< Amoos 8 >

1 Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.
Thus the Lord GOD showed me: behold, a basket of summer fruit.
2 Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”
He said, “Amos, what do you see?” I said, “A basket of summer fruit.” Then the LORD said to me, “The end has come on my people Israel. I will not again pass by them any more.
3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”
The songs of the temple will be wailing in that day,” says the Lord GOD. “The dead bodies will be many. In every place they will throw them out with silence.
4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;
Hear this, you who desire to swallow up the needy, and cause the poor of the land to fail,
5 isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu;
saying, ‘When will the new moon be gone, that we may sell grain? And the Sabbath, that we may market wheat, making the ephah small, and the shekel large, and dealing falsely with balances of deceit;
6 hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu.
that we may buy the poor for silver, and the needy for a pair of sandals, and sell the sweepings with the wheat?’”
7 Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.
The LORD has sworn by the pride of Jacob, “Surely I will never forget any of their works.
8 “Sababii kanaaf lafti kirkirtee namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; isheen akkuma laga Gibxi ol dadarbatamtee liqimfamti.”
Will not the land tremble for this, and everyone mourn who dwells in it? Yes, it will rise up wholly like the River; and it will be stirred up and sink again, like the River of Egypt.
9 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.
It will happen in that day,” says the Lord GOD, “that I will cause the sun to go down at noon, and I will darken the earth in the clear day.
10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii mataa keessan haaddattan nan godha. Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
I will turn your feasts into mourning, and all your songs into lamentation; and I will make you wear sackcloth on all your bodies, and baldness on every head. I will make it like the mourning for an only son, and its end like a bitter day.
11 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
Behold, the days come,” says the Lord GOD, “that I will send a famine in the land, not a famine of bread, nor a thirst for water, but of hearing the LORD’s words.
12 Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha galaanaa gara galaanaatti, kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; garuu hin argatan.
They will wander from sea to sea, and from the north even to the east; they will run back and forth to seek the LORD’s word, and will not find it.
13 “Bara sana “Shamarran babbareedoo fi dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.
In that day the beautiful virgins and the young men will faint for thirst.
14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”
Those who swear by the sin of Samaria, and say, ‘As your god, Dan, lives,’ and, ‘As the way of Beersheba lives,’ they will fall, and never rise up again.”

< Amoos 8 >