאו בראש הכרמל משם אחפש ולקחתים ואם יסתרו מנגד עיני בקרקע הים--משם אצוה את הנחש ונשכם
4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. “Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.”
ואם ילכו בשבי לפני איביהם משם אצוה את החרב והרגתם ושמתי עיני עליהם לרעה ולא לטובה
5 Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; isheenis ni baqxi; wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; ergasiis akka laga Gibxi gad galti;
ואדני יהוה הצבאות הנוגע בארץ ותמוג ואבלו כל יושבי בה ועלתה כיאר כלה ושקעה כיאר מצרים
6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee hundee isaa lafa irra dhaabbatu, inni bishaanota galaanaa waamee fuula lafaa irratti gad roobsu sun maqaan isaa Waaqayyo.
הבונה בשמים מעלותו ואגדתו על ארץ יסדה הקרא למי הים וישפכם על פני הארץ--יהוה שמו
7 “Isin Israaʼeloonni anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” jedha Waaqayyo. “Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, Filisxeemota Kaftoorii, warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?
הלוא כבני כשיים אתם לי בני ישראל נאם יהוה הלוא את ישראל העליתי מארץ מצרים ופלשתיים מכפתור וארם מקיר
8 “Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa mootummaa cubbamaa irra jira. Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” jedha Waaqayyo.
הנה עיני אדני יהוה בממלכה החטאה והשמדתי אתה מעל פני האדמה אפס כי לא השמיד אשמיד את בית יעקב--נאם יהוה
9 “Ani ajaja kennee akkuma midhaan gingilchaadhaan gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana saboota hunda gidduutti mana Israaʼel nan gingilcha.
כי הנה אנכי מצוה והנעותי בכל הגוים את בית ישראל כאשר ינוע בכברה ולא יפול צרור ארץ
10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi Warri, ‘Balaan nu hin argatu yookaan nutti hin dhufu’ jedhan hundi goraadeedhaan dhumu.
בחרב ימותו כל חטאי עמי האמרים לא תגיש ותקדים בעדינו--הרעה
11 “Ani bara sana keessa dunkaana Daawit “Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. Kan tarsaʼes walitti nan supha; diigamaa isaa iddootti deebisee akka duraatti nan ijaara;
ביום ההוא אקים את סכת דויד הנפלת וגדרתי את פרציהן והרסתיו אקים ובניתיה כימי עולם
12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.
למען יירשו את שארית אדום וכל הגוים אשר נקרא שמי עליהם נאם יהוה עשה זאת
13 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, “namni wayinii dhaabu immoo isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.
הנה ימים באים נאם יהוה ונגש חורש בקצר ודרך ענבים במשך הזרע והטיפו ההרים עסיס וכל הגבעות תתמוגגנה
14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. “Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.
ושבתי את שבות עמי ישראל ובנו ערים נשמות וישבו ונטעו כרמים ושתו את יינם ועשו גנות ואכלו את פריהם
15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa lammata hin buqqifaman,” jedha Waaqayyo Waaqni kee.
ונטעתים על אדמתם ולא ינתשו עוד מעל אדמתם אשר נתתי להם--אמר יהוה אלהיך

< Amoos 9 >